Waraana kaabaan booda hireen TPLF maal taha? Biyya ollaatti baqatuu moo of ijaaruun aangootti deebi'u?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Zelalem Tadesse Duressa
- Gahee, Senior Broadcast Journalist
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8
''Barri Gadaa TPLF dhumateera. Kana booda carraa deebi'anii ka'uun aangoo qabachuu hin argatan'' jedhe xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad.
TPLF akka dhaaba siyaasaatti du'uu malee filannoo biraa hin qabu. Kanas ofumaaf filate'' kan jedhan ammoo qondaala duraanii TPLF Bisiraat Amaareeti.
Garuu hireen TPLF maal taha? Eertiraa moo Sudaan galee riphee lolaa taha?
Isaayaas Afawarqii ofitti fudhataa? Moo TPLF muuxatee ka'ee aangootti deebi'a?
_________________________________________________________________________
Waggoota 50 oliif qabsoo hidhannootii hanga olaantummaadhaan Itoophiyaa bulchuutti kan dabarse TPLF amma xumura boqonnaa isaarra gaheera jedhu xiinxaltoonni.
Waraana marsaa lammaffaaf jalqabe kana aduu torbanii keessatti mo'amuun kutaalee Tigiraay hedduu keessaa baafameera.
Waraanni amma TPLF gaggeessaa jiru isa Dargii irratti gaggeesseenis adda. Isa bara 2020 mootummaa federaalaa waliin wal waraane irraas adda jedhu xiinxaltoonni siyaasaa kanneen amala TPLF haala gaariin beekan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waraana bara 2020 osoo hin jalqabiin dura humnoonni TPLF qophii cimaa gama waraanaa fi siyaasaan gochaa turan. Uummatas amansiisanii ture.
Ajajoota waraanaa muuxannoo gurguddaa qaban kanneen humna waraanaa Itoophiyaa gaggeessaa turan, tika biyyittii keessatti namoota murteessoo tahan hedduu qabu ture. Har'a kun hundi hin jiru. Kaan waraana marsaa duraa keessatti ajjeefaman.
Kaan mootummaa waliin araaramuun hojjechuu filatan. TPLF yoo xiqqaate garee sadiitti qoodameera.
TPLF kan Dabretsiyonii fi Fatilewarqiin gaggeeffamu, Humnoota Nagaa Tigiraay hidhachuun deebisanii Humnoota TPLF waraanaa jiranii fi garee Geetaachoo Raddaa fa'i.
Yeroo gabaabaa keessatti mo'amuu TPLF'f sababni guddaanis qoqqoodaa gidduu isaaniiti jedhe xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad.
Humnoonni Nagaa Tigiraay, Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin tahuun Humnoota TPLF waraanaa jiru.
Jawaar amma TPLF bifa lamaan mo'ame jedhe. ''Tokko siyaasaan, kan lammataa waraananis mo'ameera. Bara 2020 waraanaan mo'amee siyaasaan mo'atee ture,'' jedhe.
Bara 2020 keessa riphee lolaa tahee kan deebi'ee aangoo naannoo Tigiraay qabateef cimsee uummanni Tigiraay waan isaan cina dhaabbateefidha jedhe.
''Amma garuu uummanni lola nuffeera. Qoqqoodamni hoggansa TPLF gidduutti uummame akka uummanni jibbu godheera'' jedhe xiinxalaan siyaasaa Jawaar.
Kanaafidha waraana ammaa yeroo jalqaban gara Wallootti erga gadi lola jalqabanii Raayyaa Ittisa Biyyaa jala dhaabbachuu dadhabanii lafa isaanii keessaa kan bahaniif jedha.
''Uummanni isaan dhoksuu fi nyaachisu waan hin jirreef yeroo gabaabaa keessatti lafuma isaanii gadhiisanii bahan.
Kanaaf gara daangaa Eertiraatti deeman. Siyaasaanis, waraananis mo'ameera.''
Qondaalli olaanaa duraanii TPLF Bisiraat Amaaree ''waanuman eegaa turetu raawwate. Kan hafe yoo jiraates TPLF'f kana booda xumuramaaf. Kana booda carraa deebi'ee ka'uu hin qabu,'' jedhe.
Obbo Bisiraat Amaaree erga wal dhabanii TPLF keessaa bahanii amma Ameerikaatti barsiisaadha.
TPLF keessatti wal qoqqooduun haaraa miti. Duris mudatee beeka. Kanaaf muuxannoo isaa waan qabaniif of haaressanii ka'u jedhanii kan yaadan jiru.
''Kun tahuu hin danda'u'' jedhan Obbo Bisiraat.
Bisiraat garuu ''kan waggaa 50 dura turee fi ammaa walitti hin dhufu. Du'a Mallas booda TPLF hallayyaa bu'e.
