Sa'uudiin adabbii du'aa nama Nabiyyuu Mohammad arrabserratti dabarsite kaaste- Siri Laankaa

Madda suuraa, Human Rights Watch
Manni murtii waliigalaa Sa'uudii Arabiyaa murtii du'aa baqataa Sirii Laankaa irratti dabarsee turu dhiisuu Sirii Laankaan ibsite.
Baqataan Sirii Laankaa biyya Baha Giddugaleessaa- Sa'uudii keessatti hojjetatee jiraataa ture kun yaada Facebook irratti kenneen adabbiin du'aa irratti darbee ture.
Ministira dhimma alaa Itti Aanaa Sirii Laankaa kan ta'e Arun Hermachandra amma adabbiin du'aa dargaggeessa kanaa hafuu ibse.
Manni murtii ijibbaataa Sa'uudii Arabiyaa dargaggeessa umrii waggaa 27 Anojaan Sivarasaa amantaa Islaamaa fi Nabiyyuu Mohaammad (SAW) arrabsuu isaatiin himatee du'a kan itti murteesse Fulbaana keessa ture.
Dhimmi gurbaa kanaa Siri Laankaa keessatti rifaatuu guddaa uumuun akka biyyattiin dippiloomaasiin gidduu seentee dhiifamni akka godhamuuf gaafattu taasise.
Hawaasni sivilii iyyata galchuuf sagalee walitti qabaa turan. Paartileen siyaasaa fi qaamoleen mootummaa hedduunis nama kanaaf dhiifamni akka ta'uuf gama dippilomaasiitiin carraaqaa turaniiru.
Hemachandra Facebook isaarratti akka barreessetti Sa'uudiin adabbii dargaggeessa kanaa kan dhiiste Roobii har'aa Onkoloolessa 14, 2026.
Kanaafis tattaaffii aanga'ootaa fi garee ogeeyyii seeraa biyyoota lameenii galateeffateera qondaalli Sirii Laankaa kun.
Ji'a Waxabajjii keessas suurri dargaggeessi Muslima ta'e tokko imala amantaa Hinduu hordofee yeroo saree tokko dhiitu agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodamuun toora interneetiirratti falmii amantaa kaasee ture.
Walitti deddeebisuu keessa, namni miidiyaa hawaasaa fayyadamu tokko safuu Hinduu ilaalchisee ergaa arrabsoo qabu tokko maxxanse.
Kun ammoo Anojaan afaan Taamiliitiin Nabiyyuu Mohaammd (SAW) arrabsuun akka deebii kennu isa godheera.
Anojaan yaada maxxanse sana battalumatti deebisee haquun viidiyoo dhiifamaa baasullee, dursee barreeffami isaa suuraa kaafame ykn iskiriinshootiin fudhatamee hojjechiisaa isaafi aanga'oota Sa'uudii bira waan gaheef ji'a Adoolessaa keessa akka to'atamu ta'eera.
Amma adeemsi seeraa dhimma gurbaa kanaa itti fufuu ykn mana hidhaa turuu isaa ilaalchisee wanti ifa ta'e hin jiru.
Yoo hidhaa tures hagam akka turu hin ibsamne.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Manni murtii yakkaa Al-Ahsaa jalqaba hidhaa waggaa shanii fi adabbiin maallaqaa riyaala Sa'uudii miiliyoona saditu itti muree ture.
Dhimma dargaggeessa kanaa irratti Sa'uudii Arabiyaa waliin marii taasisaa kan ture ogeessi seeraa Sirii Laankaa Faayizar Musxafaa Sa'uudiin adabbii du'aa dhiisuu BBC'f mirkaneesseera.
Akkasumas waan manni murtii ijibbaataa Sa'uudii dabarsu eegaa jiraachuu BBC Sinhaalaatti hime.
Maatiin Sivaraasaa erga Fulbaana 28 as ilmasaa kana quunnamanii akka hin beekne duratti himanii turan.
Gareen dhimma mirgoota namoomaaf falmanis Sa'uudiin dargaggeessa kanaaf araarama akka qabaattu gaafataa turaniiru.
Jaarmiyaa mirga namoomaa Human Rights Watch jedhamutti qorataa dhimma Sa'uudii Arabiyaa kan ta'e Joey Shea mootummaan Sa'uudii aangoo qabu garmalee fayyadamuun namoota yaadasaanii kennan irratti adabbii ulfaataa dabarsuu hin qabu jedhe.
Keessattuu godaantota biyyattiitti baqatanirratti murtee akkanaa dabarsuun miidhaa isaan keessa darbanirratti miidhaa biraa dabaluurraa of qusachuu qaba jedhe.

























