Somaaliyaan muddama Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti dhalate ilaachisee ijjannoo walabaa akka qabdu ibsite

MM Abiy Ahmed, Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammd fi Pirezidaant Isaayaas Afawarqii
Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahmed, Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammd fi Pirezidaant Isaayaas Afawarqii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Muddama Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumame ilaalchisee Somaaliyaan ejjennoo ishee ibsiteetti.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, muddama waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumame ilaalchisee mootummaa isaanii ejjennoo walabaa qabaachuu ibsaniiru.

Qondaalichi turtii BBC Afaan Somaalee waliin taasisaniin, ejjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa'e ta'uu dubbatan.

"Ejjennoon mootummaa Somaaliyaa nagaa fi walabummaa irratti kan hundaa'edha; gama kamittuu hin hiriiru," jedhan.

Somaaliyaan torban darbe Eertiraa, Sudaanii fi Masir waliin Waliigaltee El Alaamiin jedhamu mallatteessuun ni yaadatama.

Walgahii magaalaa El Alaamiin, Masiritti gaggeeffame irratti Pirezidaantiin Masirii Abdul Fattaah al-Siisii, Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantiin Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Abdul Fattaah al-Burhaan, akkasumas Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Dhimmoonni Galaana Diimaa fi Hidha Guddicha Itoophiyaa walgahii biyyoota afran irratti mari'ataman keessaa tokko turan. Biyyoonni kunneen ibsa waliinii baasaniin, nageenyaa fi nageenya daangaa Galaana Diimaa eeguun, akkasumas itti gaafatamummaa bulchiinsaa fi to'annoo Galaana Diimaa biyyoota qarqara galaanichaa qaban ilaallata jechuun ibsaniiru.

Walgahii El Alaamiin irratti ibsa waliinii baasan keessatti biyyoonni afran tokkummaa, walabummaa fi daangaa biyyoota kabajuu, tasgabbii naannichaa eeguu, akkasumas biyyoonni dhimma biyya biraa keessa seenuu irraa of qusachuu irratti waliigaluu isaanii beeksisaniiru.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Mootummaan Itoophiyaa, biyyoonni afran ibsa waliinii erga baasanii booda ibsa baaseen, hariiroon Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabduu fi mirgi bishaan Abbayyaa fayyadamuu seenaa fi seera irratti hundaa'e akka hin jijjiiramne beeksise.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Hasan Mohaammad Alii, biyyisaanii Itoophiyaa fi Eertiraa waliin dhimmoota garaagaraa irratti hariiroo fi waliigaltee akka qabdu ibsaniiru. Jijjiirama muddama naannichaa keessatti mul'achaa jiru Somaaliyaan xiyyeeffannoon hordofaa akka jirtus dubbatan.

Dabalataan, Somaaliyaan fedhii biyyaalessaa fi kan naannichaa eegsisuuf hojjechaa akka jirtu kan ibsan qondaalichi, biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii qabaachuu himan.

"Biyyoota hunda waliin hariiroo gaarii qabna. Kana irratti wanti jijjiirame hin jiru," jedhan.

"Naannicha yeroo ammaa rakkooleen garaagaraa mudataniiru. Xiyyeeffannoon keenya guddaan rakkooleen dabalataa akka hin uumamne of eeggachuudha. Rakkoolee diinagdee, nageenyaa fi sochii naannichaa irratti dhiibbaa geessisaa jiran furuuf hojjechuu qabna," jechuun turtii BBC waliin taasisaniin ibsaniiru.

Somaaliyaan fedhii biyyaalessaa fi tokkummaa ishee eegsisuuf rakkoolee kana furuurratti gahee ishee bahachaa akka jirtu kan dubbatan qondaalichi, "Dhimmoota naannichaa irratti gumaacha gochuuf dirqama qabna," jedhan.

Muddama Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumame ilaalchisee Somaaliyaan gama tokkoof looguu fi dhiisuu ishee gaafatamanii, biyyisaanii ejjennoo walabaa akka qabdu ibsan.

"Ejjennoo walabaa qabna. Biyyoota kana hunda waliin hariiroo gaarii qabna. Hanga ammaatti, hariiroo isaan waliin qabnu keessatti wanti jijjiirame hin jiru," jedhan.