MM Abiy Ahmad Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waliin 'dhimmoota ijoorrarratti' mariyachuu himan

Ministiira Muummee Abiy Ahmad fi Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neyaaniyaahuu
Ibsa waa'ee suuraa, Ministiira Muummee Abiy Ahmad fi Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Neyaaniyaahuu Fulbaana 1, 2019 magaalaa Yerusaalemitti yeroon waloon ibsa kennan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ministiirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waliin marii bilbilaan "bu'a qabeessa" ta'e taasisuu ibsan.

MM Abiy Ahmad fuula isaanii X irratti ergaa maxxansaniin, Netaaniyaahuu waliin bilbilaan dubbachuu fi "dhimmoota ijoo ta'an" irratti mari'achuu ibsaniiru.

"Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waliin bilbilaan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii hojiirra oolchuu fi dhimmoota ijoo naannichatti ta'aa jiran ilaalchisee marii bu'a qabeessa ta'e gooneerra," jechuun barreessan.

Dabalataanis, dhimmoota fedhii waloo ta'an irratti waliin hojjechuu ilaalchisee mari'achuu isaanii ibsaniiru.

MM Abiy Ahmad Ministiira Muummee Israa'el waliin marii bilbilaan taasisuu kan ibsan, yeroo Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddamni waraanaa dabalaa jiruudha.

Itoophiyaan Ertiraan loltoota ishee bobbaasuun daangaa ishee seentee jirti jechuun Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UN) xalayaa barreessiteetti.

Ministiirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootewoos (PhD), xalayaa isaanii Mana Maree Nageenyaa UN'tti barreessaniin, Ertiraan daangaa Itoophiyaa seenuun weerara raawwachuu ibsaniiru. Kana malees, Itoophiyaan akkaataa Chaartara UN'n hayyamameen ofirraa ittisuu malee filannoo biraa akka hin qabne dubbataniiru.

Ertiraanis gama isheetiin UN'tti iyyannoo dhiyeessiteetti. Itoophiyaan Ertiraa weeraruuf dursee haal-duree qopheessaa turte jechuun, UN Itoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhu gaafatteetti.

MM Abiy Ahmad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin, mariin bilbilaan Netaaniyaahuu waliin taasisan dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii fi haala naannichaa irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru. Haa ta'u malee, waa'ee marii isaanii odeeffannoo dabalataa hin kennine.