Gaaffiin Itoophiyaan Asabirratti kaastu ija seeraan akkamiin ilaalama?

Tsaggaayee Araarsa fi Awwal Aloo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Muddama waraanaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti uumamee jiruuf sababoota ka'an keessaa gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa kaastu isa ijoodha.

Waraana bara 2020-2022 kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamerratti mootummaa Itoophiyaaf daboo bahuun TPLF kan lolte Ertiraan amma faallaasaa michuu TPLF ta'uun Itoophiyaa waliin muddama waraanaa keessa seentee jirti.

Waliigaltee Piritooriyaa booda hariiroon Ertiraafi Itoophiyaan laaffataa deemuu cinaatti, MM Abiy Ahmad Itoophiyaan Galaana Diimatti bahuun "dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti" jedhanii dubbachuun Ertiraa akka bir'achiise himu xinxaaltonni.

Kaaba Itoophiyaaatti waraanni irra deebiin eegaluu hordofee Ertiraan loltootashee bobbaasuun "daangaa koo sarbite" jechuun Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti xalayaa barreessiteen "of ittisuun ala filannoo biraa hin qabu" jettee jirti.

Ertiraan daangaa Itoophiyaa seenuu akka ka'uumsatti fayyadamuun, Itoophiyaan gaaffii ulaa Galaana Diimaa [Asabitti] bahuu duraanuu gaafataa turte milkeeffachuuf waraana labsuu dandeessi kan jedhanis hedduudha.

Ofii gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaan kaastu ija seeraan akkamiin ilaalama? Ertiraan biyya walabaa taatee osoo jirtuu Itoophiyaan Asab naaf mala jechuu dandeesii? Akkuma Jibuutifi Keeniyaa waliin waliigalteedhaan ulaa galaanaa daldalaa fayyadamaa jirtu Ertiraa waliin maaf walii hin galan? Ulaan galaanaa Itoophiyaan barbaaddu kan humna galaanaa moo buufata doonii daldalaati? kanneen jedhan irratti ogeeyyii seeraafi xinxaaltota dubbisneera.

Ogeessa seeraafi UKtti kan argamu Yuunivarsiitii Shiifiilditti barsiisaa kan ta'an Awwal Aloo (PhD), akkaataan itti Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee "marii tokko maleedha" jechuun, Itoophiyaan battalumatti biyya ulaa galaana dhabde ta'uun alatti barbaachisummaa isheen ji'oopolotiksii naannichaa qabdu kan dhabsiise ta'uu BBCtti himan.

"Gaafa Ertiraan fottoqxee Itoophiyaan waanti isheen dhabde waan xiqqaa miti. Itoophiyaan buufata doonii Asabiifi Masawwaa qofaa miti kan dhabde. Biyyi qarqara galaanaa turte tokko mariifi haasan wayiituu osoo hin godhamin biyya galaana hin qabne taate," jechuun akkaataan Itoophiyaan itti Itoophiyaan Galaana Diimarraa adda citte haqa qabeessa akka hin taane himu.

"Asab naaf mala jetta taanan, Ertiraanis naaf malti jechuu qabda..."

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

MM Abiy Ahmad ulaan galaanaa Itoophiyaaf murteessaa ta'uu erga kaasanii as qondaalota siyaasaafi waraanaa biyyattiirraa kan dhagahamu, Galaana Diimatti bahuun dirqama akka ta'eefi Asab Itoophiyaaf deebi'uu akka qabuudha.

Keessumaa waraanni kaaba Itoophiyaatti deebi'ee eegaluufi Ertiraan loltootashee daangaa Itoophiyaa seensisuu hordofee, deeggartoonni mootummaafi qondaalonni tokko tokko Asab qabachuuf "yeroonsaa amma" jedhanii miidiyaa hawaasaa irratti duula yeroo gaggeessan mul'atu.

Ogeessa seeraafi dhimma Itoophiyaarratti dubbachuun kan beekaman Tsaggaayee Araarsaa (PhD), adeemsi mootummaan Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuuf itti deemu sirrii akka hin taane falmu.

