''Jigiidha'' - Tumsa hidhattootaafi akeeka MM Abiy irratti xiinxala Jawaar

Hidhattoonni Itoophiyaa bakkeewwan garagaraatti humnoota mootummaa lolaa jiran wal faana mootummaa loluuf 'wal ta'iinsa of baraaruu' ijaaruu beeksisaniiru.
Kaayyoon isaaniis mootummaa ministira Muummee Abiy Ahimad buqqisuufi mootummaa ce'umsaa ijaaruu akka ta'e ibsan.
Hidhattoonni kuni muddamni kaaba Itoophiyaatti yeroo cimee jiruufi mootummaan haaraa ijaaramu ifa ta'uuf torban muraasa yeroo hafetti wal ta'iinsa beeksisan.
Mootummaan bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad walitti bu'iinsaan qoramaa jiru waa'ee sochii hidhattoota kanaa ifatti waan dubbate hin qabu.
Haa ta'u malee hidhattoonni kuni wal faana hojjetaa akka turan waan bulchiinsi isaanii dubbataa ture ta'uu Dubbii Himtuun MM Abiy Ahimad dubbachuun gabaafameera.
Akka xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad jedhutti, wal ta'iinsi hidhattoota kanaa ''tumsa sirna ijaaruu osoo hin ta'in tumsa sirna diiguu qofa'' dha.
Inumaa Maqaleedhaa ifa ta'uun isaa, wal ta'anii ummata Oromoofi ummatoota Kibbaa of duuba hiriirsuuf ''baay'ee isa fayyade'' jedha.
Waa'ee tumsa kanaa wantoonni ifa hin taane jiru, osoo bakka garagaraa jiranii akkamiin wal ta'u kan jedhu dabalatee jechuudha.
Hidhattoonni abjuu garagaraa qaban garuu Ministira Muummee Abiy Ahimad irratti wal ta'an ni milkaa'uu? Finfinneerraa maaliif Maqalee caalsifatan?
Wal ta'insi hidhattoonni ibsan fagoo deemaa? Kanaafi dhimmoota ijoo biroorratti xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mohaammad BBC'tti dubbateera.
'Ximdoorraa gara wal ta'insaa'
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Walta'iinsa ijaarame jedhame keessaa tokko dhaaba waggaa afur dura mootummaa lolaa tureefi aangoo bulchiinsa Naannoo Tigraay to'ate, TPLF, keessatti argama.
Hidhattoonni qe'ee Ministira Muummee Abiy Ahimad keessatti waggoota saddeettan darbeef mootummaa lolaa jiran, WBO, illee keessa jiru.
Hidhattoonni Faannoo kan Naannoo Amaaraa keessatti waggoota sadan darban mootummaa lolaa jiranis akka jiran ibsameera.
Hidhattoonni mootummaarraa ummata ''baraarra'' jedhanii ka'an keessaa mootummaa Ertiraafi TPLF'f ''dhimmi kuni dhimma jiraachuufi jiraachu dhabuuti'' jedha Jawaar.
Bulchiinsi MM Abiy qaamolee kanatti ''dhaadachuu'' ibsuun, humnoonni kuni qopha qophaa waraana mootummaa dura akka hin dhaabanne dubbata.
''Qopha qophaatti kan dhahu yoo taate [mootummaan Itoophiyaa] Isaayyaasis aangorraa buusuu danda'a, humna TPLF'fis dhabamsiisuu danda'a.
''Dhimmi lubbuu kan ta'u isaan lamaaniifi. Warra WBO fi warra Faannootiif garuu dhimma lubbuu natti hin fakkaatu.''

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa tokko darbeef gartuun 'ximdoo' jedhamuufi Ertiraafi TPLF gidduutti ijaarame jedhame afarfamaa ture. Boodarra WBO'n keessa hin jiru jedhe.
Akka ilaalcha Jawaaritti, tumsa garagaraa lamatu walitti baqee wal ta'iinsa amma labsametti guddate. Gartuun ximdoos kanaaf 'karra saaquu' dubbata.
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa Finfinnee, Asmaraafi hidhattoonni Faannoo waliin turan.
