Xiinxala: Dippiloomaasiin Itoophiyaa bilchaataa moo quucaraa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Dippiloomaasiin biyya tokkoo cime ykn bilchaate kan jedhamu sadarkaa jaarmiyaatti ijaaramee dhalootatti darbee kan turu yoo ta'edha jedhu xiinxaltoonni.
Kan Itoophiyaa garuu irra jireessaan dippiloomaasii dureewwan biyyaa ykn aanga'oota dhuunfaarratti xiyyeeffate waan ta'eef sadarkaa barbaadamurra hin geenye jedhu.
Waraana deebi'ee Kaaba Itoophiyaatti ka'ee fi muddama Gaanfa Afrikaatti dhalate ilaalchisee akkaataa Itoophiyaan itti deemaa jirtu yoo ilaalan garuu gama dippiloomaasiin biyyattiin fooyya'iinsa agarsiisuu mul'isa jedhu.
UK Yuniversitii Kuwiinsi Belfast jedhamutti barsiisaa dhimma siyaasaa kan ta'an Dr Buzunaa Yimenuu birqabaan yoo ilaalamu dippiloomaasiin Itoophiyaa waggoota saddeet darban fooyyee qaba jedhu.
Yuniversitii Finfinneetti hayyuun saayinsii siyaasaa fi dippiloomasii Dr Nagaraa Guddataa ammoo Itoophiyaan waraana 2020-2022 irraa waan baayyee barachuun dippiloomaasiin akka fooyya'u taasiseera jedhan.
Ammoo hanqinni qaama dantaa Itoophiyaan faallaa dhaabbatuus Itoophiyaaf carraa uumuu ibsan.
Itoophiyaan dhimma biyya kaanii keessa seenuu dhabuu, gamtaa tolfachuun faallaa biyya tokkoo labsii baasuu dhabuu akkasumas waraana dursitee labsuu dhabuun faayidaa dippiloomaasii akka argattu ishee taasiseera jedhu xiinxaltoonni.
Gaanfa Afrikaatti sadarkaa dippimoomaasii Itoophiyaa...
Dippiloomaasiin biyya tokkoo cime ykn bilchaate (mature) kan jennu yoo sadarkaa jaarmiyaatti (institutionalize) gadi dhaabbatedha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akkaataa adeemsa dippiloomaasii keessatti waan mudatuu malu (scenarios) dursanii beekuun haala aanjessuun (proactive approach) deebii kennamuu qabu tilmaamanii kaawwachuu (speculate) gargaara.
''Kan keenya ijaarsi biyyaas akkuma rakkoo qabu bulchitoonni hunduu gaafa aangoo qabatan inni kaan dantaa biyyaalessaa hin eegu, kaan ammoo dantaa bulchiinsa isaa eeggata. Kanaaf hojiin dippiloomaasii sadarkaa bulchitoota biyyaatti fudhatama,'' jechuun amala hojii dippiloomaasii biyyattii ibsu Dr Nagaraa Guddataa.
Kanarraa ka'uun dippiloomaasiin Itoophiyaa kan namoota dhuunfaa ta'uutti akka dhufe ibsan.
''Seerri idiladdunyaa [UN jalatti taliigamuun] kunis lallaafaa dhufeera. Kun dippiloomasiin sadarkaa namoota dhuunfaatti akka daanga'u sababa tokko. Kan biraa ammoo dureewwan biyyaa adeemsa birookiraasii keessa darbamu gabaabsuuf jecha dafanii wayita murtee mataasaaniin dippiloomasii tolchaniidha. Kun hojiin dippiloomaasii sadarkaa namoota dhuunfaatti qofa akka hafu taasisa,'' jedhan.
Itoophiyaan obsa tarsimaawaa isa dhumaa (strategic patience) fayyadamteetti. Keessattuu waliigaltee Piriitooriyaa booda waan hojjette hundumaa karaa qindaawaa ta'een hawaasa idiladdunyaaf ibsiteetti.
Garuu waliigalatti yoo ilaallu bara bulchiinsa ADWUI (bara Mallas Zeenaawii) irraas eegalee dippiloomaasiin Itoophiyaa ammallee sadarkaa jaarmiyaa cimaatti jabaatee lafa hin qabanne jedhu DR Nagaraan.