Kan isa dhaabeyyuu hin jiru. Itti fufee jiraachuuf yaadaa fi ilaalacha isaa jijjiirachuu isa gaafata ture. Kanas hin goone. Hogganaa cimaas hin qaban. TPLF kufuu qofa osoo hin taane du'uu filate,'' jedhan Obbo Bisiraat.
''TPLF Ilaalcha dulloomaa qabatee isumaan du'uu filate. Du'uus qaba. Filannoo biraas hin qabu,'' jedhan.
Hayyuun seeraa fi xiinxalaan siyaasaa Awwol Aloo yaaduma kana deeggara.
''TPLF of haaromsee deebi'uuf carraa hin qabu. Haala amma jiru kanaan itti fufnaan akkuma jaarmiyaa siyaasaa tokkoottiyyuu guutummaan baduu danda'a'' jedhe.
Mootummaanis qaama humna alaa Itoophiyaaf ilaalcha gaarii hin qabne waliin deebi'ee araaramee hojjeta jedhamee hin yaadamu kan jedhu Awwol, uummata Tigiraay birattis fudhatama dhabeera jedhe.
''Tarii osoo dubbiin kana caalaa hin fagaatiin, dogogoratu jira. Koottaa ni mari'anna jedhanii wal tahinsa qaama alaa waliin qaban adda kutuu ibsanii yoo mootummaa waliin dubbatan tarii carraa xiqqoo qabaachuu malu.
Kanaan ala jaarmiyaan kun badee yeroo booda qalbii deeggartoota isaa keessaas ni baha'' jedhee amana.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Bisiraat Amaarees paartiin olaantummaan waggaa 27 oliif Itoophiyaa gaggeessee fincila isa mudateen aangoo irraa kaafame TPLF, gochaawan seeraan alaa baay'ee hojjeteera jedhan.
''Yeroo lama mootummaa ce'umsaa [Tigiraay] hundeeffame ajjeesera, diigeera. Hoggansi isaanii wal qoqqoodeera. Geetaachoo Raddaa Koree Gidduugaleessaa fudhatee deemera.
Kan hafe ammoo dhaabbata gara biraa [Human Nagaa Tigiraay] jedhamu hundeesse.
Dabretsiyoonii fi Fatilewarqi kan gaggeessan ammoo ''Tsimdoo'' jechuun humnoota alaa hin barbaachisne waliin tokkummaa uuman'' jedhan.
Obbo Bisiraat akka jedhanitti TPLF 'Tsimdootti' makamuu uummanni Tigiraay hin fudhanne.
Dhaabbileen siyaasaa Tigiraay mormaniiru. Humni Ittisaa Tigiraay jechuun kan waamamu [TDF] bakka lamatti cabuun Humni Nagaa Tigiraay dhalate jedhan. Kun hundinuu akka kufaatiin TPLF ariifatu godheera, kanumas eegaa turre jedhan Obbo Bisiraat.
Amma magaalaan hundi Rayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota isa deeggaraniin qabameera. Bakka xiqqootu hafe. Kana jechuun dhaabbanni kun badeera jechuu danda'ama,'' jedhan.
'TPLF'n yerootu gate'
Obbo Bisiraat Amaaree ''TPLF'n yerootu gate. Ilaalcha dulloomaa isaan qabantu isaan ajjeese. Isaanis ilaalcha tarkaanfataa qabaachuurra ilaalcha dulloomaa qabatanii du'uu filatan,'' jedhan.
Itti dabaluun sababni guddaan kufaatii fi mo'amuu TPLF ariifachiise waliigaltee Piriitooriyaa carraa xiqqoo uummata Tigiraayiif kenne eegsisuu dadhabuu isaaniiti jedhan.
''Kan biraa uummaticha bulchuu hin dandeenye. Dhaabbanni kun kan keenya waan taheef diigamuu hin qabu ilaalcha jedhu qabu. Yaada kana qondaalonni waraanaa gariin hin fudhanne.
Warri fudhachuu didan lakki nuyi kan dhaaba tokkoo miti jedhan. Humni Nagaa Tigiraayi kanaaf isaan irraa citee hundeeffame. Kunoo amma isaan waraanaa jira. Kanaafuu TPLF kufee deebi'ee ka'a jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne'' jedhan.
Tarii namoonni TPLF bayyaannachuun aangootti deebi'a jedhanii yaadan:
Tookkoon warra aangoof jecha waggaa 30-35 sammuu isaanii irratti hojjetamee ture tahu. Isaan Kun hawwaasa hubanannaa siyaasaa guddaa hin qabnedha.
Kan biraa faayidaaf qaama walitti qabame tahuu qaba jedhan.
