Jeneraal Taaddasaa dabalatee qondaalonni bulchiinsa yeroo afur akkamiin TPLF harkaa miliqan?

Leetnant Jeneraal Taaddasaa Warradaa, Koloneel Tawaldaa, Koloneel Alamsaggadiifi Obbo Isaayaas
Ibsa waa'ee suuraa, Leetnant Jeneraal Taaddasaa Warradaa, Koloneel Tawaldaa, Koloneel Alamsaggadiifi Obbo Isaayaas
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Pirezidaantii duranii bulchiinsa yeroo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaa dabalatee qondaalonni olaanoon naannichaa afur TPLF harkaa miliquun Raayyaa Ittisaa Itoophiyaatiin fuudhamanii maqalee galuusaanii BBCn mirkaneeffate.

Qondaalonni kunneen sababa waraana Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun TPLF isaan fuudhee naannoo daangaa Ertiraatti isaan erga geessee booda hidhee ture.

Jeneraal Taaddasaa dabalatee qondaalonni olaanoon kunneen torban tokkoo oliif bakkeewwan garaa garaatti hoteelota, mana jireenyaa fa'aa keessa kaa'amanii akka turaniifi bakkaa bakkatti geeffamaa turuu daangaa Ertiraatti kan argamtu Raamdhaa miliqanii bahu dubbatu.

Qondaalota hidhattoota TPLF harkaa miliqan keessaa itti gaafatamaa duraanii damee tika waraanaa naannoo Tigraay Koloneel Tawaldaa G/Tinsaa'ee akkamitti TPLF harkaa akka miliqaniifi yeroo hidhaa turan haala maalii keessatti akka dabarsan BBC Tigriffaatti himaniiru.

BBC: Haala akkamii keessa turan? Maqaleedhaa yoomifi akkamitti fudhatamtan?

Koloneel Tawaldaa: Maqaleedhaa nu fuudhanii Aduwaafi Aksuumitti nu hidhan. Guyyaasaa hin yaadadhu, guyyaa itti mootummaan Itoophiyaa Maqalee galuuf jedhe ture. Halkan keessaa sa'aatii shanitti nu fuudhanii nuun deeman. Halkan guutuu deemaa bulle. Sana booda kaan keenya gara Aksuum nu geessan, kaanimmoo Aduwaa geessan.

BBC: Eenyu fa'aa taatanii waliin hidhamtan?

Koloneel Tawaldaa: Maqaleedhaa erga nu baasanii boodadha kan gargar nu baasan. Isaayaas Taaddasaafi Jeneraal Taaddasaa [Warradaa] Aksuumitti hidhan; anaafi Gabra Ziheer [Koloneel Gabra Ziheer Alamsaggad] ammoo Aduwaatti hidhan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

BBC: Hoteela moo mana jireenyaa keessatti hidhamtan?

Koloneel Tawaldaa: Hoteela keessatti hidhamne, garuu namuu akka nu argu hin hayyamamu. Maatiin nu gaafachuu hin danda'u. Qunnamtii kamiyyuu dhorkamnee turre. Warra nu eegan qofa argina. Maaltu deemaa akka tures hin beeknu turre.

BBC: Yeroo turtii keessanitti haala qabiinsa keessaniirratti sarbamni mirga namoomaa ykn waanti addaa isinirratti raawwatame jiraa?

Koloneel Tawaldaa: Reebichi ykn afaan hin taane nutti dubbachuun homaatuu hin turre. Garuu Aduwaatti waan badaatu nu mudate. Fakkeenyaaf, yeroo mana keessatti nu hidhan guyyaa afuritti si'a tokko qofa nyaata naaf keennan. Guyyaa afur booda buddeena shiroodhaan naaf kennan. Isaan waliin homaa waliin dubbachuun hin turre. Itti yaadanii waan godhan natti fakkaata.

BBC: Maal isinii jedhanii turan? Maaliif akka hidhamtan isinitti himaniiruu?

Koloneel Tawaldaa: Homaa nutti hin himne. Eegdota qofaadha kan agaru. Eegdotatti ajajá addaa kennaniiru. Isaan waliin ammoo homaa hin dubbannu. Gidduu keenyattis callisatu ture, waa'ee maatiifi Tigraay qofaa haasofna turre.

Akka isaan dubbisnuyyuu nuuf hin hayyamamu ture. Isaan waliin yoo dubbanne, maal akka himan ykn odeeffannoo maalii akka kennan hin beeknu waan ta'eef homaa itti hin dubbannu.

BBC: 'Nageenyasaaniif jennee to'anne' jedhamaa ture. Yeroo Maqaleetti hoteela keessa turtanis, akkasuma akka 'nageenya keessaniif ta'e' isinitti himamaaa turee?

Koloneel Tawaldaa: Kilaasidhaan osoo eegamtuu, maatii kee, namoota waliin akka wal hin argine godhamteetii nageenyaaf kan jedhamu? Waanti akkasii hin jiru. Bifa sanaan ibsamuu hin danda'u. Namni nu dubbise wayiituu hin turre. Poolisiin Tigraay ana hin ilaallatu jedhe. Manni murtiis dhimmi harkasaa akka hin jirre ibse. Eenyu akka nu hidhellee baruu hin dandeenye. Akka hidhamnuuf eenyu akka murteesse, gubbaadhaa eenyu akka ajaju hin beeknu.

Garuu namoonni wayii yeroo dubbatan ni dhageenya turre. 'Gargar baasatii hidhaa' yeroo jedhan ni dhageenya turre. Duubaan waa akka jiru nuuf gala ture. Garuu eenyu akka kana godhu hin beeknu.