''Leegaasiin sun ammallee jiraatus garuu amma kana Itoophiyaan kanneen michoota ishee ta'anis kanneen hin taanes taatee mudachuu malu hubachiisaa jirti.''
Waraanni TPLF waliinii akkasumas dhimmi naannawa Gaanfa Afrikaa garam akka deemuu fi yaaddoo jiru dursanii xalayaadhaan UN, Gamtaa Awurooppaa fi kaanitti ni beeksisu. Itoophiyaan haala kanaan waan ishee dhibu dursitee dubbachuun hawaasa idiladdunyaatti ibsuun fooyya'iinsa agarsiisa.''
Ammoo hojii dippiloomaasii keessatti gareen biraanis dhadhabina mataasaa ni qabaata kan jedhan Dr Nagaraan ''Waraanas ofii jalqabuu dabalatee hanqinni qaamolee faallaa Itoophiyaa hiriiran biratti mudatu Itoophiyaaf carraa dippiloomaasii bana,'' jedhan.
''Kun hunduu dippiloomaasii Itoophiyaatu cimee fagaatee hawaasi addunyaa gara keenya gore jechuu hin dandeenyu. Dadhabinni gama biraan mudatu Itoophiyaaf cimina ta'uu dand'a.''
Dr Buzunaa Yimeenuu haala waggaa saddeet dura turee fi amma jiru walbira qabnee yoo ilaallu dippiloomaasiin Itoophiyaa haala fooyya'aarra jira jechuun Sababa waliin ibsu.
''Kun sababa adda addaaf. Tokkoffaa hooggantootumti (dippiloomaatonni) bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahmad jala jiran muuxannoo horataniiru. Siyaasa addunyaa jijjiiramu yeroo yeroodhaan barachaa jiru. Kun haala gaariin akka hojii dippiloomaasii hojjetan gargaareera,'' jedhan.
''Lammata bara waraana jalqabaa kaaba Itoophiyaa (2020-2022) mootummaan federaalaa yoo dhugaa qabaates ibsachuu hin dandeenye. TPLF harkisaa dheeraa waan tureef dhugaa ture haqaaqee waa'ee waraana sanaa suuraan sirrii hin taane akka mul'atu godhameera.''
Isa ammaa kana keessatti TPLF caasaa yeroo sanaa waan hin qabneef faayidaa sana hin qabu, kun mootummaa federaalaaf carraa uumeera,'' jechuun kunis bu'aa fooyya'iinsi dippiloomaasii biyyattii ta'uu ibsan.
''Itoophiyaan waraana 2020-2022 irraa waan baayyee baratte''
Waliigalatti Itoophiyaan waraana duraa irraa barnoota baayyee argatteetti kan jedhan Dr Nagaraa Guddataa ''kun garuu gama dippiloomaasiin qofa osoo hin taane gama humna waraanaatinillee Itoophiyaan caalmaa qabaachuu agarsiisa,'' jedhan.
''Mootummaan waraana ammaa kana ogummaadhaan, haala gaariin qabuun hubadha,'' kan jedhan Dr Buzunaan, ''tokkoffaa daangaa namaa cabsee hin seenne, lammaffaa waraana kanas hin jalqabne. Sadafaa inumaa TPLF kan hidhattootaa fi qaamolee adda addaa walitti qabee mootummaa, [dimokiraatawaa ta'us ta'uu baatus], seeraan filatame humnaan buusu malee nagaa hin argadhu jedhee kan waraana jalqabe,'' jedhan.
Kun ammoo mootummoota addunyaarraa akka dhiibbaan TPLF mudatu, akka himatamu taasiseera. Kun waan gaariidha mootummaa federaalaaf jedhan xiinxalaan kun.
Gama kaaniin Dr Nagaraa Guddataa tumsi biyyoota ollaa Itoophiyaa qindeessummaa Masiriin uumame jabaatee gara humna waraanaa walootti yoo ce'ee fi Masiriin yoo gara tarkaanfii waraanaatti kan seentu ta'e ofiishees waan dhabdu qabdi jedhu.
''Akkuma Itoophiyaan waraana Tigraay bara 2020-2022 irratti dippiloomaasiinshee burkutaa'e, akka naannoottis, addunyaarrattis fudhatamummaanshee gadi bu'e Masiriinis haala kanaaf saaxilamuu dandeessi.''
