Hojjetaa mootummaa meekaappii fayyadamuun yeroo tokkoon waajjira shanitti hojii shan hojjechaa ture

Madda suuraa, PA Media
Hojjetaan mootummaa tokko yeroo tokkoon hojiiwwan gosa adda addaa shan kan yeroo hojii guutuu gaafatanitti qacaramuun waan raajii hojjete. Kan irra caalaa nama dinqummoo mala inni ittiin hojiiwwan shananuu walfaana adeemsisuuf yaale.
Bakka hojii tokkotti heeyyama dhukkubaa erga, bakka dhibii ammoo mana taa'ee hojjetee galii Paawundii 350,000 walitti qabate. kunis irratti baramee himanni itti baname.
Namni Kaashim Chawudihuri jedhamu kuni A.L.A Gurraandhala bara 2020 hanga Fulbaana 2023tti hojiiwwan mootummaa hedduu qabachuun galii birrii Itoophiyaatti Miliyoona 76 ta'u walitti qabate.
Manni murtii Saawuzwark Kiraawunitti galmeen himatichaa akka ibsutti, namni kuni yeroo viidiyoodhaan hogganaa isaa waliin haasa'u fuulasaa irratti meekaappii adii hojjetatee kan tureefi garuu meekaappiin kuni irraa ka'uu jalqabee akka ture ibsa.
Baha Landan irraa kan dhufee fi ga'eessa ganna 55 kan ta'e Chawudhuriin, himata waliindhahuu sagaliin himatamee dhimmisaa ilaalamaa kan jiru yoo ta'u, inni himata kana haaleera. Inni adeemsa haqummaa hin qabneen faayidaa argachuuf yaaluu ittiin himatame kana hin amanne.
Ga'eessi kuni yeroo beeksisni hojii bahee bakkichatti dorgomu ragaalee sobaa dhiheessuun hojiiwwan kana akka argate himatni isarratti baname ni akeeka.
Turtii waggoota sadii keessatti Baha Londonitti kan argamu Kaawunsilii Toower Haleetis, Hoom ooffis, qajeelcha dhimmoota naannoo, nyaataa fi baadiyyaa, Ejensii nagummaa fayyaa UK, fi qajeelcha fayyaa fi kunuunsa hawaasummaa keessatti hojiiwwan adda addaa hojjetaa ture.
A.L.A bara 2023 ejensii nagummaa fayyaa UK keessatti hoggantuusaa kan turte Alishaa Adaams, waa'ee dhukkubsachuu isaa isa waliin mari'achuuf viidiyoodhaan bilbilteefii akka turte mana murtiitti himte.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Adaams akka jettutti, Chawudihuriin waan dhukkubsate fakkeessuuf fuula isaa irratti meekaappii hojjetatee ture. osoo haasaa Viidiyoonii sanarra jiranii meekaappiin fuulasaarraa gadhiisaa akka tureefi gogaan qaama isaa jalaa akka mul'ataa ture himte. Inni yeroo sanatti gitawwan hojii adda addaa shaniin mindaa guutuu argataa ture.
Abbaan Alangaa Luusii Arigan Mana murtii irratti akkas jedhan "Himatamaan kuni walgahii garee irratti fuulasaa meekaappii dibatee ture. kunimmoo hoji gaggeessaan inni akka dhukkubsachaa jirutti akka yaadu godheera" jedhan.
"Taateen kolfisiisaan kuni himatamaan kuni shira hojjechuuf fageenya hagamii akka deeme kan nama hubachiisudha" jedhan.
Akka Abbaan alangaa jedhanitti, Chawudihuriin yeroo weerara Koronaavaayirasii sana kan jalqabame aadaa hojii manaa hojjechuu garmalee fayyadameera. Kana malees namni kuni harmee isaa dhukkubsattuu waan taateef ishee kunuunsuuf jecha hojii mana taa'ee hojjechuuf hoggantootasaa amansiisees ture.
Haa ta'u malee dhiibbaan hojii shanii kuni garmalee waan itti ulfaataa deemeef raawwiin hojiiwwan isaa gadi bu'aa akka deeme himu abbaan alangaa.
Manni murtii namni kuni sababa 'dhiphinaa fi mukaa'uutiin' hojiiwwan kaan irraa akka ari'ame odeeffateera. Haata'u malee, ragaa dhukkubaa isaa dhaabbilee keessa hojjetu hundaaf hin galchine.
Abbootiin seeraa hojii waliindhahuu ga'eessii kuni hojjete kan dhagahan erga dhaabbanni kaka'umsa waliindhaha biyyaalessaa too'atu dhaabbata inni keessa hojjetaa ture keessaa tokko kan ta'e dhaabbata nyaataa fi dhimmoota baadiyyaa (Defra)f odeeffannoo kenneen booda.
Dhadhachi himatamaa kanaa itti fufee jira.

























