Namoonni iccitii waraanaa Ameerikaa baasaan rasaasaan rukutamuu qabu jedhe Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp namoonni ykn anga'oonni odeeffannoo dhoksaa karoora hojii waraanaa biyyattii miidiyaaleetti dabarsan adabamuu akka qaban dubbatan.
Namoonni akkasii rasaasaan rukutamuu qabu jedhan Tiraamp
Tiraamp yaada kana kan kennan, kutaa biyyaa Arizonaatti, hiriira duula filannoo irratti haasaa taasisan irratti ture.
Akka Tiraamp jedhutti, yeroo darbe namoonni odeeffannoo dhoksaa karoora waraanaa Ameerikaa miidiyaan tamsaafamuu hordofee, keessumaa haleellaa waraanaa raawwatamuuf jiru dursee saaxilame jedhan.
Tiraamp haleellaa Ameerikaan Waxabajjii 2025 dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti raawwatte kaasuun, xiyyaaronni waraanaa hojii sana raawwachuuf ka’uu isaanii namni tokko odeeffannoo dhoksaa dabarsuun saaxile jedhan.
Pirezidaantichi miidiyaalee akka New York Times fi CNN odeeffannoo kana gabaasuu isaaniis qeeqan.
Namoota odeeffannoo iccitii dabarsan “namoota addunyaa kana irratti tuffataman” jechuun waamanii, adabbii cimaa akka isaan irratti fudhatamus akeekkachiisan