Dhimmi laga Naayil ammoo dhimma addunyaan beeku waan ta'eef sababa seera qabeessa isheen harkatti qabattee ittiin waraana eegaltu ta'uu hin danda'u.
''Sababa seera qabeessa ta'uufii hin danda'u. Seerri idiladdunyaa dhimma galaana akkasii bulchu waan jiruuf karaan ittiin furamu jira. Waan qaamni idiladdunyaa beeku,'' jedhan.
Ammoo Masiriin kana hundarra dabartee hirmaannaa waraanaa kan taasiftu yoo ta'e Itoophiyaanis michootashee daboo waammachuu dandeessi.
''Fakkeenyaaf biyyoota akka Israa'el kan Masirii waliin walqoollifatan akkasumas UAE baabsa waammachuu dandeessi. Biyyoonni gurguddoon addunyaa hedduunis Itoophiyaa akka ulaa ittiin Afrikaatti seenaniitti ilaalu waan ta'eef taa'anii hin ilaalan.''
Ammoo haala amma jiruun waraanni kun erga eegalee hanga ammaa qaamni idiladunyaa Itoophiyaa balaaleffatee ibsa baase hin jiru, hedduun Ertiraa akeekkachiisan.
''Haala kanaan Masiriinis hirmaannaan carraama kanatu eeggata. Kan biraan ammoo waliigalteen El-Alamiin kaayyoonsaa maal akka ta'e hawaasi idiladdunyaa hubateera,'' jedhu xiinxalaan kun.
''Kaayyoonsaa Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattee diinagdeeshee hin guddisne karaa itti cufuu akka ta'e hubatameera.''
Akkasumas Itoophiyaan akka Ertiraa dhimma biyyoota kaanii keessa akka hin seenne beeku. Ertiraan ammoo dhimma biyyoota kaanii keessa seenuushee hunduu beeka. Barreeffamni kana ibsu hedduutu jira.
''Uummanni addunyaa gama kanaan rakkoo Ertiraan uumtu hifateera, hunduu ni beeku. Warri Ameerikaas, warii Awurooppaas, Warri Waashingitan DC jiranis, warri Biraasels jiranis, warri Riyaad jiranis, warri Dubaay jiranis ga'ee Ertiraan erga uumamtee naannawa kana taphatte ni beeku,'' jedhan.
Kanaaf Itoophiyaan haala amma jirtu kanaan hojii dippiloomaasii kan itti fuftu yoo ta'e dhiibbaa kana hunda dandamachuu akka dandeessu dubbatu.
''Garuu Masiriin dhuftee waraanashee Ertiraa keessaa buustee Itoophiyaa waraanu, Ameerikaanis as keessatti Masirii tumsiti jedhee hin yaadu,'' jedhan.
Waa'ee tumsa abdatanii waraanatti seenuu Yukireen irraa argineerra kan jedhan Dr Nagaraan ''biyyoonni hedduun abdachiisaa turan karaa sana hin bane, loltuu hin ergine. Meeshaama muraasaan bira dhaabbatan. Garuu amma biyyattiin barbadoofteetti,'' jedhan.
''Kanaafuu yeroo baayyee waadaan galame gara gochaatti geeddarama jennee yaaduunis ni ulfaata,'' jechuun tumsi waadaa waliif seenu hundi gochaan argamuu dhiisuu akka danda'u ibsu.
Biyyoonni ollaa wayita tumsa tolfatan Itoophiyaan callisuun maal mul'isa?
Biyyoonni ollaa Itoophiyaa sadi- Ertiraa, Sudaan fi Somaaliyaan Masirii waliin ta'uun tumsa tolfataniin ejjennoo dantaa Itoophiyaa gufachiisuu irratti xiyyeeffate qabataniiru.
Dureewwan biyyoota kunneenii magaalaa Masirii El-Alamin jedhamu keessatti walga'uun erga tumsa tolfatanii booda ''dhimmi Galaana Diimaa biyyoota handaara galaanichaa jiran qofa akka ilaallatu,'' akkasumas dhimmi laga Naayil ''biyyoota yaa'a gadiin ala tuqamuu akka hin dandeenye,'' walta'uu ibsan.
