Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste

Madda suuraa, AFP
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise.
Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
Tarkaanfiin kun kan dhaga'ame yeroo waraanni Baha Giddugaleessaa babal'achaa jiruu fi xiyyeeffannoon addunyaa Galaana Diimaa irratti dabalaa jirutti.
Ertiraan qarqara Galaana Diimaa dheeraa qabdi. Qarqara galaanaa ishee immoo fuullee Sa'uud Arabiyaatti argama.
Akka xinxaltootni jedhanitti qarqarri galaanaa dheeran biyyattii kun daandii doonii addunyaa keessaa tokko kan ta'e Galaana Diimaa irratti argamuun isaa, yeroo ammaa kana barbaachisummaa tarsiimoo Ertiraa akka dabalu taasiseera.
Ameerikaan tarkaanfii kanaan hariiroo Ertiraa waliin qabdu daran fooyyeessuuf karaa haaraa banuu akka danda'u xinxaltootni kan eeran.
Ertiraa irra maaf qoqqobbiin kaa'ame?
Ameerikaan Ertiraa irratti tarkaanfii qoqqoobbii kan fudhatte, hirmaannaa Ertiraan waraana Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti bara 2020 irraa eegalee waggoota lamaaf gaggeeffame waliin walqabata.
Mootummaan Ameerikaa, yeroo sanaa bulchiinsi Pirezidaantii duraanii Joo Baayidan bara 2021 waraana Ertiraa fi Itoophiya irratti murtee sana kaa'ee.
Yeroo sanatti, humnoonni Ertiraa mootummaa Itoophiyaa deeggaruun humnoota bulchiinsa naannoo Tigraay waliin waraana keessa galan.
Kana hordofee Ameerikaan paartii biyyatti bulchu dabalatee, humna waraanaa fi qondaalota mootummaa Ertiraa muraasa irra qoqqobbii kaa'uun tarkaanfii fudhatte.
Amma garuu Ameerikaan qoqqobbiiwwaan kunneen keessaa muraasa kaasteetti.
Waajjirri To'annoo Qabeenya Alaa Ameerikaa akka jedhetti, Ameerikaan Humna Ittisaa Ertiraa, paartii biyya bulchu PFDJ, dhaabbilee tokko tokkoo fi namoota dhuunfaa tarree qoqqobbii kana keessaa baasteetti.
Waraanni Tigraay bara 2022 keessa waliigaltee nagaa mallatteeffamuun booda dhaabbatera. Haa ta'u malee, qoqqobbiin Ameerikaan qaamolee tokko tokko irra keesse itti fufee ture.
Waliigaltee sana boodas Itoophiyaa fi Ertiraan walgarreffannaa fi atakaroo keessa galuu eegalan.

Madda suuraa, TRT
Galaana Diimaa fi barbaachisummaa Ertiraa yeroo ammaa
Ameerikaan tarkaanfii kana kan fudhatte, yeroo haalli nageenyaa Baha Giddugaleessaa daran walxaxaa ta'aa jiruttidha.
Waraanni naannoo sanaa fi rakkoon ulaa Galaanaa Hormuz irratti uumame, daandiiwwan doonii Galaana Diimaa akka Bab al-Mandab irratti xiyyeeffannoo dabaleera.
Galaanni Diimaa karaa dooniiwwan daldalaa Meediteraaniyaa fi Eeshiyaa gidduutti socho'anif daandii murteessadha.
Kanaaf, nageenyi fi to'annoon daandii galaanaa kanaa daldala idil-addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba.
Ertiraan ammoo qarqara Galaana Diimaa irratti bakka tarsiimoo qabdi. Kanaaf, tarkaanfiin Ameerikaan taasifte kun dhimma tarsiimoo ta'uu danda'a jedhu xiinxaltootni.


















