Bidiruun Jibuutii irraa gara Yaman imalaa turte dhidhimuun namoonni 139 dhuman - UN

Madda suuraa, International Organization for Migration
Jaarmiyaan dhimma godaantotaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii- IOM akka ibsetti, bidiruu osoo gara Yaman imalaa jirtuu handaara galaanaa Jibuutiitti dhidhimteen namoota imalaa turan keessaa 139 yoo du'an, kanneen keessaa 15 daa'immani.
Bidiruun namoota 305 feetee Kamisa galgala Jibuutii irraa kaate kun magaalaa handaara galaanaa taate Obok irraa osoo hin fagaatin galaanatti dhidhimte.
Hanga ammaatti namoonni baraaraman 82 ta'uu fi kaan ammallee achi buuteen dhabamuu ibse IOM.
IOM damee Jibuutii jiru kan hoogganu Aleksaandar Kooyisaak taateen kun fakkeenya hammeenya imala balaafamaa namoonni bakka biraatti jireenya fooyyeffachuu taasisaniiti jechuun ibse.
Waggaa waggaan godaantonni kuma kurnaan lakkaa'aman Gaanfa Afrikaa irraa gara biyyoota Galoo Galaanaatti darbuuf ulaa balaafamaa kana fayyadamu jedhe IOM.
IOM jalqaba namoonni 109 du'uu ibsee kan ture yoo ta'u, boodarra reenfi namoota 39 argamuu ibse.
''Kun balaa haala suukanneessaa ta'een lubbuu namaa galaafatedha,'' jedhe Kooyisaak.
Aanga'oonni naannoos akkaataa itti namoonni du'an awwaalamuu danda'anirratti haala mijeessaa jiru.
Kanneen lubbuun baraaraman hunduu lammiilee Itoophiya yoo ta'an, deeggarsa wal'aansa fayyaa argachaa jiru jedhe IOM.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota Gaanfa Afrikaa irraa godaantonni hedduun guyyuu gara biyya ofiifuu waraana waggoota kurnaa oliin raafamaa jirtu, Yamanitti ce'u.
Waraanni Yamanii fi rakkoon nageenyaa hamaan naannawa kana keessatti mudatee wayita jirutti godaantonni sababa hiyyummaa, rakkoo nageenyaa fi miidhaa jijjiirama qilleensaa hammaateen karaa Ulaa Baab el-Mandab qaxxaamuruun Yamanitti ce'u.
Yamanitti rakkoon argan akkaan hammaataadha. Achiis gara Sa'uudii Arabiyaatti darbuuf dararaa hamaa argu. Hedduun imala kanarratti lubbuu dhabu.
IOM ragaa dhaabbati godaansa fi buqqaatii hordofu-Displacement Tracking Matrix jedhamu qindeesse irratti hundaa'uun akka ibsetti Fulbaana 10 irraa eegalee namoonni kuma 20 caalan Itoophiyaa irraa gara Jibuutii imalaniiru.

IOM buufata isaa Obok jirutti kanneen lubbuun hafan 64 ta'aniif tajaajila wal'aansa fayyaa kennuu hime.
Maatii isaanii wal quunnamsiisuuf hojjechaa akka jirus ibseera.
Jaarmiyaan UN kun aanga'oota naannoo waliin ta'uun ''lubbuun godaantotaa galaana irrattis lafarrattis akka hin darbine,'' hojjechaa jiraachuu ibse.
Ragaan IOM akka mul'isutti bara 2025 keessaa godaantonni Jibuutii irraa gara Yaman imalan 900 caalan du'aniiru.
Baruma sana keessa namoonni daandii balaafamaa kana fayyadamuun gara Yaman ce'uuf yaalan lakkoofsi isaanii dhibbeentaa 18n dabaleera.
Bitootessaa darbes taateema wal fakkaatuun godaantonni 9 du'uun 45 achi buuteen dhabameera.
Waraana Yamanitti akkaa haaraatti ka'een namoonni kuma 130 caalan qe'eerraa kan buqqa'an yoo ta'u kumaatamaan kan lakkaa'aman gara Jibuutiitti baqataniiru jedhe IOM.



