Itoophiyaan gamasheen dhimmi Galaana Diimaa fi Laga Naayil biyya akka Itoophiyaa seenaa, walitti hidhamiinsa daangaa lafaa fi gumaacha bishaanii guddaa qabdu moggaatti dhiisuun mari'atamuu hin danda'u jechuun ibsa baasuun alatti akka biyyoota kunneenii tumsa tolfachuun deebii kennuutti hin deemne.
Tumsi tolfame kun tumsa biyyoota Itoophiyaarraa komii fi yaaddoo qabanii yoo ta'u innis dhimmi ijoon isaa dhimma bishaan lamaati: Galaana Diimaa fi Laga Abbayyaa.
Ertiraanis dhimma Galaana Diimaan walqabatee yaaddoo mataashee qabdi. Somaaliyaanis wal hubannaa Itoophiyaa fi Somaalilaand waliin walqabatee dhimma biyyasheef yaaddoo qabdi. Masiriinis akkasuma dhimma laga Abbayyaarratti komii Itoophiyaarraa qabdi.
''Kanaaf biyyoonni kunneen yaaddoo qabanirraati walta'iinsi kun kan dhufe. Diina waloo qabaachuurraa kan hafe dhimmi biraan hin jiru,'' jedhu Dr Nagaraa Guddataa.
Tumsi biyyoota kunneenii sadarkaa walhubannootti malee adda waraanaa waliin ijaaran hin qaban kan jedhan Dr Nagaraan ''Itoophiyaan garee tumsa kanaaf deebii ta'u tolfachuu waan qabdu natti hin fakkaatu. Kan isheen gochuu qabdu biyyoota kunneeniif mataa mataasaaniitti akkaataa barbaachisummaa isaatti deebii kennuu qabdi,'' jedhu.
Walabummaa Somaaliyaas sarbuu hin qabdu, weerara daangaas Ertiraa irratti raawwachuu hin qabdu, Masirii waliinis chaanaalii dippiloomaasii adda kutuu hin qabdu.
Garuu karaa beekamaa ta'een (formal) ta'uu baatus Itoophiyaanis biyyoota ishee deeggaran akka qabdu dubbatan xiinxalaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa kun.
''Fakkeenyaaf Keeniyaan, Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), Israa'el fi biyyoonni kaan Itoophiyaa deeggaran jiru. Akka kanaa walitti hin qabamne malee wanni kun ajandaa Masirii akka ta'e biyyoonni kunneen hunduu ni beeku.''
Kanaaf tumsi gara tarkaanfiitti ykn adda waraanaa ijaaruutti kan adeemu yoo ta'e Itoophiyaanis gara michoota ishee ofitti harkisuutti deemti.
''Kanaafuu Itoophiyaan baabsaa ykn garee dhabdee osoo hin taane dippiloomaasii keessatti tarsimoo obsaa (strategic patience) waan jedhamutu jira. Hanga inni daangaa ce'utu obsaan bira dabarta. Gaafa dhiibbaansaa dabalaa dhufu tarkaanfii dippiloomaasii kanaaf deebii ta'u kennita. Itoophiyaan kana gochaa jirti,'' jedhan.
Dr Buzunaa Yimenuu biyyoonni akka Masirii, Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaan yeroo yeroon walga'anii labsiin isaan baasan labsii waraanaa, labsii Itoophiyaa daangessuu fi to'achuuti malee waan biraa miti jedhan.
''Kana hawaasi idiladdunyaa ni hubata. Itoophiyaan ammoo eenyuu wajjinuu gamtaa uumtee biyya kamirrattuu hin duulle.''
Osoo Itoophiyaan fedhii akkasii agarsiistuu jarri ammoo walga'anii labsii irratti baasuu jechuun gamtaadhaan dantaan biyyaalessaa ishee akka galma hin geenye gochuu jechuudha jedhan xiinxalaan kun.
''Doorsisi kun mataansaa hawaasa idiladdunyaaf ergaa mataasaa qaba jechuudha. Kanaafuu adeemsi amma karaa dippiloomaasii gamaa gamanaa deemaa jiru inumaa Itoophiyaaf fayyada malee miidhaa irratti uumu hin qabu.''
Ga'ee Ameerikaa...
Yeroo ammaa seerri idiladdunyaa kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin durfamu humna waa jijjiiruu dhabaa deemeera, kanaaf Ameerikaan humna qabdu fayyadamuun tarkaanfii fudhachuun waanuma eegamu.
