Hidhattoota 'mootummaa buusuuf' qindaa'an irratti deebiin mootummaa maali?

Madda suuraa, Screenshoot
Tibbana hidhattoonni Itoophiyaa torba waraanaan mootummaa aangoorraa buusuuf qindoomina ijaarrachuu isaanii ifoomsanii turan.
Dhimma kana ilaalchisee hanga yoonatti mootummaan ifatti ibsi kenname hin jiru.
Haa ta'uu malee, BBC'n miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa kan ta'an Birgaadir Jeneraal Hayiluu Gonfaa dubbiseera.
Akka qondaalli kun jedhanitti, gamtaan ijaarame kun kanneen duraaniyyuu ''diina walii turan'' waan ta'eef, carraan waligaltee isaanii qabatamaan gara hojii hikkamuu ''xiqqaadha'' jedhu.
Akka Jen. Hayiluun jedhanitti waligaltichi, ''qilleensarra qofarra jira.''
Hidhattoonni Itoophiyaa bakkeewwan garagaraatti humnoota mootummaa lolaa jiran wal faana mootummaa loluuf 'wal ta'iinsa'' ijaarrachuu isaanii wayita ibsan qindoominni isaanii kan motummaa waliin kuffisuu ta'uu eeran.
Kunis tumsa yeroo malkee wal ta'iinsaa tarsimoo siyaasaa akka hin ta'in akeeka.
Jeneral Hayiluun '' tumsi waligaltee siyaasaa hin qabne qabatanii lagayyuu waliin ce'uu hin danda'an'' jedhu.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Walta'iinsa ijaarame keessaatti dhaabni waggoota 27f biyya bulchaa turee TPLF keessatti argama. TPLF fi WBO yeroo dheeraaf diina walii turan.
Waraan garee kana lamaanii gidduttiis ummatni Oromoo guddaa miidhamaniiru.
Jeneral Hayiluun balaa ga'eefi aarsaa guddaa ummanni kaffaleef, beekamtii tokko utuu hin kennin ykn dhiifama hin gaafatin WBO garee diina isaa ture kana waliin hiriiruun 'fuggisoo ummata keenya rifachiisedha'' jedhu.
Haa ta'u malee wayita waraana Kaaba Itoophiyaa gareen kun lamaan waligaltee waraanaa tolfachuun isaanii himamee ture.
Akka Qondaalli kun jedhanitti, '' tokkummaa umuun isaanii maqaafi saba hin qabsoofnaaf jedhantu garaagara malee, qaamni isaan duuba jiru tokko ta'uu mul'isa.'' jedhu.
Taateen kun aarsaan kaleessa qabsaa'otni itti kaffalan akka gatii dhabuu fi gaaffii keessa galu kan taasiseedhas jedhu.
Qindoomina kana duubas ''harki Masrii'' akka jiru himatu.
Kaayyoon qindoomina kana ''biyya kana jeequu fi rakkoo keessa galchuuf ajaja Masrii irraa kennamedha''jechuun qeeqan.
'Mootummaaf yaaddoo miti'

Akka qondaalli kun jedhanitti kaayyoon Masrii inni guddaan eenyu aangoo haa qabatu ykn hin qabatinii utuu hin taane carraa argatan kamiinuu biyyattii dadhabsiisuufi jeequdha.
''Beekamadha bara dheeraaf, dhufaa darbaa hojii diinummaa biyya kanarratti hojjataa turan. Ammas shiftaa haa ta'uu, beekaa wallaalaa utuu hin jedhin nama isaaniif ergamu kamuu fayyadamanii biyya kana jeeqsisuun kayyoo isaaniiti.''
Wayita Ertiraan Itoophiyaa jalaa baatee walabummaashee gonfattus, ''kaayyoon ijoon Masrii ''Itoophiyaa galaanarraa daangessuu fi aadunyaarraa dhiibuudha.''
Kanaanis itti milkooftee Itoophiyaa Galaana Diimaarraa dangessuun amma tokko faayidaa biyyaalessaa ishee miidhaniiru. Ammatti sanaraa baratameera jedhu jen. Hayiluun.
Akka isaan jedhanitti mootummaan Itoophiyaas kun akka dhufu waan beekuuf qophii barbaachisu dursee taasiseera.
Kanaaf gamtaan ''Re'ee fi Qeerransa mooraa tokkotti galchuuf taasifame kun, ofiifu walii hin deemsisan, deemanis laga ittin hin ce'anii,'' jechuun ibsan.
Haa ta'uu malee, bakka tokko tokkotti, ''akkuma amma godha jiran hojii shiftummaa fi ummata boqonnaa dhorkuu hojjachuu danda'u.''
Kanas ta'e sana garuu sadarkaa motummaatti qophiin malu waan taasifameef yaaddoo mootummaa akka hin taane dubbatu. ''Mootummaan akka dhufetti ofirraa deebisuuf ga'uumsa qaba.''
Mootummaan qophii ga'aa kan taasisee fi taasisaa jiru amma isaan kana waliin miti. ''Qaama isaan erge, hundee rakkoo kanaaf bu'ura ta'e irratti.''
Dhiibanii hin dhufan garuu, gaafa ''warra ergamuuf fichisiisan'' waanti hundi bakka isaatti ni deebi'a jedhanii akka amanan himu.
Kanaaf ''duras qofa qofaatti lolaa waan turaniif, maqaa tokko moggafataniif yaaddoon addaa motummaa irratti dhufu'' akka hin jirre eeran Jeneral Hayiluun.
''Maqaa fi biyya keessatti hogganaan biyyaa keessaa eenyu akka ta'e ifoomsan malee waan waggottaan saddettan darbe yaalanii dadhabanirraa waanti addaa isaan fidan hin jiru.''
'Teenyee haa mari'annu'