Akka Tsaggaayee Araarsaa jedhanitti, gaaffiin ulaa galaanaa bifa lamaan: daldalaaf ulaa galaanaa qabaachuufi ulaa galaanaa abbummaan to'atan qabaachuudha.

"Tokko daldalaaf jecha karaa ittiin fayyadamtu akka qabaattu kan godhuudha," jechuun kuni bifa waliigalteen ykn kiraatiin kan argamu ta'uu kaasu.

Kan lammataa ammoo "buufata doonii qabaachuu, lafa ati to'attu qabattee diinagdeedhaaf qofa osoo hin ta'in nageenyaaf, siyaasaaf kan itti fayyadamtu (soverign access) qabaachudha. Qaama galaanaa ofiif qabda jechuudha. Eenyummaraayuu hayyama barbaaddu," jechuun humna galaanaa irratti ijaarrachuu dabalatee kaayyoo siyaasaf kan oolu ta'uu ibsu.

MM Abiy dabalatee irra deddeebiin kan kaasan Itoophiyaan akkaataan itti buufata doonii Asab dhabde "dogoggora seenaa" ta'uu kaasuun seenaa sana sirreessuuf akka hojjataniidha.

Tsaggaayee Araarsaas kan kaasan gaaffiin Itoophiyaa bifa ittiin ulaa argatan isa jalqabaa- daldalaafi diinagdeef ulaa galaanaa fayyadamuu osoo hin taane "abbummaaf" ykn humna galaanaa irratti ijaaruuf akka barbaaddu ibsu.

Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa abbummaaf Galaana Diimarraa kan barbaaddu, waantoota sadi ka'uumsa godhachuun akka ta'es ibsu.

"Tokkoffaan seenaa keessatti keenya ture kan jedhuudha. Lammati uummata bal'aa qabna, biyyi guddataa jiru kun ulaa galaanaa malee guddachuus badhaadhuus hin danda'uu kan jedhuudha. Sadaffaan ammoo Ertiraan seenaa keessatti nu qoccolaa turte, ammas waraanatti jirra, humnaan qabanna kan jedhuudha," jechuun adeemsi Itoophiyaa "kennanii fudhachuun osoo hin taane humnaani" jedhu.

MM Abiy Ahmad paarlaamaa Itoophiyaatti dhiyaachuun yeroo garaa garaatti haasaa taasisaniin, Itoophiyaan ulaa Galaana Diimatti bahuuf filannoon jaqabaa "karaa mariifi waliigalteen" ta'uu akka qabu ejjannoo mootummaasaanii akka ta'e ibsaa turan.

Tsaggaayeen garuu mootummaan Itoophiyaa yeroo kaan karaa nagaa jechaa yeroo kaan ammoo "humnaanis ta'u [ni qabanna] jedha" jechuun ejjannoon adeemsi mootummaan Itoophiyaa hordofu "lafa babal'ifannaa" akka ta'e falmu.

Itoophiyaan yeroo kanatti gaaffii ulaa galaanaa kaasuun waanuma eegamuufi biyyi uummata guddaa akkasii qabu buufata doonii tokko qofa [kan Jibuutii] irratti hundaa'uun sirrii akka hin taane kaasu.

"Itoophiyaan biyyi uummata miliyeena 135 hanga 140 qabdu, waanti gara Itoophiyaa seenu %96 kan ta'u karaa jibuutitiin seena. [kana qofaarratti hirkachuun] akka tarsiimotti yoo ilaalle biyya tokkoof balaa guddaa waan qabuudh," jechuun ulaa galaanaa garaa garaa yaaluuf dubbachuufi mariyachuun Itoophyaa akka cubbuutti ilaalamuu akka hin qabne ibsu Awwal Aloo.

Akka Awwal jedhanitti, Ertiraan waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiruun wal-qabatee waraanishee daangaa Itoophiyaa akka seenu gochuunshee, Itoophiyaan maqaa ulaa galaanaan na weeraruuf jetti kan jedhurraa ka'ee ta'uu akka hin oolle ibsu.

