Mallattoollee shan gaa'elli kee diigamuuf akka jiru akeekan

Abbaa warraa fi haati warraa barcumaarra taa’anii jiru; gidduu isaanii boraatin jira. Lamaanuu aariin qabamanii, mataa isaanii qabatanii jiru. Dubartiin immoo gadditee lafa ilaalaa jirti.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Jaalalli dhimma walxaxaa miiraan guutameefi hubachuuf ulfaatu ta'uu danda'a. Haata'u malee, lakkoofsi bultiiwwan diigamanii dhimma hubachuuf salphaa ta'eefi dhugaa hawaasa keessa jiru agarsiisudha.

Fakkeenyaaf, Yunaayitid Isteetis (US) keessatti jaalalleewwan bultii ijaarratan keessaa dhibbeentaan 44 dhumnisaanii gargar bahuudha.

Kana jechuun, biyyattii keessatti sekondiiwwan 47 keessatti yoo xiqqaate gaa'elli tokko ni diigama.

Yeroo oduu kana dubbisuu eegaltanii hanga xummurtan gidduu jiru keessattimmoo giddugaleessaan gaa'elawwan 10 ni diigamu jechuudha.

Saayintistoonnis dhimmoota ijoo carraa diigamuu gaa'ela tokkoo dabaluu danda'an adda baasaniiru.

Dhimmoota kunneen keessaa tokko barnoota yemmuu ta'u, hanguma sadarkaan barnootaa haadha warraafi abbaa warraa dabalu carraan gaa'ellisaanii diigamuu xiqqaachaa akka deemu qorannoon Awustiraaliyaa keessatti adeemsifame agarsiisa.

Qorannoon kun gaa'elawwan 7,930 waggoota 17'f itti fufiinsaan hordofuun adeemsifame.

Sadarkaan barnootaa akkamiin diigama gaa'elaa hir'isa kan jedhu deebii quubsaa argachuu baatullee ogeeyyiin xinsammuu garuu waan jedhan qabu.

Akka ogeeyyiin kun jedhanitti, namoonni waggoota baay'ee barnoota barachuun dabarsan turanii waan gaa'ela godhataniif fi dandeettii qunnamtii cimaa waan qabaniif carraan bultiin isaanii diigamu xiqqaadha.

Qabeenyis dhimma ijoo turmaata gaa'elaa murteessan keessaa tokko akka ta'e qorattoonni himu.

Haaluma kanaan jaalalleewwan diinagdee tasgabbaa'aa qaban carraa gargar bahu gadi aanaa ta'e qabu jedhu.

Haata'u malee, barnoonniifi diinagdeen carraa diigamuu gaa'ela tokkoo hanga tokko kan akeekan ta'anis wantoonni hariiroo guyyuu jaalaleewwanii keessatti uumamaniifi agarsiistuuwwan diigamaa jiraachuu gaa'elaa ta'an ni jiru.

1. Walcaalummaa aarsaa gaa'elaaf kaffalamu

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Akka saayinsiin jedhutti, gaa'eloota milkaa'oo baay'ee duuba amala tokkotu jira. Innis namoonni waljaalatan gaa'ela isaaniif jecha wantoota tokko tokko dhiisuu yookiin aarsaa kaffaluudha.

Qorannooleen akka jedhanitti, fedhiin jaalallee keessaniif jecha aarsaa kaffaluuf qabdan mallattoolee turtii gaa'ela keessanii akeekan keessaa isa tokkodha.

Aarsaawwan jaalalleewwan waliif kaffalan kun aarsaawwan gurguddaa ta'uu dhiisuu danda'u. Aarsaawwan xixxiqqoo kan akka jaalalleen kee manaa akka bahuuf yookiin baatuuf ati daa'imman waliin mana keessa turuufaa ta'uu danda'a.

Jaalalleef aarsaa kaffaluuf fedhii qabaachuun fayyummaa gaarii, sifaa'ina hariiroo jaalalaafi carraa diigamuu gaa'ellaa xiqqaan akka walqabatu qorannooleen adda addaa agarsiisaniiru.

Haata'u malee, aarsaa kaffaluun kun gaa'ela tursiisuu kan danda'u yoo jarri lachuu irratti hirmaatanidha.

Yeroo mara inni tokko aarsaa kaffalaa inni kaan garuu aarsaa kan hin kaffalle yoo ta'e muufiin akka uumamu taasisa.

