Itoophiyaan warshaa haaraa warqii qulqulleessu ijaarterraa hangam buufatti?

Warshaan warqii qulqulleessu kun waggaatti albuuda toonii 600 ol qulqulleessa
Ibsa waa'ee suuraa, Warshaan warqii qulqulleessu kun waggaatti albuuda toonii 600 ol qulqulleessa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Warshaan warqii fi alboodota gati-jabeessa ta'an qulqulleessu Finfiinnee Zoonii Dinagdee Addaa Boolee Lammiitti ijaarame waggaatti alboodota gati-jabeeyyii ta'an toonii 600 ol qulqulleessuu akka danda'u ibsameera.

Warshaan kun Itoophiyaatiin "gama albuudota gati-jabeessa ta'an qulqulleessuun wiirtuu qaxanaa kanaa taasisuu" akka dandeessisu Ministirri Muummee Abiy Ahmad dubbateera.

Warshaan warqii qulqulleessu waliigaltee Itoophiyaa Invesiment Hooldingisiifi Yunaayitid Arab Emireetis, Dubaay keessatti kan argamu Saam Pireeshiyes Meetaal gidduutti taasifameen ijaarame kun "Afrikaatti tokkoffaadha" jechuun dubbatan MM Abiy.

Turtii BBC Newsday waliin taasiseen Hoji-gaggeessaan olaanaa Itoophiyaa Invesiment Hooldingis Biruuk Taayyee (Dr) akka dubbatetti, warshaan kun humna waliigalaa amma qabuun "waggaatti warqii toonii 600" qulqulleessuu danda'a.

Gama bu'aatiin ammoo, "gatii gabaa har'a jiruun yoo shallagne warshaan kun humna isaa guutummaan guutuutti %100 fayyadamnaan waggaatti waggaatti dolaara biliyoona 80 qaqqaba," jechuun ibse.

Yeroo ammaa kana Itoophiyaan gara biyya alaatti kan ergitu dolaara biliyoona 5.6 akka ta'es eereera.

MM Abiy A L I Fulbaana 30 bara 2019 warshaa kana ifatti hojii wayita jalqabsiisanitti, bara darbe warqii dolaara biliyoona 5.6 baasu gara alaatti ergamuu eeruun, "humni qulqulleessuu kun isaan dura dhalateera osoo ta'ee yoo xiqqaate dolaara biliyoona 10 ta'uu danda'a" jechuun ibsan.

Biruuk Taayyee (Dr)
Ibsa waa'ee suuraa, Biruuk Taayyee (Dr)

Dr. Biruuk akka jedhutti, galiin waliigalaa argamu kan murtaa'u fedhii Itoophiyaa keessa jiru qofaan osoo hin taane biyyoota "warqiin isaanii Itoophiyaa keessatti akka qulqullaa'u ergan ilaalcha galcha.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Kampaniin Shaam Pireeshiyees Meetaal jedhamu gahee dhibbentaa 49 kan qabu yoo ta'u Itoophiyaan Investimant Hooldigis ammoo dhibbentaa 51 argata.

Dhaabbatichi qaama Itoophiyaa keessatti warqi qulqulleessuun "omisha akka gatiin isaa dabalu gochuun gabaaf dhiyeessuun" bu'aa argamsiisuti jedha Dr. Biruuk.

Maallaqni argamus gara Baankii Biyyaalessatti kan galu ta'uu fi boba'aa, xaa'oo, qorichaa fi galteewwan barbaachisoo ta'an biroo ittiin bituuf akka gargaaru dabaluun ibseera.

"Baankiin Biyyaalessaa galuu gurgurtaa warqiirraa argamu gabaa sharafa alatiin dhiyeessa. Yeroo ammaa kana caal-baasiin dolaara milyoona 140 baasu baankota dhuunfaatiif dhiyaateera. Kunis warqii alatti erguurraa kan argamedha," jechuun ibsaara.

Mootummoonni Afrikaa kuufama qabeenya uumamaa ardittii humna biiya keessaa gargaaramuun faayidaarra oolchuufwarshaalee warqii fi alboodota gati-jabeyyii qulqulleessan banuu filannoo godhataniiru.

Biyyoota Afrikaa alboodota biyya keessatti qulqulleessuun eeraman keessaa tokko Gaanaa yoo taatu, warshaaleen warqii qulqulleessan shan qabdi.

Biyyi Afrikaa warqii qulqulleessuun beekamtu Zaambiyaan warshaawwan afur kan qabdu yoo ta'u, Ugaandaan ammoo sadii ijaarratteetti.

Dhiyeenya kana ammoo Burkinaa Faasoon warshaa warqii qulqulleessu jalqabaa ijaarteetti. Biyyoonni Afrikaa albuudaan badhaahanwarqii qulqulleessuun erguun galii fooyyaa'aa argatu.

