Tarkaanfii 5 Ameerikaan Waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee fudhatte

Abiy and Ruubiyoo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ameerikaan waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti deebi'ee ka'eefi muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti dabalaa dhufe ilaalchisee tarkaanfiiwwan dippilomaasii fi siyaasaa garaagaraa fudhataa jirti.

Baatiiwwaan shanan darbe keessatti tarkaanfiiwwaan 5 Ameerikaan Waraana Kaaba Itoophiyaa ilaalchisee fudhatte kunooti.

Tarkaanfiiwwan kanneen keessaa qoqqobbii meeshaalee waraanaa kaasuu, hoggantoota TPLF irratti dhorkaa viizaa kaa'uu, Manni Maree Nageenyaa UN akka mari'atu gaafachuu, yaada ambaasaaddara Ameerikaa fi marii tibbana MM Itoophiyaa waliin taasifame eeruun ni danda'ama.

Ameerikaan, waraana Kaaba Itoophiyaa kan waggootaaf itti fufee ture waliigaltee nagaa Piriitooriyaa bara 2022 mallattaa'een akka dhaabbatu gochuu keessatti gahee qabaachuun ni yaadatama.

Yeroo ammaa garuu, waldhabdeen naannichaa irra deebi'ee hammaachuu fi Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti walitti bu'iinsi uumamuu danda'a jedhamee sodaatamuun xiyyeeffannoo dippilomaasii Ameerikaa ta'eera.

1. Qoqqobbii meeshaa waraanaa kaasuu

Ameerikaan Itoophiyaa irra qoqqobbii daldala meeshaalee waraanaa kaa'amee ture akka kaastu beeksisuun ni yaadatama.

Murtoon kun Itoophiyaan meeshaalee ittisaa fi tajaajiloota waraanaa seera daldala meeshaalee waraanaa Ameerikaatiin to'ataman argachuuf iyyata dhiheeffachuu akka dandeessu taasisa.

Itoophiyaan yeroo waraanni Tigraay turetti, sababii yaaddoo mirga namoomaa fi balaa waraanichaa wajjin walqabatee, tarree biyyoota daldalli meeshaalee waraanaa isaanii daangeffame keessa galte.

Murtoon kun Itoophiyaaf meeshaalee ittisaa fi tajaajiloota waraanaa alaa irraa argachuuf carraa dabalataa uuma.

Haa ta'u malee, meeshaaleen waraanaa hundi Itoophiyaatti akka gurguraman ykn hayyama hunda kenna jechuu miti. Iyyanni tokkoon tokkoon isaa seeraa fi qajeelfama daldala meeshaalee waraanaan kan ilaalamu ta'a.

2. Hoggantoota TPLF irratti dhorkaa viizaa kaa'uu

Marko Ruubiyoo
Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo

Ameerikaan bara darbe hoggantoota TPLF keessaa namoota tokko tokkoo fi miseensota maatii isaanii irratti dhorkaa viizaa kaa'uu ishee beeksiste turte.

Sababiin ammoo namoonni kunneen tasgabbii Itoophiyaa keessatti uumamuuf tattaaffii taasifamu gufachiisuu fi nagaa naannichaa balaadhaaf saaxiluu keessatti hirmaachuu isaanii ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa yeroo sana, walitti bu'iinsi mootummaa federaalaa fi hoggantoota TPLF gidduu jiru irra deebi'ee waraana Kaaba Itoophiyaa kaasuu akka danda'u akeekkachiisee ture.

TPLF garuu murtoo dhorkaa viizaa kana mormuun, tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte haqa qabeessa akka hin taane eere.

Yeroo sana himannaan hoggantoonni TPLF irratti humnaan dargaggoota waraanaaf filachuu fi dirqisiisuu dhiyaatees ture.

TPLF garuu himannoowwan irratti dhihaatan ilaalchisee hedduu isaanii haalaa tureera.

3. Manni Maree nageenyaa UN dhimma Itoophiyaa fi Ertiraa akka mari'atu gaafachuu

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ameerikaan dhimma muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru irratti Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii marii cufaa akka gaggeessu gaafatteetti.

