''Obboloota kiyya laman dhabe" - lammiilee Itoophiyaa balaa bidiruu Jibuutiitti namoota 139 galaafaterraa hafan

Namoota taa'anii bishaan dhugan, kaan ammoo huccuu duubaan barreeffama IOM ofirraa qabu kan uffatan tajaajila kennuuf
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa 80 caalan balaa kanarraa baraaramaniiru
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Balaa bidiruu Jibuutii irraa gara Yaman imalaa turte mudaterraa lammiileen Itoophiyaa 82 baraaramuu dhaabbati dhimma godaantotaa idiladdunyaa- IOM ibseera.

Bidiruun namoota 305 feetee Kamisa galgala Jibuutii irraa kaate kun magaalaa handaara galaanaa taate Obok irraa osoo hin fagaatin galaanatti dhidhimuun namoonni 139 dhuman.

Kanneen dhuman keessaa 15 daa'immani.

Harargee Lixaa, Galamsoo irraa kan imale Abdallaa Huseen namoota lubbuun baraaraman keessaa tokko.

Karaa Jibuutii gara Yaman ce'uun achirraan gara Sa'uudii Arabiyaatti darbuuf imala eegale.

Kanaan dura ALI bara 2014 gara Sa'uudii imalee ture. Bara 2018 ji'a Ramadaanaa keessaa ammoo qabamee gara byyaatti deebifame.

Abdallaan yeroo lammaffaaf gara Sa'uudii imalaa ture wayita balaan kun isa mudatu.

Imala isa kanarratti garuu kophaa isaa hin turre, obboleettiin isaas waliin turte.

Wayita bidiruun kun dhidhimtu kanneen dhuman keessaa tokko obboleettii isaati.

''Kanaan booda gara Sa'uudiitti hin imalu,'' kan jedhu baqataan kun, balaa kanaan hiriyoonnisaa hedduun dhumuu hime.

Daa'ima isaa umriin waggaa 13 dabalatee kanneen balaa kanarraa baraaraman ''balaa kanaan maatii malee hafuu,'' dubbata.

Abdallaa dabalatee lammiileen Itoophiyaa balaa kanarraa hafan dawoo yeroo IOM keessa jiru.

IOM damee Jibuutii jiru kan hoogganu Aleksaandar Kooyisaak taateen kun fakkeenya ''hammeenya imala balaafamaa namoonni bakka biraatti jireenya fooyyeffachuu taasisaniiti,'' jechuun ibse.

Waggaa waggaan godaantonni kuma kurnaan lakkaa'aman Gaanfa Afrikaa irraa gara biyyoota Galoo Galaanaatti darbuuf ulaa balaafamaa kana fayyadamu jedhe IOM.

Aangawoonni Jibuutii godaantota achi buuteen isaanii dhabame barbaaduu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu jaarmiyaan kun ibseera.

Kallattii gondaatonni gara Yaman ittiin imalan
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Abdallaa Huseen Jibuutii ji'oota torbaaf wayita ture rakkoo Yaman keessatti mudataa jiru quba qaba.

Sababa waraana Yaman akka haaraatti deebi'ee ka'een namoonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Hedduunsaanii garuma, biyya inni keessa jiru, Jibuutii baqataniiru.

Baqattoonni Itoophiyaa Yaman jiran hedduunis waraana Huutii fi mootummaa Yaman gidduutti danqamuun birmannaa gaafataa jiru.

Kana osoo beekuu dallaallaan gowwoomfamee maallaqa Jibuutii hanga kuma 30 baasee gara Yamanitti imala eegale.

''Yaman booda gara biraa deemuuf maallaqa hin qabnu. Achitti dalagannee yaana jenneeti.''

Waliigalatti imala Sa'uudii fi Yaman gidduutti waggaa afur dabarsuun bara 2018 qabamee xiyyaaraan gara Itoophiyaatti deebifamuu kan hime Abdallaan, ''karaan akkuma durii bareedaadha se'een imala eegale,'' jedhe.

''Dallaalli karaan bareedaadha nuun jedhee bidiruu nu seensise. Nutis ni amanne.''

Kanaan booda garuu gonkumaa gara Yaman imaluu akka hin barbaanne fi biyyatti deebi'ee waan argate hojjetee jiraachuu akka fedhe hime.

Godaantota Itoophiyaa lubbuun baraaraman keessaa namni biraan BBCn dubbise Darribee jedhama.

Darribeen Raayyaa Qobboo irraa ka'ee gara Sa'uudii imaluu ture guyyoota shan dura Jibuutii kan seene.

