Tiraamp viidiyoo dargaggoo qeerransaan ajjeefamee qoosuun maatii mufachiise

Madda suuraa, Truth Social
Maatiin dargaggeessaa tibbana qeerransaan ajjeefamee, viidiyoo fi suuraa wayita qeerransi nyaatu mul'isu miidiyaa hawaasaa irraa facaasuun akka dhaabbatu gaafatan.
Viidiyoon haleellaa sana mul'isu, yeroo gadda guddaa keessa jiranitti dhiphina sammuu cimaa isaan irratti geessisaa jiraachuu ibsan maatiin.
Waamichi maatii kun kan dhufe, Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp viidiyoo haleellaa sanaa miidiyaa hawaasaa irratti erga qoodanii booda.
Namni Williyaam Chapman jedhamuu fi umurii 23, Onkoloolessa 10, 2026 paarkii bineensota bosonaa 'Yorkshire' kaaba Ingilizii keessatti argamu keessa erga seenee booda qeerransi miidhaa irraan gahuun du'e.
Akka gabaasaleen jedhanitti, Chapman bakka miidhaan sun irratti raawwatame sanaatti du'uun isaa mirkanaa'e.
Tiraamp viidiyoo du'a Chapman agarsiisu Onkoloolessa 13 fuula miidiyaa hawaasa 'Truth Social' irratti qooduudhaan, "uumama waliin tasuma hin qoosinaa!" jechuun barreesse.
Boodarra immoo viidiyoo AI'n hojjatame kan Tiraamp qeerransa hari'uu fi waliin taphatu agarsiisu qoode.
Maatiin dargaggoo ajjeefame kanaa ibsa Onkoloolessa 13 baasaniin, viidiyoo fi qabiyyeen miidhaa guddaa geessisan tamsaafamuun yeroo isaan gadda cimaa keessa jiranitti miidhaa sammuu dabalataaf isaan saaxiluu himu.
Hanguma viidiyoon sun qoodamu dhiphinni cimaa isaan irraan ga'aa jiraachuu ibsuun, namoonni viidioo qabiyyee sana qooduu akka dhaabanis gaafate.
Maatiin isaa Chapman "dargaggeessa gara-laafessa fi namoota waliin haasa'uu jaallatu" ture jechuun ibse.
Akkasumas, waggoota hedduuf rakkoo fayyaa sammuu cimaa wajjin jiraachaa akka ture himan.
Haata'u malee, rakkoon fayyaa sammuu isaa du'a isaa keessatti gahee qabaachuu fi dhiisuu isaa murteessuun hojii qorannoo abbaa alangaa dhimma du'asaa qoratu ta'uu ibsan.

Madda suuraa, Truth Social
Paarkiin bineensotaa biyya UK 'Yorkshire' qeerransi haleellaa kana raawwate Altaayii jedhamu, gosa Qeerransaa balaa baduu jalaa jiru keessaa tokko ta'uu ibse.
Bulchiinsi Paarkichaa Qeerransa dargaggeessa sana miidhe sana ajjeesuun akka hin karoorfanne beeksiseera.
Taatee kana booda, qaamoleen naannoo nageenya fi dhimma eegumsa ilaalchisee qorannoo jalqabaniiru. Paarkiin bineensotaa sunis yeroo ammaa cufamee jira.
Gosti Qeerransaa kun bineensota bosonaa gosti isaanii hir'achaa jiru keessaa tokko dha.
Bineensonni akkasii bakka eegumsa bineensotaa keessatti dallaa nageenyaa qabu keessatti eegamu fi namootni gara dallaa eegumsa isaanii keessa hin seenne akeekkachiifni cimaan jiraachuu akka qabu namootni yaada isaanii kennaa kan jiran.



























