Saakaan waan Arteettaan 'irraa eegu' raawachuun 'jijjiirama guddaa' fide

Madda suuraa, Getty Images
Bukaayoo Saakaa waan manaajeriin Arsenaal, Mikeel Arteettaan, 'sirraan eega' jedhe tapha Shaampiyoons Liigii kilabichi Liiliin 3-0n mo'aterratti akkuma seeneen taphicha jijjiiree agarsiise.
Taphataan sarara duraa Ingilaand tapha tokkorratti "goolii lama ykn sadii" lakkoofsisuu akka qabu leenjisaan isaa itti himeera.
Saakaan gahumsa kana gochuus waan qabuufidha Arteettaan kana akka irraa eegu kan itti himes.
Saakaan lakkoofsa goolii irraa eegame kana kilaba Faransaay kanarratti lakkoofsisuu baatus miidha irra jiru waliin boqonnaa booda jijjiiramee seenuun gahumsa ajaa'ibaa agarsiiseera.
Goolii sadaffaa ofiin garee isaaf lakkoofsisuun dura akkuma jijjiiramee seeneen kubbaa Ebereechee Eezee lakkoofsise mijeessee kenneera.
Taphataan umuriin isaa waggaa 25 irra jiru Saakaan bara kana taphoota sagal irratti goolii afur lakkoofsisuun yeroo itti aanutti Arsenaaliif murteessaa ta'uuf deema.
Kubbaa fuulduratti dhiibuun ykn jifachuun Arsenaal taphatu harka caalu keessaa Saakaan yeroo hedduu taphataa dhiibbaa guddaa qabudha.
Haata'u malee, dhiibbaa inni qabu arguun taphattoonni sarara ittisaa garee morkattootaa humna dachaan isatti bobba'uufi miidhaan baroota darban lamaan isa mudate Saakaan hanga irraa eegamu agarsiisuurratti shakkii irratti kaasuun isaa hin oolle.
Arteettaan taphataan kun akka sarara kanarratti bara kana bahee mul'atu waan fedhuuf tapha Liil waliin taasisan kana dursee akka goolii lakkoofsisuu qabu miira morkii keessatti uumeera.
'Gahumsa gaariin waan irraa eegamu raawwateera'
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Kun waan nuti isarraa argachuu barbaadnudha," jedhe leenjisaan Ze Gaanars tapha Liil waliin taasisan dura.
"Goolii hanga irraa eegame guutuu baatus omaa miti. Dhuma irratti goolii garichi lakkoofsisu dabalaa deemnaan carraa innis goolii lakkoofsisuu qabu ni dabala."
Saakaan akkuma jijjiiramee seeneen kubbaa kubbaa Eezeen gooliitti jijjiire kenne. Itti aansee osoo hin turiin goolii inni galches ofitti amanamummaa guutuun ture.
Tapha Piriimer Liigii Sambata darbe Leeds waliin ture irratti Saakaan kubbaa bareedduu argate goolii gochuu hanqatee ture.
Tapha Shaampiyoons Liigii kanaan amma ofitti amanamummaa isaa deebifataa jira.
"Gahumsa isaa gaarii ta'etti deebiyaa jira, kubbaa gara gooliitti yaalaa jira, kubbaa takkaan tuquun lakkoofsisuutti deebiyeera," jedhe Arteettaan.
"Taphataa tilmaamamuu hin dandeenye akka kanaa qabna, akkas ta'uu baannaan morkattoonni itti qophaa'anii isa ittisu. Haala gaariin deemaa jira. Akka kanatti itti fufnaan, guddaa gumaachuu akka danda'u ni beekna."
Saakaan bara dorgommii 2023-24 goolii 20 lakkoofsisuun Arsenaaliif bara tokkotti isa ol aanaa ta'e gumaacheera.
Taphataa sarara cinaa kun Ingilaandiif ammoo tapha afur darban irratti goolii shan lakkoofsiseera.
Saakaan taphoota Awurooppaa gurguddoo irratti Arsenaaliif goolii 19 lakkoofsiseera. Kun ammoo Tiyeerii Henerii kan goolii 42 lakkoofsisetti aanee taphataa Arsenaaliif goolii gumaache isa taasisa.
Akkuma kana, Shaampiyoons Liigii irratti kubbaa goolii ta'u sagal mijeessee kennuun Tiyeerii Henerii kan 16 mijeessee fi Seesk Faabirigaas kan kubbaa 14 mijeessetti aanee sadarkaa qabateera.
Saakaan goolii hangam akka lakkoofsisuuf karoorfate ibsuu hin barbaadne, garuu waan isarraa eegamu deebisuu isaatiif Arteettaan jaallateera.
Giyookeresh akkamitti ilaalamaa jira?
Arteettaan tapha Shaampiyoons Liigii Liil waliin taaise kanarratti taphattoota kanaan dura jalqabarraa hiriiran jijjiireera. Kan Liids waliin Sambata darbe ture dabalatee taphoota Piriimer Liigii darban ja'an keessatti taphattoonni jalqabarra hin hiriirre akka Noonii Maduwwekee, Mikeel Meriinoo, Eberechee Eezee fi Viktor Giyookeresh jalqaba seenan.
Eezeen tapha lama qofaarratti kan jalqaba hiriiree taphate. Sa'aatii tapharra jirutti hanga barbaadamu agarsiisuu baatus amalli isaa "ajaa'iba" jedhe Arteettaan waa'ee Eezee yeroo dubbatu.
Tapha Shaampiyoons Liigii Liil waliin turerratti Eezeen wayita goolii lamaffaa galchetti kubbaa bareechuu ittiin beekamu agarsiiseera. Gooliin bara kana isaaf kan jalqabaa taate kun gara fuula duraatti hamileen isaa fi ofitti amanamummaan isaa akka dabalu isa taasifti.
Maduweekeen ammoo taphattoora sarara ittisaa mo'achuurratti dandeettii wal makaa ta'e agarsiiseera. Goolii jalqabaa Timber lakkoofsise mijeessee kennullee, gubbaa dhumni isaa bareedu agarsiisuurratti ammallee gaaffiin irratti ka'aa jira.
Haata'u malee, Giyookereshiif halkan gaarii hin turre.
Taphataan sarara fuula duraa lammii Siwiidin kun bara darbe walumaa galatti Arsenaaliif goolii 21 lakkoofsiseera. Kun ammoo Arsenaal turtii waggaa 22 booda akka shaampiyoonaa Piriimer Liigii akka ta'u isa gargaareera.
Giyookeres tapha Liil waliin ture irratti hanga Kaay Haveertiziin jijjiiramee bahutti kubbaa si'a 12 qofa tuqe.
Ammuma kubbaa tuqeyyu dhiibbaa garee morkattootaarraan kan geessisu hin turre.
Kaay Haveertiz yeroo ilaalan sarara fuula duraa Arsenaaliif caalaa kan mijatu fakkaateera.
Yeroon itti aanu Giyookeshiif maal ta'uuf deema? Turree ilaalla.

