''Dallaalaatu nuuf bilbilaa nu fide. Ijoollee shamarranii eessuma kiyyaa lama waliinan ture,'' jedha.

Erga Jibuutii ga'anii booda lammiilee Yaman gara biyyattiitti isaan geessan waliin walargan.

''Erga Jibuutii geenyee booda bidiruun warra Yaman nu feete. Daqiiqaa 20 hanga 30 erga imallee booda achumatti nu fudhattee dhidhimte,'' jechuun battala balaan kun mudate yaadata.

Bidiruun kun erga galaana keessatti dhidhimtee booda garagaluu hime Darribeen.

''Namoota 305 taanee bidiruu kanarra turre. Bidiruttiin nu fudhattee galaana jala dhidhimte. Sababni baayyina namaati,'' jedhe.

Ijoollee eessuma isaa waliin imalaa ture balaa kanaan dhabeera.

''Obboloota kiyya lama dhabeera. Baayyinaan kan du'an dubartoota. Dukkana waan ta'eef wal gargaaruunis rakkisaa ture,'' jedhe.

Bidiruun kun kan imalaa turte halkan keessaa sa'atii sadii booda.

Wayita bidiruun kun dhidhimuun godaantonni galaanatti darbaman haadaan gara daangaatti wal baasuuf tumsi taasifamus garuu lubbuu oolchuun salphaa hin turre.

''Haadaan galaana keessaa ol baasna. Deebi'anii ammas galaanatti gadi deebi'u. Obboleettiin kiyyas akkasiin na miliqxe.''

Erga bidiruun kun dhidhimtee booda harmeen isaa gubbaadhaan ta'anii lubbuun ooluu hime.

''Nuti kan oolle bidiruu gubbaa waan turreef. Haada waan arganneef sanaan baane,'' jedhe Darribeen.

Godaantonni kan argaman balaan kun mudatee borumtaa isaatti.

Halkan guutuu galaanarra akka turanii fi gidiraa sababa kanaan argan ni yaadata.

Wayita kana hunda namoota bidiruu irraa kufan kaasuuf wal'aansoo qabaa turan.

Dirribeen akka jedhutti gara Itoophiyaa akka deebi'an itti himamus itti aanee maaltu akka mudatu hin mirkaneeffanne.

''Ni deebitu nuun jedhu, garuu akkamiin? Ani hin beeku,'' jedhe.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota Gaanfa Afrikaa irraa godaantonni hedduun guyyuu gara biyya ofiifuu waraana waggoota kurnaa oliin raafamaa jirtu, Yamanitti ce'u.

Waraanni Yamanii fi rakkoon nageenyaa hamaan naannawa kana keessatti mudatee wayita jirutti godaantonni sababa hiyyummaa, rakkoo nageenyaa fi miidhaa jijjiirama qilleensaa hammaateen karaa Ulaa Baab el-Mandab qaxxaamuruun Yamanitti ce'u.

Yamanitti rakkoon argan akkaan hammaataadha. Achiis gara Sa'uudii Arabiyaatti darbuuf dararaa hamaa argu. Hedduun imala kanarratti lubbuu dhabu.

IOM ragaa dhaabbati godaansa fi buqqaatii hordofu-Displacement Tracking Matrix jedhamu qindeesse irratti hundaa'uun akka ibsetti Fulbaana 10 irraa eegalee namoonni kuma 20 caalan Itoophiyaa irraa gara Jibuutii imalaniiru.

Bidiruun kun namoota 305 feetee kan turte yoo ta'u, namoonni kaan ammallee eessa buuteen isaanii hin baramne
Ibsa waa'ee suuraa, Bidiruun kun namoota 305 feetee kan turte yoo ta'u, namoonni kaan ammallee eessa buuteen isaanii hin baramne

Ragaan IOM akka mul'isutti bara 2025 keessaa godaantonni Jibuutii irraa gara Yaman imalan 900 caalan du'aniiru.

Baruma sana keessa namoonni daandii balaafamaa kana fayyadamuun gara Yaman ce'uuf yaalan lakkoofsi isaanii dhibbeentaa 18n dabaleera.

Bitootessaa darbes taateema wal fakkaatuun godaantonni 9 du'uun 45 achi buuteen dhabameera.

Waraana Yamanitti akkaa haaraatti ka'een namoonni kuma 130 caalan qe'eerraa kan buqqa'an yoo ta'u kumaatamaan kan lakkaa'aman gara Jibuutiitti baqataniiru jedhe IOM.