''TPLF'n yerootu gate. Ilaalcha dulloomaa qabatee waggaa dheeraa deeme. TPLF Mallas waliin du'e. Erga du'a Mallasii mataa ol hin qabanne. Ilaalcha isaanii fooyyessuurra ittumaan du'uu filatan,'' jedhan.
Mallasii Zeenaawwii fi Obbo Haayilemaariyaam dassaaleny jalatti Itaamaajoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kan turan Jeneraal Saamooraa Yeenus, TPLF harka kennachuu malee carraa biraa hin qabu jedhan.
Jeneraal Saamoraan dhalataa Tigiraay tahanis Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa erga kabajaan gaggeeffamanii waraana 2020 irrattis tahe kan ammaa irratti TPLF waliin hin dhaabbanne.
TPLF maaliif saffisa kanaan mo'ame?
Jawaar Mahaammad TPLF saffisa kanaan mo'ama jedhee hin eegne ture jedhe.
Garuu Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa haleellaa cimaa isaan irratti gaggeessuun yeroo gabaabaa keessatti mo'ateera jedhe.
Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa erga waraana Kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaan xumurameen booda bifa haaraan ijaarameera.
MM Abiy Ahimed ''diina kamiyyuu qolachuu fi faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa humna waraanaa kabachiisuu danda'u ijaaruu himaniiru.
Diroonii waraanaa ammayyaa bituu qofa osoo hin taane baay'inaan biyya keessatti oomishanii waraana kana irratti fayyadamuun injifannoo adda waraanaa jijjiireera.
Haalli waraanaa ammaa isa TPLF dur fayyadamaa ture irraa adda tahuu xiinxaltoonni amanu.
Amma mootummaan federaalaa gama waraanaa fi siyaasaan mo'ateera. Uummanni Tigiraay nagaa barbaaduu fi waraana nuffuun akka TPLF jibbamu taasisuu hima Jawaar.
Kana dura TPLF humna waraanaa guddaa qaba ture. Garuu waraana ammaa kana keessatti kumaatamaan jalaa booji'amaniiru. Kaan ajjefamaniiru. Kan irraa hafte gara daangaa Eertiraatti baqataniiru jedhe.
''Ammatti lakkoofsi loltootaa isaan qaban waraana idileef gahaa miti. Riphee lolaa tahuuf garuu gahaadha. Kana jechuun TPLF matumaan baddi jechuu miti'' jedhe.
Dabalataan ''meeshaa waraanaa guddaatu jalaa fudhatame waan taheef kasaaraa guddaatu irra gahe. Meeshaan waraanaa Masirii, Sudaanii fi Eertiraa irraa galeefii akka jiruun jalaa fudhatame.
Saffisa kanaan rukutamna jedhanii waan hin yaadiiniif dhiisanii bahaniiru. Kaan humna waraanaa mootummaatu booji'e'' jedhe.
Kaayyoon ture Masiriinis meeshaa waraanaa dhiyeessuun gargaartee sadarakaa RSF [Humna Dafee Dhaqabaa Sudaan]tti ijaaruuf turan.
Garuu meeshaan galchaniif kaan waan jalaa booji'ameef kaan gatanii waan deemaniif kasaaraa guddaatu irra gahe jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
TPLF Garamitti baqata? Eertiraa moo Sudaan?
Kutaalee Tigiraay hedduu keessaa kan baafame TPLF akkuma amala isaa gammoojjii Tambeenitti galuun riphee lolaa tahee deebi'aa? Kana Obbo Bisiraat Amaaree ''waan hin fakkaanne'' jedhan.
''Kana booda hin hojjetu. Uummanni Tigiraay dhaabbata siyaasaa kana gahe, dhumateera jedheera. Uummata isaan baatu hin qaban'' jedhan.
Dursaan TPLF, Dr Dabretsiyoon G/ Mikaa'el ibsa yeroo kennu, ''waraana keenya gara istiraateejii socho'aatti jijjireerra'' jedhe.
''Magaalonnii fi bakki tokko tokko ''humna diinaan yoo qabame hin rifatiinaa, Eessaa fi akkamiin akka lollu nutu beeka'' jedhe. Dubbiin isaa kun akka mo'amaa jiraanii fi riphee lolaatti jijjiiramuu isaanii akeka jedhan Obbo Bisiraat.
''TPLF humna hin qabu. Dargaggoon Tigiraay sagalee rasaasaa dhagahuu hin barbaadu.
Loltoota 100,000 guyyaa sadiitti bittinsitee gara mana keessanii galaa jettee booda amma walitti qabuuf yaaluun matumti isaa yakka,'' jedhan.
Amma loltoonni TPLF hafan gara daangaa Eertiraatti baqachuu himama.