Hidhattooti WBO immoo TPLF waliin tumsa ijaaranii turan. Amma Ertiraa, TPLF, Faannoofi WBO'n faallaa mootummaa dhaabachuu isaanii hima.
Eenyutu maal buufata?
Qaamoleen tumsa ijaarratan kuni kaayyoofi akeeka adda addaa qabu. Wal ta'iinsa ijaarra jedhan kanarraas waan gara garaaa eegu.
Maqaa tarree hidhattootaa torba eeraman keessatti maqaansaa ibsamuu baatus ''Mootummaan Ertiraa qaama tumsa kanaati'' jedha Jawaar.
Bulchiinsi Pirezidant Isaayyaas Afawarqii dhimma ulaa galaanaafi kaaniin bulchiinsa MM Abiy waliin dhibdee qaba.
Irra deddeebiin Itoophiyaan waraana narratti banuufi jechuun bulchiinsa MM Abiy waliin wal himataa bahe.
Mootummaan Ertiraa kuni hidhattoota Itoophiyaa ''jajjabeessee Itoophiyaa keessatti Abiy ko'oomsuun tarsiimoo ofirraa ittisuuti,'' jedhee akka yaadu Jawaar hima.
Dhaabi TPLF bulchiinsa Naannoo Tigraay yeroo ammaa of harkaa qabu humnaafi ga'umsa durii hin qabu jechuun aangawaan Itoophiyaa kana dura BBC'tti himanii turan.
Jawaaris yaada kanaan waliigala. Warri TPLF ''baay'ee laaffataniiru, humnoonni Tigraay,'' jechuun tumsa kanaan of ijaaruu akka yaadan dubbata.
Hidhattoonni WBO fi Faannoos tumsa kanarraa deeggarsa loojistikii garagaraa akka argatuu malan hime.
Hidhattooti lamaan ''irra caalaatti mootummichi gara kaabaatti akka hojiin itti baayyatu ykn akka ko'oomu barbaadu,'' jedha.
Mootummaan Ertiraafi TPLF garuu ''humna kana jala taa'anii lubbuu ofii baraaruudhaafi,'' jedha yoo BBC'tti dubbatu.
''Jigiidha walii bahuudha''
Qaamoleen tumsa ijaarranne jedhan abjuun isaanii gargari, inumaa diinummaa walirraa qabu. Lafa na duraa fudhatteen wal dhabaafi wal himataas turaniiru.
Qaamoleen abjuu akeeka siyaasaa inumaa wal dura dhaabbatu qaban akkamiin wal ta'an?
Akka Jawaaritti, kuni tumsa yeroo gabaabaa [tumsa tooftaati] malee tumsa tarsiimoo miti.
Kanaaf tumsi ammaa ''yeroodhaaf jigii walii bahuudhaaf'' tumsa taasifamedha, akka inni jedhutti.
Egeree biyyaarratti ''garaagarummaa guddaa'' qabaatanis ''wanti isaan tokko taasisu diina waloo- Abiy Ahimad qabaachuu isaaniiti.''
Kanaaf, wanti isaan irratti waliigalan ''tokkoffaa walloluu hin barbaadani. Lammaffaa gamaa gamanaan bubbutuudhaan sirnicha dadhabsiisuu barbaadu.
''Kanarra kan darbe mul'atas ta'e karoora wal siimsiisuurratti hin hojjenne.''
Diina waloo qabaatanii galma waloo osoo hin qabaatin akkamiin biyya waliin ijaaruu danda'u?
''Akkan ilaalutti biyya waliin ijaaruu miti akeekni isaanii,'' kan jedhu Jawaar, ''dhimmoota garaagarummaa qaban irratti walloluu dhabuuf, wal bira dhaabbachuuf waliigalan,'' jedhe.
''Sirnicha waliin kuffifna san boodammoo waan ta'u ilaalla kan jedhudha. Rakkoonis bakka sanatti dhufa.''
Yaadoleen garagaraa miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman sochii tumsa kana kan qeeqanidha, keessumaa WBO irratti.
Bulchiinsa MM Abiy ni yaaddessaa?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad irra deddeebiin qaamni hidhatee meeshaa qabatee aangoo biyyattii qabachuun hin danda'amu jechuun irra deddeebiin dubbataa turan.
