Pirezidaantiin Somaaliland Itoophiyaa deeggaruun, tumsa biyyoota Masriin durfaman qeeqan

Madda suuraa, SM
Pirezidaantiin Somaaliland Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi, daawwannaa Ameerikaa erga xumuranii booda, har'a UAE irraa akka deebi'aniin, yeroo jalqabaaf muddama gaanfa Afrikaa, keessumattuu haala Itoophiyaa irratti dubbatan.
Pirezidaantiin Somaaliland, Itoophiyaa irratti gidduu seentummaan tasgabbii fi abbaa biyyummaa biyyattii balaadhaaf saaxilu kamiyyuu akka morman ibsan.
Akkasumas, tumsa biyyoota Masrii, Somaaliyaa, Sudaanii fi Eritraa of keessatti hammate qeequun, dhimmoonni naannawa kanaa Somaaliland osoo hin hirmaatin murtaa'uu hin qaban jedhan.
"Itoophiyaan ollaa keenya. Tumsa fi kutannoo isheen qabdu irratti amantaa guddaa qabna.
Tarkaanfii tasgabbii fi abbaa biyyummaa biyyattii sodaachisu yookaan balaadhaaf saaxilu kamiyyuu cimsee mormina," jedhan Abdirahman Mohamed Abdullahi.
Pirezidaantichi tumsa biyyootni arfan: Masrii, Somaaliyaa, Sudaanii fi Eritraan dhimma nageenya galaana diimaa ilaalchisuun taasisan qeeqaniiru.
Itti dabaluunis murtoowwan naannichaa irratti Somaalilandis hirmaachuu qabdi jedhan.
"Akka Mootummaa fi uummatatti, tarkaanfiiwwan dhiheenya kana biyyootni Masriin durfaman fudhatan ni mormina.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kabaja waliinii irratti hundaa'uun mari'achuuf qophiidha. Haa ta'u malee, abbaa biyyummaa biyya keenyaa irratti mariin hin jiru," jechuun dubbatan.
Hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliland dhimma ulaa galaanaa fi walitti dhufeenya biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin walqabatee xiyyeeffannoo guddaa argateera.
Amajjii 2024 keessa Itoophiyaa fi hogganaa Somaaliland yeroo sanaa waliigaltee wal hubannoo ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin mallatteessuun ni yaadatam.
Waliigaltichi Itoophiyaan naannoo buufata galaanaa Berberaatti argamu fayyadamuuf, Somaaliland immoo Itoophiyaan akka biyyatti beekamtii Somaali laandiif akka kennituuf ture.
Haa ta'uu malee, Somaaliyaan waliigaltee kana mormuun, hariiroon dipilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu ture hammaate.
Muddamni kun jaarsummaa Turkiin furamus, tarkaanfii sana booda Somaaliyaan hariiroo ishee Masrii fi Eritraa waliin cimsuu irratti xiyyeeffatte.
Biyyoonni kunis dhimma nageenyaa fi tumsa waraanaa irratti yeroo hedduuf waliin mari'achaa turaniiru.
Haa ta'uu malee Somaaliyaan muddama Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti dhalate ilaachisee ijjannoo walabaa akka qabdu tibbana ibsite turte.
Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, turtii BBC Afaan Somaalee waliin taasisaniin, ejjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa'e ta'uu dubbatan.
Haa ta'uu malee biyyattiin, Ertiraa, Sudaanii fi Masir waliin ta'uun Waliigaltee El Alaamiin jedhamu mallatteessuun ni yaadatama.
Walgahii magaalaa El Alaamiin, Masiritti gaggeeffame irratti Pirezidaantiin Masirii Abdul Fattaah al-Siisii, Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantiin Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Abdul Fattaah al-Burhaan, akkasumas Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammaditu waliigaltee sana mallatteesse.
Ergasiis Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Itoophiyaa ganan jedhamuun gabaasaaleen bahaa turan.
Somaaliland bara 1991 Somaaliyaa irraa akka biyya walabaatti ofiin of bulchuu eegaluu ishee beeksiste.
Haa ta'u malee, hanga ammaatti beekamtii idil-addunyaa bal'aa hin arganne.
Baatii Muddee bara 2025 garuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu biyya Somaaliyaan qaama kooti jettuun Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuun ni yaadatama.

