Obbo Bisiraat Eertiraan ni fudhatti moo ni dhiisti kan jedhu hin beekamu. Isaayaas kana dura 'waraana fiddanii nutti hin dhufiinaa' jedhee ture jedhan.
Imaammanni Isaayas burjaajeessee humna nama kaanii fayyadamee Itoophiyaa loluudha malee kan isaanii fayyadamuu hin turre jedhan.
Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad humnoonni TPLF Eertiraa yoo kan galan tahe mootummaan Eertiraa deebisee mootummaa Itoophiyaa ittiin loluuf itti fayyadamuu danda'a.
Isaanis deebisanii mootummaa lolanii aangoo qabachuu barbaadu waan taheef.
Garuu kun yeroo dheeraa isaan gaafata. Yoo mootummaan uummata Tigiraay keessatti dogogora hojjetee isaan miidhee akka isaan TPLF yaadanii fi hawwan yoo godhe malee kana booda abdii deebi'ee ka'uu hin qabu jedhe Jawaar.
''Waan Kana ammoo mootummaan godha jedhee hin yaadu. Kanaaf gadaan TPLF gara dhumaatti waan dhiyaate natti fakkaata'' jedhe.
''Mootummaan federaalaa fi Humni Nagaa Tigiraay gaaffii uummata Tigiraay kan deebisan yoo tahe, yoo qonnaan bulaan nagaa argatee qe'eesaarra carraa jiraachuu argate, Yoo uummanni Lixa Tigiraay irraa buqqa'e gara qe'ee isaatti deebi'a tahe carraan TPLF deebi'uu ni du'a.''
Waan hunda kan murteessu garuu kana booda tarkaanfii mootummaan Itoophiyaa fi Eertiraa fudhatanidha jedha.
''Yoo waraanni biyyoota lamaan gidduutti kan ka'u tahe carraa Isaayas Afawarqii aangoorra turuu qabu xiqqaadha.
Yoo akkas tahe ammoo gara Eertiraatti baqachuu hin danda'u. Carraan biraa TPLF qabu Sudaan galuudha. Sudaan ammoo Itoophiyaa waliin wal waraanuu hin barbaaddu'' jedhe xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad.
Kanaaf carraan TPLF deebi'ee ka'uuf qabu xiqqaadha jedhee amana.
Mootummaan Itoophiyaa Eertiraan waraana amma naannoo Tigiraayitti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti gaggeeffamu keessatti hirmaachaa jirti jechuun himate.
Xalayaa UN'F barreesse keessattis Eertiraan walabummaakoo cabsuun loltoota ishee hanga KM60 tahu gara Tigiraayitti galchiteetti jechuun himate.
Eertiraan himannaa kana haaluun Itoophiyaatu maqaa hulaa galaanaa argachuu jedhuun waraana narratti labsaa ture jette. UN akka gidduu seenuufis gaafatteetti.
Mootummaan Isaayas Afawarqii hidhattoota Itoophiyaa keessa socho'an akka Faannoo fi WBO deeggaraa ture jechuun Itoophiyaan himatti.
Dhiyeenyas TPLF, WBO fi Faannoo dabalatee gareen torba wal tahuu ibsan.
Tibibir Le Hilliwunnaa [Wal Tahinsa Of Baraaruu] jechuun waliigaluu ibsan.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo Eertiraa fi Masiriitu duuba jira jedhe. Lameenuu haalaniiru. Garee gareen kun amma ifatti waraana kana irratti hirmaachuu isaa hin beekamu.
Gaaffii guddaan waraanni kun daangaa Eertiraa irra gahee injifannoo mootummaa federaalaan dhaabbataa? kan jedhudha.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Maarkoo Ruubiyoo bilbilaan MM Abiy waliin dubbatanii loltoonni Itoophiyaa daangaa Eertiraa akka hin galle dhaamaniiru.
MM Abiy Ahimed waggoota sadii oliif Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu akka qabdu dubbataa turan.
Amma paartileen mormituu akka ABO fi kaanis Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu akka qabdu amanu.
Eertiraan garuu Itoophiyaan na weerartee galaana Diimaatti bahuu barbaaddi jechuun himatti.
Masirii, Somaaliyaa fi Eertiraan waliigaltee waraanaa taasisuu qofa osoo hin taane bulchiinsi hulaa galaanaa biyyoota daangaan isaanii galaanatti bahu qofa ilaallata jedhu. Waliigaltees mallatteessaniiru.
Waliigalteen kun gaaffii Itoophiyaan dhiyeessaa jirtu dura dhaabbachuu akka tahe mootummaan ni amana.
Ameerikaa, Gamtaa Afrikaa fi UN garuu waraannichi akka Gaanfa Afrikaatti hin babal'anne sodaa qabaachuu ibsaniiru.

