Waa'ee wal ta'umsa tolfame jedhame irratti garuu ifatti mootummaan waan dubbate hin qabu.
Kana dura garuu garee 'Ximdoo' tolfatanii deeggarsa Ertiraan mootummaa loluuf sosso'aa jiru jechuun himatee ture.
Haa ta'u malee, dubbii himtuun waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum hidhattoonni kuni akka waliin jiran duruu mootummaan dubbataa turuu dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy waggoota muraasa darban lola Tigraay dabalatee walitti bu'iinsa garagaraan raafamaa jira.
Kanaafis, Ertiraafi Masrii qaamolee hidhatan duuba dhaabbachuun himata. Ertiraan dhimma keessoo Itoophiyaa keessaa hin qabu jechuun waakkatti.
Haa ta'u malee, xiinxaltoonni siyaasaa 'diinni ganamaa Itoophiyaa, Masriin' duruu qaamolee hidhatan mootummaa irratti ijaaraa turte jechuun himatu.

Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad hidhattooti kuni ''yeroo gabaabaa keessatti lola qindaa'aa waloodhaa eegaluu barbaadu. Kanaaf, murteessaan TPLF.
''Humni TPLF karaa siyaasaa baay'ee dadhabeera. Jajjabaan isaanii mootummaatti galeera, kaan mufatee biraa baqateera.
''Humna waraanaafi damee siyaasaa laafaatu jira,'' jedha.
Ertiraan immoo ''deeggarsa meeshaafi dippilomasii'' gochuurra kan darbe ''qaamaan waraana keessa'' hin hirmaattu jedha muuxannoo kana dura ture eeruun.
Qaamoleen alaa jiruu?
Akka ilaalcha Jawaaritti, wanti Itoophiyaafi Ertiraa gidduu adeemu dhimma Masriitis.
Yoo walitti bu'iinsi ka'e qaamoleen alaallee hirmaachuu akka malan dubbata.
Bulchiinsa MM Abiy UAE'n akka deeggartu, hidhattoota duubammoo Masriifi Sa'udiin jiraachuu akka malan tilmaama.
Waraanni mootummaa keessumaa humna qilleensaan, diroonii dabalatee, of ijaaruun isaa hidhattoota kana yaaddessuu mala.
Kanaaf, ''Keessattuu Masriin deeggarsa dippilomasii bira dabartee kallattiidhaan humna qilleensaa ni fiddi'' yaada jedhu qaba.
Masriifi Itoophiyaan seenaa diinummaa waggoota 150 tare qabu. Keessumaa booda kana Hidha Abbayyaarratti dhibdee qabu.
Masriin karaa sadiin mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochaa turuu dubbata.
''Tokko walitti bu'iinsa keessoo akka hammaatu gochuudha, lammaffaa biyyoota ollaa waliin walitti buusuudha, sadaffaa sadarkaa addunyaatti dhiibbaa gochuu'' akka ta'an eera.
Kuni haa mudatuuf kan ''karra saaqe'' immoo mootummoota Itoophiyaa dirree siyaasaa dhiphisuun hidhattooonni deeggarsa alaa akka simatan dirquu dubbata.

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa L/J Baacaa Dabalee Kaaba Itoophiyaatti yoo walitti bu'iinsi ka'e biyyoota baay'ee akka wal gahu akeekanii turan.
Kaabatti lolli yoo ka'e ''Lola Itoophiyaafi Sudaan walitti makudha. Kanammoo Masriin baay'ee irraa gammaddi'' jedha Jawaar.
''Halli amma jiru Masriif carraa guddaa ta'ee kan argamedha,'' kan jedhu Jawaar, Masriin humna qilleensaa dhiheessuun tumsuu dandeessi jedha.
Kanaafis immoo sababni, bulchiinsi MM Abiy ''olaantumaa humna qilleensaa amansiisaa qaba,'' waan ta'eef akka ta'e eera.
Dhimmi biraa Masriifi Itoophiyaa akkasumas Itoophiyaafi Ertiraa walitti fidu dhimma ulaa galaanaa Itoophiyaan barbaadaa jirtudha.
Warri Ameerikaa ''Abiy kuffisuu hin barbaadan garuu dhiibbaa irratti gochuu barbaadu.