Kanaaf ammoo fakkeenyi Pirezidantii Venezuweelaa Nikolaas Maduuroo qe'eedhaa qabdee biyyasheetti mana murttiitti dhiheessuudha.
Kun dantaa Ameerikaa kabachiisuu waliin qabata kan jedhan Dr Nagaraa Guddataa ''Kanarraa ka'uun bulchiinsi Tiraamp waan Ertiraa irraa qoqqobbii kaaseef qofa biyyattii humna waraanaan tumsa jennee eeguu hin dandeenyu,'' jedhan.
''Dantaan Ameerikaa keessa jiraachuu qaba. Bulchiinsi ammaa Ameerikaaf dursa kenna. Akka warra Dimokiraatotaa dhimma biyya namaa keessa callisee hin seenu.''
Walabummaan daangaa fi mirga Ertiraa haa kabajamu jechuu danda'u garuu kana mirkaneessuuf ammoo tarkaanfii humnaa fudhachuu dhiisuu danda'u jedhu xiinxalaan kun.
Dr Buzunaa Yimenuu gamasaaniin Ertiraan ifatti daangaa Itoophiyaa keessa seentee jirti yoo ta'e, Itoophiyaan ammoo kanaaf ragaa kan dhiheessitu yoo ta'e mootummaan Ameerikaa yaadasaa jijjiiruu ni danda'a yaada jedhu qabu.
Masiriin Ameerikaa wajjin walitti dhufeenya akka qabdu beekamaadha. Keessattuu Baha Giddugaleessaa keessatti Masiriin Ameerikaaf shoora guddaa taphatti, dhimma Israa'el fi Filisxeemiin walqabatee jechuudha.
Itoophiyaa fi Masirii keessaa Ameerikaan akka Masirii caalchifattu beekamaadha. Kana keessatti Masiriin hagam Ertiraa gargaartee Ameerikaan Ertiraaf ilaalcha gaarii akka qabaattu hagam dhiibbaa gochuu dandeessi kan jedhu gaaffii guddaan.
''Ameerikaan hanga fedhe Masirii filattullee tarsimoo dogoggoraa Ameerikaan akka fudhattu Masiriin ni gorsiti yoo ta'e Ameerikaan Masirii waan deeggartuuf qofa harka micciramtee Ertiraa badiirra jirtu callistee hin ilaaltu,'' jedhu Dr Buzunaan.
''Ertiraan akka deeggaramatu, fudhatama akka argattu dhiibbaa uumuu dandeessi Masiriin. Sana jechuun garuu Ertiraan kallattiin Itoophiyaa weerarti yoo ta'e Ameerikaan haasaa Masirii qofa dhageessee callistee ilaalti jedhee hin yaadu.''
''Dhimmi Gaanfa Afrikaa biyyoota addunyaa hedduu harkisuun isaa hin oolu''
Dippiloomaasiin Itoophiyaa fi Ertiraa sadarkaa kanarra akka ga'u waan eegamuudha kan jedhan dippiloomaatiin duraanii Itoophiyaa dhimmoota siyaasaa fi nageenyaa Gaanfa Afrikaa irratti xiinxala kennuun beekaman Obbo Unatuu Bilaattaa, ''kan nama yaachisu itti aanee maaltu mudata kan jedhuudha,'' jedhan.
Haala dippiloomaasiin Itoophiyaa amma irra jiru wayita dubbatan ''TPLF waliin yoo ta'e mootummaan federaalaa olaantummaa dippiloomaasii qabaachuu ni mala,'' jedhan.
''Garuu rakkoon amma jiru TPLF fi naannoo Tigraay bira darbeera. Sodaan duraan tures kamuma. Ertiraa fi Masirii waliinis rakkoon uumameera. Mootummaan Itoophiyaa dippiloomaasii biyyoota kunneen waliin qabus adda kuteera. Kanaafu rakkoon kun kan keessoo ta'uun hafee kan naannawaa ta'aa jira.''
Hariiroon amma Masirii fi Ertiraa gidduutti uumamaa jiru dhimmi Itoophiyaa waliin jiru gara Gaanfa Afrikaa fi Galoo Galaanaattillee guddachuu akka danda'u nutti agarsiisa jedhan Ambaasaaddar Unatuun.