BBC: Isaan 'nageenyasaaniif jennee tursiisne' jedhu. Isin ammoo maaliif hidhamne jettanii yaaddu?

Koloneel Tawaldaa: Dubbiin dhimma siyaasati. Garaagarummaa yaadaa qabna turre. 'Mootummaa duraan ture deebisna' gaafa jedhan, nutimmoo ta'uu hin qabu Waliigaltee Piritooriyaa kan diigudha. Waliigalteen Piritooriyaa diigamuu hin qabu, mootummaan [Tigraay waraana dura ture] haa deebi'u inni jedhu fudhatama hin qabu jennee dubbanne.

Kuni waraanatti nu geessa. Uummanni gateettii ittiin waraana biraa baachuu danda'u hin qabu. Yeroo ammaa uummanni waraana osoo hin taane nyaata barbaada, nagaa barbaada jennee ifatti mormine. Kanaaf "farra aangoo" keenyatu jedhanii ka'uunsaanii waan eegamu ture.

BBC: Mee gara [bakka irraa miliqxanii] Raamatti isin deebisa. Akkamitti baatan? [TPLF) gadi isin dhiisee baatanii?

Koloneel Tawaldaa: Guyyaa shaniif achi turre. Jalqaba hoteela nu geessan. Sana booda gara mana jireenyaa nama dhuunfaa tokko nu geessanii achi nu kaa'an. Mana jireenyaa eenyuu akka ta'e dubbachuu yoon dhiise gaaridha.

Raamaa yeroo geeffamnu, Aduwaa caalaa haalli qabiinsaa gaariin nuuf godhameera. Namni isaan [eegdota] gaggeessu hin bahinaa, hin seeninaa jettanii hin rakkisinaa waan jedheef haala gaaritu ture.

Garuu gara Raamatti yeroo geeffamnu eessa akka nu geessan nuu gala ture. Suutuma suuta gara daangaatti akka nu geessan barreerra. Dhoksaan gara Ertiraatti nu geessaa jiraachuusaanii barre.

Daangaa cehanii Ertiraa nu geessuuf murteessanii ture. Nus kana barree turre.

BBC: Ertiraa isin geessuf akka jedhan shakkitaniiti moo odeeffannoo qabatamaa qabdu turtan?

Koloneel Tawaldaa: Maal taate! Marab dhuma daangaarratti argama. Jarri daangaa qaxxaamuranii yeroo cehan agarreerra. Dhageenyerras. Namoonnis nutti himaa turan. Hubachuu ni daneenya. Gadi nu lakkisuu akka hin dandeenya mirkaneeffanneera. Kanaaf, [miliquu malee] filannoo biraa hin qabnu turre. Eegdonni akka ijasaanii nurraa hin buqqifanne itti himamuu karaa mataa keenyaan bira geenye.

Akka isaan gadi nu lakkisuu hin barbaanne erga mirkaneeffannee booda, hojii namoonni heddu itti hirmaataniifi tattaaffii heddu gaafatu hojjannee [miliqne].

BBC: Kanaaf akkamitti baatan? Gaaffii namoota hedduuti. [TPLF] ofiidhumasaatii gadi lakkise jedhamaa jira.

Koloneel Tawaldaa: Gadi nu dhiisan osoo hin taane, karaa mataa keenyaan baane. Akkammitti akka miliqnee harkaa baane guutuusaa amma dubbachuurraa of qusachuun barbaada. Qophaa koo waa'ee kanaa dubbachuu hin danda'u. Akkamitti akka miliqne guutuusaa suuta jennee yoo dubbanne wayya.

BBC: Raamaa keessatti yeroo dhumaaf yeroo hidhamtu maaltu sitti dhagahame?

Koloneel Tawaldaa: Kana caalaa deemuu akka hin qabne of amansiisneerra. Ertiraa deemuu akka hin qabne murteessinee turre. Waan tokko gochuu akka qabnu murteessine. Karadhuma murteessine sanaan baane.

BBC: Yeroo miliqxan sana lubbuu keenyarra balaan gahuu danda'a jettanii hin sodaannee?

Koloneel Tawaldaa: Hundi keenyaa lubbuudhaan baana jennee hin abdanne turre. Garuummoo karaa kamiinuu taanaan bahuu akka qabnu ni beekna turre. Waan hojjataa turre guyyuma guyyaan bu'aasaa ilaalaa gaafa deemnu, bahuu akka qabnu baraa dhufne. Garuummoo salphaa akka hin taane, balaa akka geessisuufi lubbuullee nama kaffalchiisuu akka danda'u yaannee turre. Dhumarrattis akkuma jenne goonee, lubbuun ooluu dandeenyera!

BBC: Haalichaan [miliquu] keessaniin amma maaltu sitti dhagahama Koloneel?

Koloneel Tawaldaa: Dhuunfaa kootti gaafan yaadu namoonni sun kaayyoo hamaa ana miidhuuf yaadan sana jalaa bahuu kootti baay'ee gammadeera. Jaallan kiyya waliin nagaan bahuu kootti baay'een gammade. Garuummoo Tigraay gaafan ilaalu, balaansaa, miidhaansaa uummata Tigraay irra jira. Akka nama Tigraay ta'e tokkootti waan mudatetti baay'een gadde. Sababni badii kan jajjabeessufi saffisiisudha. Waan uumametti [waraana] baay'ee gaddeera.

Waanti ta'e hunduu kabajaafi gootummaa Tigraay kan gadi xiqqeessufi jiraachuu Tigraay qormaata keessa kan galchuudha.

BBC: Miliquu keessan keessatti gahee keessan moo kan qaamota birootu caala?

Koloneel Tawaldaa: Tattaaffii keenyatu irra caala.