Yunivarsiitii Saseeksitti gargaaraa piroofeesaraa xinsammuu kan ta'an Maarikoo Visermaan, "Hariiroo fayya-qabeessaaf itti quufinsi akkaan barbaachisaadha, wantoota itti quufinsa ittiin milkeessan keessaa tokkommoo aarsaa kaffaluudha" jedhu.

2. Waldarbaa miira ibsachuu

Gaa'ela balaaf kan saaxilu falmii yookiin wal-mormiin jiraachuu osoo hin taanee akkaataa yeroo dhibdeen uumamutti falmiin itti adeemsifamu akka ta'e qorattoonni himu.

Falmii gaa'ela gidduu jiru ilaalchisee qorannoon US keessatti adeemsifame gaa'elawwan 373 waggoota 16'f hordofeera.

Akka qorannoo kanaatti falmiiwwan namoota bulti ijaarratan gidduutti adeemsifaman iddoo sadiitti qoodamuu kan danda'anidha.

Inni jalqabaa falmii balleessaa fidu yemmuu ta'u, walitti iyyuu, wal arrabsuu, rakkoolee darban irra deebi'anii kaasuufi yeroo hunda falmiirratti jecha isa dhumaa dubbachuu barbaaduu ofkeessatti qabata.

Inni lammaffaan falmii gaa'ela ijaaru yemmuu ta'u, rakkoo uumame tasgabbaa'anii mari'achuu, waldhaggeeffachuufi miira jaalallee ofii hubachuuf yaaluu ofkeessatti qabata.

Gosti falmii inni sadaffaafi dhumaa itti dhiisuu yemmuu ta'u, haalli akka tasagabbaa'uuf yeroof falmicha dhiisuun deemuu yookiin falmicha adda kutanii callisuu ofkeessatti qabata.

Qorattoonni gosoota falmii sadeen xiinxalanis gosti falmii balleessaa fidu akkuma maqaasaa diigamuu gaa'elaatti kan nama oofu ta'uusaa mirkaneessaniiru.

Kana malees, namni tokko mariidhaan rakkinicha furuu osoo barbaaduu namni inni biraan immoo maricha adda kan kutu yoo ta'e yookiin fedhii mari'achuu kan hinqabne yoo ta'e gaa'elaaf rakkisaa ta'uu himaniiru.

Haata'u malee, jaalalleewwan falmii yookiin mormii gaa'ela ijaaru taasisan carraa gaa'ela isaanii tursiifachuu fooyyee ta'e akka qaban himameera.

3. Gatii cidhaa fi qubeelaa naqataa

Dubartii qubeelaa harka tokkoon qabatee ilaalaa jirtu.Harka kaan maddiirra keessetti

Qorannoon US keessatti adeemsifame gatii qubeelaa kaadhimummaafi turtii gaa'elaa gidduu hariiroon jiraachuusaa akeekera.

Qorannoon kun gaa'elawwan 3,000 akka samuudaatti fudhachuun adeemsifame.

Haaluma kanaan dhiiroliin doolaara 2,000 hanga 4,000 (birrii kuma 320 hanga kuma 640) baasuun qubeellaa kaadhimummaa bitan kunneen doolaara 500 hanga 2000 (birrii kuma 80 hanga kuma 320) baasan caalaa carraa gaa'ellisaanii diigamuu qabu.

Haaluma walfakkaatuun hanguma gatiin qubeellaa gaa'elaa dabalu carraan gaa'elichi diigamuuf qabu akka dabalus qorannoon kun hima.

Kana jechuun garuu gatiin qubeellaa bubbuluu yookiin diigamuu gaa'ela tokkoo murteessa jechuu miti.

Dhimma kanarratti kan dubbatan Visermaan, "Rakkinicha kan fidu hamma maallaqaa namoonni qubeellaaf baasan natti hinfakkaatu. Wantoonni isaan walqabatanii jiran kunneen biroon ilaalamuu qabu" jedhu.

"Yeroo baay'ee jaalalleewwan wal kaadhimmachuu isaaniin dura waa'ee wal kaadhimmachuu mari'atu. Haa ta'u malee yeroo tokko tokko qubeellaa kaadhimummaa qaalii ta'etti fayyadamuun jaalalleen gaafii gaa'elaaf 'tole' akka jettu dhiibbaa gochuun ni jira. Kanaaf qubeellaa kaadhimummaaf maallaqa guddaa baasuun ofitti amanamummaa dhabuu nama kaadhimmatu keessa jiru agarsiisuu danda'a" jedhu.