Mariin kun haala nageenyaa gaanfa Afrikaa, keessumaa daangaa fi walitti dhufeenya biyyoota lamaan gidduu jiru irratti xiyyeeffata.

Marii sana dura Itoophiyaanii fi Ertiraan Mana Maree Nageenyaaf xalayaa erguun walii isaanii himataniiru.

Itoophiyaan, humnoonni Ertiraa daangaa ishee cabsuun naannoo ishee keessa seenuu himachuun, tarkaanfiin kun balaa nageenyaa fi sarbama birmadummaa ishee ta'uu ibsite.

Ertiraan garuu himannaa kana mormuun, Itoophiyaan maqaa ofirraa ittisuu jedhuun tarkaanfii waraanaa fudhachuuf sababa uumuuf yaalaa jirti jechuun deebitee himatte.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga deebi'ee ka'ee booda, humnoonni Ertiraa naannoo Tigraay keessatti argamuu isaanii BBC dabalatee miidiyaaleen addunyaa hedduun gabaasaniiru.

Haa ta'u malee, mootummaa Ertiraa fi Itoophiyaa gidduu himannaan walfaallessu jiraachuun, dhugaammaan isaa eessa akka jiru odeeffannoon walabaa of danda'e barbaachisaa ta'a.

4. Ambaasaaddarri Ameerikaa hoggantoota TPLF qeequu

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga
Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga

Ambaasaaddarri Ameerikaa Itoophiyaa jiru, Ervin Massinga, waraanni Kaaba Itoophiyaa irra deebi'ee erga ka'ee booda, hoggantoota TPLF haleellaa bal'aa jalqabuu isaaniif qeeqaniiru.

Ambaasaaddarichi hoggantoonni TPLF murtoo haleellaa bal'aa jalqabuu isaanii irratti gaabbuu qabu jechuun ibsa kennan.

Akkasumas, gareewwan hidhatan biroo waldhabdee kana keessa seenuu irraa akka of qusatanis akeekkachiisanii ture.

Hogganaan TPLF fi itti aanaan pirezidaantii naannoo Tigraay, Amaanu'eel Asaffaa, yaada ambaasaaddarichaa mormuun, qeeqni isaa haqa qabeessa akka hin taane ibsaniiru.

Ibsi ambaasaaddarichaa kan dhufe yeroo mootummaa federaalaa fi hoggantoota TPLF gidduutti walitti bu'iinsi jabaataa dhufetti ture.

Ambaasaaddarichi yeroo adda addaatti gara Maqalee imaluun, hoggantoota naannichaa waliin mari'achuuf yaalii gochuun isaas ni yaadatama.

5. MM Itoophiyaa waliin marii taasifame

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimad haala nageenyaa gaanfa Afrikaa irratti bilbilaan mari'ataniiru.

Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti, mariin isaanii muddama Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu jiru irratti kan xiyyeeffateedha.

Ruubiyoon qaamoleen hundi muddama kana akka hir'isan, birmadummaa fi daangaa biyyoota walii akka kabajuu qabanis ibsan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, furmaanni waaraa rakkoolee keessaa fi alaa marii irratti hundaa'uu qabas jechuun ibse.

Kanaaf biyyoonni gaanfa Afrikaa kunneen daangaa walitti ce'anii wal irratti haleellaa raawwachuu irraa akka of qusatan waamicha dhiheessan.

Naannichi walitti bu'iinsa biraa dandamachuu akka hin dandeenye illee akeekkachiisaniiru.

MM Abiy Ahimad gama isaaniitiin, mariin bilbilaa kun dhimma biyyoota lamaanii, naannoo fi dhimma idil-addunyaa irratti xiyyeeffannoo barbaadan ta'uu eeranii garuu qabiyyee marii isaanii bal'inaan hin ibsine.

Tarkaanfiiwwan kunneen Ameerikaan nageenyi gaanfa Afrikaa akka hin hammaanneef karaa dippilomaasii fi siyaasaa irratti hojjechaa akka jirtu agarsiisa.