Warshaan Itoophiyaa dolaara miliyoona 50 itti bahe kun omisha biyya keessaarratti gatii dabaluuf, akkasumas seektara albuuda Itoophiyaa jabeessuuf gahee bahu akka qabaatu MM Abiy dubbateera.

Warshaa albuudota gati-jabeeyyii qulqulleessu Finfinnee, Zoonii Industirrii Boolee Lammitti ijaarame
Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa albuudota gati-jabeeyyii qulqulleessu Finfinnee, Zoonii Industirrii Boolee Lammitti ijaarame

Warshaa Itoophiyaan ijaarte kun galii daldala alatti erguu guddisuuf, carraa hojii uumuuf, akkasumas warqiitti gatii dabaluun gahee gabaaf dhiyeessuu akka qabaatu ibsameera.

Warqiin kiiloon tokko Itoophiyaarraa yeroo ergamu "akka warqiitti hin fudhatamu" kan jedhan MM Abiy, jalqaba qulqulleeffamee booda isa keessaa "yoo baayyate dhibbentaa 70" warqii akka jedhamu dubbatan.

"Kan akka balfaatti gatamu" dhibbentaa 30 ta'u "meetii ta'uu danda'a" jechuun faayidaa inni qabaachuu danda'u ibsu.

Itoophiyaan warshaa warqii qulqulleessu humna guddaa qabu akka ijaarte kan dubbatan MM Abiy, biyyoota Afrikaa hedduu irraa "albuudonni dhufanii qulqullaa'uu danda'u," jedhan.

Warshaa xaa'oo Yuuriyaa Daangotee Giruup waliin ta'uun ijaaramu dabalatee Itoophiyaan Investimant Hooldingis sektaroota gara garaa keessatti hirmaannaan investimantiin taaasisu humna daldala alatti erguu biyyattii akka cimsu Dr. Biruuk BBC Newsday waliin turtii taasiseen dubbateera.

MM Abiy warshaan warqii qulqulleessu ifatti hojii wayita jalqabutti haasaa taasisaniin yaada wal fakkaatu kennaniiru.

Waggoota shanan itti aanan Itoophiyaan "dheedhii erguun isa bilchaate galchuu bara itti addaan kuttu ni ta'a," jechuunis ibsaniiru.

Kun "daldala alaa keenyarratti dhiibbaa baayyee olaanaa ni qabaata... warqii irratti gatiin dachaa ol ta'e ni dabala," jedhan itti dabaluun.

Investimentiin mootummaa sektara dhuunfaa hin haguuguu?kan jedhu gaaffii BBCn dhiyeesseef Dr. Biruuk akkas jedhe: "Seektara dhuunfaa kan haguugu miti, gabaa uumaa jirra," jechuun deebise.

"Mootummaan rakkooleen gabaa keessa jiran qofa furuu qaba jennee amanna. Dogoggorawwan jiran sirreessuun tokkodha, toora sektarri dhuunfaa keessa hin galle keessatti gabaa uumuun kan biroodha," jechuun dubbate.

Investimentiin kun kallattiin "investeroota alaa kan fidu" akka ta'es dabalee ibseera.

"Investimentiiwwan keenya harki caalan michuuwwan keenya biyya keessaafi biyya alaa waliinidha. Kanaaf, sektara dhuunfaa haguugaa jirra jennee hin amannu. Innumaattuu gabaa ballisaa jirra," jedhe.

Waraana yeroo ammaa kaaba Itophiyaatti deemaa jiru kaasuun abbootiin qabeenyaa hangam Itoophiyaa irratti amanta aqabu? gaaffiin jedhu dhiyaateeraaf.

Dr. Biruuk gaffii kana yeroo deebisu akkas jedhe: "Kana haala qabatamaa bal'aa ta'e keessati ilaaluu barbaachisa. Ardii tokko keessatti ykn kutaa addunyaa eessattiyyu invest wayita godhamutti kan ilaalamu bifa akkamiitiinidha? Nageenyi Itoophiyaa kan eegame ta'uun isaa bifa kamiinidha? Nageenyi Itoophiyaa kan eegame kan hin taane bifa akkamiitiinidha?" jedha.

Haala qabatamaa addunyaatiin, "nageenyi isaa kan eegamedha" dubbiin jedhu "bira-qabaan" akka ilaalamu eeruun "dhimma ofii keenyaa qabna, investimentii fi investaroota eeguudhaan garuu baayyee kan caallu taanee argamna," jechuun dubbate.

Investeroonni waan amma jiru osoo hin taane waggoota shanii fi kudhan waan uumamu akka ilaalan kan eere Dr. Biruuk, "Itoophiyaa irraa amantaa guutuu qabaataniiti kan maallaqa isaaniiinvest godhan; murtee sirridhas jedheen amana," jechuun ibseera.