Waraana gammoojjii Yaman keessatti gaggeeffamaa jiru addunyaaf yaaddoo ta'e

Madda suuraa, BBC/Lee Durant
Baha Giddu-galeessaa kofa lixa kibbaarratti kan argamtu Yaman keessatti waraanni gaggeeffamaa jiru qalbii addunyaa hawwataa jira.
Wal waraansi yeroo dheeraatiif gaggeeffamaa ture amma dhimma bira darbamuu hin dandeenyerra ga'uutu himamaa jira.
Walitti bu'iinsi kun qaama waraana Teehraan irraa hanga Riyaaditti babal'atee yoo ta'u, Sambataa fi Dilbata darbe misaa'eloonni Huutii buufatawwan xiyyaara aidil-addunyaa Sa'ud Arabiyaa rukkutuun du'aatii namootaa fi mancaatii qabeenyaa qaqqabsiiseera.
Haleellaan Huutii waggoota kudhanii as dachee Sa'udiirratti haleellaawwan raawwate keessaa du'aatii guddaa kan qaqqabsiise yoo ta'u, qaxanaa kana keessati rifaatuu guddaa uumeera; haala nageenya Sa'ud Arabiyaas gaaffii keessa galcheera.
Sarara imala dooniiwwan idil-addunyaaf yaaddoo ta'anii kan turan hidhattoonni Huutii, addatti Sa'ud Arabiyaaf ammoo yaaddoo cimee ta'eera.
Gama kaaniin, qaxanaa kana keessatti masaanuu Sa'ud Arabiyaa kan taate Iraan dhiibbaan gama siyaasaa fi waraanaan akka cimu akka meeshaatti ishee gargaaraa jiru.
Humnoota mootummaa Yaman keessaa ajajaa tokkoo kan ta'e Toofiq Al-Habuun naannoo to'annoo isaanii jala jiru gabaastuu BBC Orlaa Geeriin daawwachiiseera.
Wayita daawwannaa kanaatti caccabaa sibiilaa miilla isaanii jala jiru agarsiisaniiru. Qaama diroonii rukkutamee kufee yoo ta'u, dirooniin kun fanjii (dhootuu) C4 jedhamu baadhatee akka ture isheetti himaniiru.
Al Habuun miseensa humnoota kibbaati. Humnoonni kunneen mootummaa Yaman kan deeggarsa idil-addunyaa qabuu fi Sa'ud Arabiyaan deeggaramu waliin ta'uun warra lolan ta'anii, qaama tumsa gareewwan hariiroo laafaa qabaniiti.
Haleellaa humna qilleensaa Sa'udiin taasiftu gargaaramanii lolli gaggeessan garuu Huutii dhaabsisuu hin dandeenye.
Huutiin mootummaa Yaman ari'anii magaalaa guddoo biyyattii Sanaa bara 2014 erga to'atanii waggoota 12 lakkoofsisaniiru.
Sanaa erga to'atanii waggaa tokkoon booda gamtaan biyyoota Arabaa Sa'ud Arabiyaatiin durfamu haleellaa qilleensaa waggootaaf irratti gaggeessullee bu'aa argamsiisuu hin dandeenye.

Madda suuraa, BBC/Lee Durant
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Ajajaan humnoota kibbaa Al Habuun akka jedhutti, loltoonni Huutii 500 ta'an bakka ol ka'aa ta'erra taa'anii toora galaanaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Adeen wal qunnamsiisuun tarsiimawaa taate Baab Eel Mandab hordofaa jiru.
Keessumaa karaa bishaanii dhiphoo boba'aa Sa'ud Arabiyaa irraa gara biyyoota alaatti erguudhaaf murteessaa ta'e kana warri Huutii Fulbaanarraa kaasee saffisaan lafa bal'aa qabachuu itti fufaniin to'atanii ture.
Ajajaan kun gaazexeessituu BBCtti akka dubbatetti, humnoonni deeggartoota mootummaa ta'an naannoo Baab el Mandab dhibbentaa 85 ta'u deebisanii to'ataniiru.
Bakka qabatanii turan bakkeewwan gara garaatti kan argamu gadhiisaniiru jedhamuu kan waakkate Huutiin, Baab Eel Maandab ilalachisee hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.
Kanas ta'e sana, mootummaan biyyattii guutummaatti hanga hin to'anneetti, dhiibbaan dhiyeessii fi gabaa boba'aa idi-addunyaarra jiru itti fufa.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ejensiin dhimma godaansaa (IOM) akka jedhutti, erga ji'a Fulbaanaatii as walitti bu'iinsi Yaman kun hammaatee as namoonni 200,000 ta'an mana isaanii dhiisanii buqqa'aniiru.
Kun kan ta'aa jiru ammoo biyyoota addunyaa Arabaa keessaa jiran keessaa dinagdeen dadhabduu kan taate Yaman keessatti ta'uun isaa rakkoo kana daran wal xaxaa taasisa.
Hospitaalonni gaazexeessituun BBC daawwatte bahaa humna baachuu danda'aniin ol baadhataniiru; hakiimonni loltoota deeggartoota mootummaa madaa'an adda waraanaa iraa dhufan wallaanuudhaaf halkan fi guyyaa osoo addaan hin kutiin hojjechaa jiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu bara 2022 irra gahame waggoota muraasaaf hanga tokko tasgabbiin akka jiraatu godhee ture.
Haata'u malee, warri Huutii yeroo ammaa humna isaanii daran jabeeffachaa deemuu haleellaa Sambataa fi Dilbata raawwataniin agarsiisaniiru.
Finciltoonni hidhatan kunneen Yaman keessatti harka caalu bakkeewwan ummanni biyyattii keessa jiraatu irratti to'annoo waan qabaniif, carraaqqiin araaraa haaraan yoo jalqabame, marii nagaa kana irratti haal duree humna cimaa fi jabaa qabu dhiyeessuu ni danda'u.




