4. Miira tasgabbii dhabuu olaanaa ta'e

Dubartii abbaa warraa ishee waliin wal falmaa jirtu. Inni mataa qabatee nyaara guura

Hawaasa keessa dubbii 'wantoonni faallaan lama wal harkisu' jedhutu jira. Ogeeyyiin xinsammuu hariiroowwan jaalalaa yeroo dheeraa qoratanis dhiibbaan garaagarummaan amalaa turtii gaa'elaarratti qabu xiqqaa ta'uu himu.

Haaluma kanaan jaalalleewwan bulti ijaarratan keessaa tokko kan baay'ee haasa'u ta'ee inni kaan callisaa ta'us, tokko ala kan jaalatufi inni kaan mana keessa turuu kan barbaadu ta'uus akkasumas garaagarummaa ilaalcha siyaasaa bal'aa qabaataniiyyuu gaa'ellisaanii fulla'uu danda'a.

"Garaagarteewwan akkanaa dhimmoota diigamuu gaa'elaaf sababoota gurguddaa ta'anii mul'atan miti" jedhu Visermaan.

Haa ta'u malee amalli diigamuu gaa'elaa gama geesisuutiin irra deddeebiin mul'atu tokko ni jira. Innis miira tasgabbii dhabuu olaanaa ta'edha.

Ogeeyyiin xinsammuu akka jedhanitti, miirri tasgabbii dhabuu olaanaa ta'e amaloota akka yaaddoo, aarii, gadda yookiin miira tasgabbaa'aa qabaachuu dhabuufaa ofkeessatti qabata.

Miirri tasgabbii dhabuu olaanaa ta'e kunis carraa diigamuu gaa'elaa olaanaa ta'e walin hariiroo kallattii akka qabu qorannooleen agarsiisu.

Namoonni miira tasgabbii dhabuu olaanaa qaban qeeqa irratti ka'uuf deebii cimaa kan laatan ta'uusaan cinatti yeroo waldhabdeen uumamutti dhiphina miiraa keessa seenu.

Bu'aa bahiin miiraa irra deddeebiin mudatu kunimmoo adeemsa keessa hariiroo jaalalaa cimdiiwwan gidduu jiru laaffisaa deema.

5. Qoodinsa hojii madaalawaa hintaane

Dubartiin tokko mana keessatti lafa qulqulleessaa jirti; abbaan warraa ishee ammoo soofaa irra taa’ee laaptooppii fayyadamaa jira.

Namoota tokko tokkoof hojiin mana keessaa waan xiqqaa fakkaachuu danda'a. Haa ta'u malee yeroo ammaatti dhimmoota hariiroo jaalalaafi gaa'elaa keessatti walitti bu'iinsa uuman keessaa inni tokko hojii mana keessaati.

Yunivarsiitii Deenvaritti piroofeesara qorannoo kan ta'an Dr. Gaalinaa Roodiz, "Gumaachi manaaf taasifamu sababa ka'umsa waldhabdee baramaa ta'edha, waldhabdee cimaas fiduu danda'a" jedhu.

Qorannoon bu'aawwan qorannoolee garagaraa walitti fiduun xiinxaluun adeemsifame, mana keessatti qoodinsi hojii madaalawaa ta'e hinjiru taanaan muufiin kuufamaa deema jedha.

Muufiin kuufamaa deemu immoo jaalalleewwan gaa'ela keessa jiran keessaa inni tokko hariiroo jaalalaa sanarraa of fageessaa akka adeemu taasisa.

Yoo namni tokko hariiroo jaalalaa keessaa of fageessaa deeme immoo carraan gaa'elichi waggoota lama keessatti diigamuuf qabu dhibbeentaa 42'n dabala.

Haa ta'u malee bifa nama gaddisiisuun gaa'elawwan saala faallaa keessatti hojiin mana keessaa harka caalmaan dubartootaan hojjetama.

Ragaan Qorannoo Itti Fayyadama Yeroo Ameerikaa (American Time Use Survey) akka agarsiisutti, dubartoonni torbee tokko keessatti sa'aatiiwwan 17.7 hojii mana keessaa hojjechuun yemmuu dabarsan dhiiroliin immoo sa'aa 11.2 qofa hojjetu.

Hojiin humnaa qixa qoodamullee dubartoonni hojiilee sammuu akka karoorsuu, qindeessuufi yaadachuu hojjechuun 'ba'aa sammuu' guddaa baatu.

Gama biraatiin hojii mana keessaa bifa madaalawaa ta'een qooddachuun hojjechuun fayyummaa sammuun cinatti gaa'ela gammachuun guutame ijaaruu keessatti gumaacha guddaa akka qabu qorannooleen agarsiisu.