MM Abiy fi Ministitti Dhimma Alaa Ameerikaa marii waliin taasisaniin maal kaasan?

Madda suuraa, Getty Images
Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad "dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo barbaadan" jedhan irratti Ministiira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin mariyachuu himan.
MM Abiy ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin Markoo Ruubiyoo waliin karaa bilbilaan marii milkaa'aa taasisuu ibsan.
Waajirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaaas MM Abiy Ahmad fi Ministirri DHimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoo waliin marii gaggeessuu ibsa fuula marsariitii isaarratti taasiseen ibseera.
MM Abiy, "Ministiira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin hariiroo biyyoota lamaanii, dhimmoota qaxaafi xiyyeeffannoo qaamolee hedduu barbaadan irratti bilbilaan marii baay'ee bu'a qabeessa taasisneerra," jedhan.
MM Abiy Ahmad qondaala olaanaa Ameerikaa waliin mariyachuu kan ibsan yeroo kaaba Itoophiyaatti waraanni gaggeeffamaa jiruufi Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti muddamni waraanaa dhalatee jirutti.
Miniteerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, mariin isaan taasisan "muddama Ertiraa waliin hammaachaa dhufe" ilaalchisuun ta'uu ibseera.
"Ministirri Dhimma Alaa gama qaamolee lachuu muddama gidduu isaanii jiru akka tasgabbeessan deegara," jedha ibsi Waajira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kun.
Rakkoowwan keessoos ta'e kan alaa furuuf furmaanni waaraa tokkichi marii ta'uus eereera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kanaaf ammoo waliigalteen nagaa Itoophiyaa fi Ertiraan bara 2018 keessa taasisan akka hojiirra ooluu qabu kaaseera ibsichi.
MM Abiy gama isaaniin, marii Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa waliin taasifamerratti muddama Ertiraa waliin jiru waan addatti kaasanii ibsan hin qaban.
Maarkoo Ruubiyoo waliin taasisne jedhaniin, michummaa Itoophiyaafi US waggoota heddu lakkoofsise caalmatti gara hariiroo tarsiimawaafi hojiitti hiikamuutti ol guddisuuf kutannoo biyyoota lamaanii kan agarsiisu ta'uu ibsan.
Ameerikaan deeggarsa itti fufiinsa qabu Itoophiyaaf kennitu itti fufuuf waadaa galuushee kan ibsan MM Abiy kanaaf ammoo galateeffachuus himan.
"Yunaayitid Isteetis deeggarsa itti fufiinsa qabu Itoophiyaaf taasistu ilaalchisee nuuf mirkaneessuu isaaniif dinqisiifachaa, tumsa biyyoota lamaanii cimsuuf akkasumas dhimmoota qaxanaafi ...dursa kenninuuf irratti waliin hojjachuuf kutannoo qabnu mirkaneessuun barbaada," jedhan.
Waajirri Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa isaa kana keessatti, Maarkoo Ruubiyoo "biyyoonni Gaanfa Afrikaa walabummaa fi tokkummaa daangaa kabajuu qabu," jechuu isaa eereera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kun itti dabaluun, biyyoonni kunneen "daangaa darbuun weerara walirratti akka hin banne" akeekkachiiseera.
Marii MM Abiy waliin taasiseen "qaxanaan kun walitti bu'iinsa biroo dandamachuu hin danda'u," jechuu isaas ibseera.
MM Abiy Ahmad fi Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo bara darbe jalqaba Muddee keessa "Nageenya Gaanfa Afrikaa fi tasgabbii qaxanaa kanaa" ilaalchisuun karaa bilbulaan marii taasisuun isaanii gabaafamee ture.
Guyyoota lamaan duras, Onkoloolessa 12, MM Abiy Ahmad Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waliin "dhimmoota ijoorratti" mariyachuu ibsanii ture.
MM Abiy Ahmad fuula isaanii X irratti ergaa maxxansanii turaniin, "Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waliin bilbilaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii hojiirra oolchuu fi dhimmoota ijoo naannichatti ta'aa jiran ilaalchisee marii bu'a qabeessa ta'e gooneerra," jechuun barreessan.
Dabalataanis, dhimmoota fedhii waloo ta'an irratti waliin hojjechuu ilaalchisee mari'achuu isaanii ibsaniiru.
MM Abiy qondaala olaanaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoofi guyyaa lama dura ammoo Ministiira Muummee Israa'el Netaaniyaahuu waliin bilbilaan mariyachuu kan ibsan yeroo Itoophiyaafi Ertiraan muddama waraanaa keessa galaniifi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti wal-himataa jiranitti.
Itoophiyaan torban darbe xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreessiteen, Ertiraan loltoota ishee bobbaasuun "daangaa koo weerarte" jechuu of ittisuu malee filannoo akka hin qabne "naaf beekaa" jette.
Ertiraanis gamasheen, Itoophiyaan waraana irratti banuuf haal-duree tolfataa akka jirtu ibsuun UNtti iyyatteetti.




