Gama biraan ammoo Ertiraan erga biyya taatee as Itoophiyaa gatii guddaa akka baasiste ibsu Awwal Aloo.

"Ertiraan erga Itoophiyaarraa adda baatee waggoota soddomman darban yeroo sadaffaaf waraana seenaa jirra jechuudha. Hireenumti xiqqoon banamee jennaan fiigdee waraana keessa seenti," jechuun sababa Ertiraatiin Itoophiyaan lubbuu namaa, diinagdeefi carraa garaa garaa dhabuun kasaaraa guddaan akka ishee mudate kaasu.

"Rakkoon Ertiraa waliin jiru furamuudhuma qaba. Dirqama waraanan hiikama jechuu miti," jechuun garuummoo rakkoon jiru akkanaan itti fufuu akka hin qabane dubbatu.

Biyyi ulaa galaanaa hin qabne ulaa galaanaa argachuuf gaafachuun mirga biyyoota hundumaa ta'uu kan ibsan Tsaggaayee Araarsaa, Itoophiyaan kan gaafataa jirtu biyya walabaa taate tokkorraa ulaa galaanaa abbummaan fudhachuu waan ta'eef ija seeraan akka hin hayyamamne ibsu.

"Abbummaa ulaa galaanaa osoo hin taane hayyamaan ulaa galaanaa argachuun mirga biyyoota addunyaati. Itoophiyaanis kana gaafachuunshee rakkoo miti. Rakkoo kan ta'u humnaanin fudhadha, abbaan itti ta'a kan jedhuudha. Sanatu seeran ala," jechuun Itoophiyaafi Ertiraa lolatti kan geessaa jiru kana ta'uu kaasu.

Itoophiyaan akkuma buufata doonii Jibuutii, Laamuu fa'aa karaa dippilomaasiin Jibuutifi Keeniyaa wajjin waliigaltee fayyadamtu Ertiraa waliin gochuu dandeessi ture kan jedhan Tsaggaayee Araarsaa, adeemsi Itoophiyaa garuu buufata Asab abbummaan qabachuu akka ta'e ibsu.

"Keenya ture, seeran ala nu harkaa fudhatame, keenya ta'uu qaba jechaa jiru," jechuun Itoophiyaan qaxanaa sanatti humna jabaa taatee mul'achuuf akka tattaafataa jirtu himu.

Itoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa argachuuf "Ertiraan biyya walabaa miti jettee fudhachuu qabda" jedhu.

"Yoo Ertiraan biyya ta'uushee fudhatte, buufata doonii [Asab] dabalatee daangaa ishee ni kabajja," jechuun buufanni doonii Asab qaama Ertiraa ta'uu ibsan.

Akka Tsaggaayeen jedhanitti, Itoophiyaan akkaataan itti buufanni doonii Asab fudhatame sirrii miti jettee kan amantu yoo ta'e, Asab qofaa osoo hin taane guutummaa Ertiraa deebisuuf gaafachuu akka qabu himu.

"Haalli itti Asab nurraa deeme [fudhatame] sirrii miti gaafa jettu, haalli Ertiraanuu nurraa itti foxxoqxe sirrii miti jechaa jirta. Yoo akkas ta'e, waraanni gaggeessuuf deemtu ulaa galaanaa qofa osoo hin ta'in waan biyyattii ofitti deebisuuti," jechuun ija seeran adeemsi Itoophiyaa sirrii akka hin taane akka amanan himu.

Akka ogeessi seeraa Tsaggaayee Araarsaa jedhanitti, Itoophiyaan humnaan buufata doonii Asab ykn guutummaa Ertiraa qabattee yoo of jala galchite "biyya walabaa sarbuu waan ta'uuf" dhiibbaan addunyaa dandeessee akka hin dandamanne ibsu.

Kanaaf Itoophiyaan Asab dhuunfattee of jala galchuu kan dandeessu "yoo Ertiraan harka kennattee tole jettee itti walii galte qofaadha" jedhu.