Akka Jeneraal Hayiluu Gonfaa jedhanitti, ''ergama alaa itti kennamu dabalataan wanti hIdhattooNni kunneen akkas ta'aniif inni biraa dhimma aangooti.''
Mootummaan bakka teessumaa ykn aangoo isaan hin dhoowwannee jedhu.
Waanti mootummaan jedhu, aangoodhaaf yaadaa fudhatamaa qabu qabadhaati karaa nagaadhan, utuu qawwee hin dhukaasiin, utuu ummata hin fixin, qabeenyas hin balleessin argadhaadha.
Hidhattootni tokko tokko garuu loojikii araaraa keessas hin jiranii jedhu qondaalli kun.
''Kanaafi kan diina borullee yoo angoo qabatan aangorra isaan hin teessifne waliin gamtaa ummachuu kan dhaqaniif.
''Akka mootummatti ammas waanti ganamas galgalas jennu teenyee haa mari'annuudha.
''Kennanii fudhachuu irratti walii haa galludha. Ergamuu keessa ba'aatii of danda'aa yaada mataa keessanii qabadhaati karaa nagaan rakkoo keenya haa furannuudha'' jedhu.
Jeneraal Hayiluun kana jedhanis hidhattoonniifi xinxaltoonni biyyatti keessatti hedduun akka qawwee kaasanii sochii hidhannoo taasisaniif sababni dhiphachuu dirree Dimokiraasiiti. Kanaafis akka sababa ijootti mootummaa biyya bulchaa jiru himatu.
Sababa wal diddaa kanaan waggoota saddeettan darban keessa, keessumaa naannoo Oromiyaa keessatti sababa rakkoo nageenyaa gaga'amni guddaan ga'eera.
Namootni hedduun ajjeefamuu, butamuu fi kaaniis qe'ee isaanirraa buqqa'aniiru.
Dhiyeenya naannawa Wallagaa Bahaatti hidhattootni Faannoo jiraattota hedduu ajjeesuu fi qe'eerraa buqqisuu BBC'n gabaasaa ture.
Akkasumas torbanoota darban keessa nannawa Wallaga Dhihaatti konkolaattootni boba'aa fee'enii turan hedduun lakkaa'aman gubataniiru.
Seera waraanaa keessatti nama meeshaa hin hidhannee ajjeesuu fi qabeenya ummataa kan waraana waliin hidhata hin qabne haleeluun seera Idil addunyaatiin dhorkaadha.
''Qabeenya ummataa barbadessuun maal agarsiisa yoo jennee ilaallee yaada jeequmsa kaasuu fi biyyatti dadhabsiisuti. Qaamni biyya kanaafi qabsaa'ee boru aangoo qabadhee gaggeessa jedhu qabeenya ummataaa hin barbadeessu,'' jedhu.
Ergamni biyyattii muddama keessa galchuu, maraanmartoo waraanaa keessa akka hin baane gochuu, misoomni akka hin hojjatamne gochuu fi ummata wal waraansisuu kan Masriiti jedhu Jen. Hayiluun.
Kan hidhattoota Faannoo mootummatu ijaare ummata lolchiisa jedhus ololuma afaanfajjessuu achii madde ta'uu eeran.
Garuu mootumman dhimmota kana irratti dursee qophii ga'aa waan godheef akka ''diinni yaadee fi kanneen ergamni itti kenname yaadaan'' galma ga'uu hin danda'uu jechuun ibsan.




