''Ertiraa gama tokkoon sossobaa itti haasa'aa Itoophiyaa waliin lola hin seenin jedhu.
''Itoophiyaas dhufanii Ertiraa sirraa qabna dhimma Masrii irratti yoo walii galuu dandeenyewoo'' jechuun dubbatu jedha.
Baatiiwwan muraasa darban hariiroon Itoophiyaafi Ameerikaa, darbees hariiroon Ertiraafi US fooyya'aa jira.
US qoqqobbii yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa, Itoophiyaafi Ertiraarra keessee turte kaasteetti.
'TPLF sodaa qabdi'
Mootummaan karri isaa mariif banaa akka ta'e, hidhattoonnis mariif qophii ta'uu dubbatu. Haa ta'u malee, mariin milkaa'e hin turre.
Ammoo mootummaan ajajoota WBO fi Faannoo qofa qofaatti waliin walii galaa simataa ture.
Kanammoo hidhattoonni mormaa turan. Qeeqa isaanii kanaanis Jawaaris akka walii galu hima.
Hidhattoonni mootummaa lolaa jiran kuni bulchiinsa MM Abiy moo TPLF waliin waliigaluutu isaanitti salphata?
''Badiin waan kana hundaa Abiyyiirraa eegala…keessaa bitachuu malee akka gareetti walii galuu hin barbaadu,'' jechuun mariin WBO's ta'e TPLF kanaaf milkaa'uu dhabuu hima Jawaar.
''Yaalii fakkeessaa malee [mootummaan] yaalii onneerraa madde godhee hin beeku.''
Haa ta'u malee, mootummaan himannaa kana dura waakkataa tureera.
Ambaasaaddar Baacaanis ta'e Jawaar humnoonni TPLF ga'uumsa duriirra akka hin jirre dubbatu.
Jawaar, mootummaan Itoophiyaa haleellaa diroonii TPLF irratti raawwachuun ''Kasaaraa guddaas irra gaheera'' jedha, meeshaa waraanaa barbadeesse akka jiruus eeruun.
Kanaaf, warri TPLF waraana banuuf ''sababa hedduu qabu turani'' garuu ''sodaa'' qabu jedha.

Madda suuraa, Getty Images
''TPLF riphee lolaa miti mootummallee miti. Mootummaa wanti hin taanef bajata mataa isii hin qabdu. Mootummaan federaalaa hudhee qabeera.
''Riphee lolaa miti, akka mootummaatti of laalti. Pirezidantii qabdi, miindaa kaffaluu qabdi. …Kana bira dabartee tarkaanfii fudhachuuf immoo hin sodaatte.
''Maaliif sodaatti?... dhugaan warri Ertiraa kuni na duubaan ni seenaayi moo callisee na ilaala? Warri akka Faannoo, WBO kunis hammam tokko lubbuu na baraaru danda'u? kan jedhu herrega [xiinxala] guddaa qabani. ..
''Rakkoo hooggansa jabaa qabani. Namni isaanii jajjabaan keessaa deemeera. Waraanni isaaniitis hamma durii cimina hin qabu.
''Janaraalonniifi hogganoonni siyaasaa kuni daldala seenanii rakkoo qaqqabu. Kanarraa kan ka'e yoggaan ilaalu qabatamaadhaan yeroo gabaabaa kanatti dhiibbaa gochuu isaanii mamiin qaba.''
Gama kaaniin, bulchiinsi Abiy tajaajiloota bu'uuraa akka jiraniin itti fufuun ''Abshaalummaa guddaa agarsiise'' jedha.
Dhaabni TPLF kana dura deeggarsa uummataa, deggarsa dippilomasii, miidiyaafi ajajoota waraanaa jajjaboo qabu turan jedha.
''Amma kana baay'inaan dhabaniiru''kan jedhu Jawaar, waraanni jira garuu ''hooggana siyaasaa hin qabani.''
Dabalataan, lola jibbuufi dheeffuun akka jiru eeruun TPLF lola eegaluuf ''shakkii seenuu'' dubbata.
Bakkeewwan Tigraay garagaraatti humnaan waraanatti nama dabaluun gabaafamaa tureera, dhaabni TPLF waakkatuus.
