Gama kanaan biyyoonni akka UAE, Sa'uudii Arabiyaa naannawa Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa kanarratti sababa rakkoon nageenyaa isaan yaaddessuuf hirmaachuu danda'u.
Biyyoonni kunneen dantaasaanii mirkaneeffachuuf hariiroo tarsimaawaa ta'e naannawa Gaanfa Afrikaatti uummachuu barbaadu.
''Fakkeenyaaf UAEn keessattuu bara bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahmad kana Itoophiyaa keessatti hirmaannaanshee akkaan jabaadha,'' jedhan.
Sa'uudiinis nageenya galoo galaanaa kanaan qabattee faayidaa fi fedhiinshee naannawa kanatti haalaan guddateera.
Kan biraan dhimma Turkiillee ilaaluu dandeenya. Fakkeenyaaf Turkiin naannawa kanatti Itoophiyaa, Somaaliyaa akkasumas Galoo Galaana Diimaa keessatti fedhii guddaa qabdi.
''Kanaafuu rakkoon kun yoo dhiibbatee deeme jarreen kanallee hirmaachisuu danda'a. Hirmaannaan biyyootaa baayyee guddaa ta'aa deema. Biyya lama sadirratti hin dhaabbatu,'' jedhu.
Ammoo Israa'eliinis kaasuu dandeenya. Naannawa sanatti, keessattuu Galaana Diimaa fi nananawa isaatti nageenyi akka jiraatu tarsiimoo ishee keessaa isa guddaadha.
Dhimmi ulaa galaana Diimaa Baab el-Mandab fedhii fi nageenya isaanii waliin waan walqabatuuf jarrillee achirratti dhiibbaasaanii guddisuuf socho'uu danda'u.
Gama biraan dhimmi naannawa kanatti kaasuun dirqama ta'u kan biraan dhimma Sudaan ta'uu eeran Ambaasaaddar Unatuu Bilaattaa.
''Waraanni Sudaan babal'achuu danda'a. Gaanfa Afrikaarra darbee naannawa Galoo Galaana Diimaa kanallee jeequu danda'a.''
''Sababa kanaaf Masiriin, Sa'uudiin, Yunaayitid Arab Emireetis, Israa'el, Turkiin akkasumas humnoonni amma waraana Sudaan keessa harka galfatanii jiran itti daddabalamee, rakkoo dhalate kana Gaanfa Afrikaan alatti babal'isuu danda'a,'' yaada jedhu qabu.
Kan dagachuu hin qabne Ameerikaa fi Awurooppaanillee as keessaa dantaa guddaa qabu.
Lamaanuu ulaan daldalaa Galaana Diimaa akka nagaa ta'u barbaadu, farra shororkeessummaa irratti xiyyeeffatanii hojjetu, gargaarsa namoomaa fi tasgabbii Afrikaa irrattis ga'ee guddaa waan qabaniiif dhimmi kun jara kanallee ofitti harkisuu danda'a.
Ambaasaaddar Unatuun ''warri lixaa hirmaannaa humna waraanaa qabaachuullee baatan karaa dippiloomaasii, gama nagaa uumuutiin, karaa jaarsummaatiin dhiibbaa mataasaanii uumuu waan danda'aniif rakkoon kun hunda tuquu danda'a,'' jedhu.
Akkaataa xiinxala qondaala duraanii Itoophiyaa kanaan rakkoon kun naannawa Tigraay fi Ertiraa irraa waan kaate fakkaattus gara naannawaatti babal'achuun akka idiladdunyaattillee dhiibbaa guddaa qabaachuu danda'a.
''Rakkoo kana keessa biyyoonni alaa adda addaa seenuun waan hin oolledha, garuu tasgabbeessuuf moo hammeessuuf seenu kan jedhu dhimma nama yaaddeessu.''
Fakkeenyaaf waraana Sudaan keessa biyyoonni alaa adda addaa seenuun rakkoo daran hammeesseera jedhu.
''Kan Gaanfa Afrikaa kunis akkasuma ta'a moo haala biraan ta'a kan jedhu gaaffiidha, garuu biyyoota hedduu ofitti harkisuun waan oolu miti.''

























