Ruutoon hanqina aannanii Keeniyaa mudataa jiruuf aannan gafarsaa akka filannootti yaada dhiheessan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon aannan gafarsaa akka filannootti yaada dhiheessuu isaa hordofee, miidiyaa hawaasaa irratti qoosni adda addaa qoodamaa jira.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa fakkiiwwan karaa dijitaalaan tolfamanii fi bineensoti kunneen yeroo elmaman agarsiisan qoodaa jiru. Kaan ammoo gafarsoota bosonaa Afrikaa elmuu yaaluun balaa geessisuu akka danda'u kaasu.
Garuu gafarsi hundi tokko miti! Bineensi aannan isaa akka filannootti dhihaate gafarsa bosonaa Afrikaa osoo hin taane, Gafarsa Bishaanii (Water Buffalo) dha.
Gafarsi Bishaanii jalqaba Eeshiyaa keessatti mana galfamee horsiifamuu kan jalqabe yoo ta'u, har'as biyyoota hedduu keessatti aannan, foonii fi hojii qonnaatiif horsiifama.
Gafarsi bosonaa Afrikaa garuu aannan oomishuuf akka bineensa horsiifamaatti hin beekamu. Kanaaf, isa elmuu yaaluun balaa geessisuu danda'a.
Indiyaa fi Paakistaan biyyoota addunyaa irratti aannan Gafarsa Bishaanii baay'inaan oomishan keessaa isaan ijoo dha. Akka odeeffannoo Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (FAO) jedhutti, biyyoonni kun lamaan aannan gafarsaa baay'inaan oomishu.
Afrikaa keessattis Masriin aannan Gafarsa Bishaanii oomishuun beekamti.
Aannan gafarsaa kan loonii waliin walbira yoo qabamu

Madda suuraa, Getty Images
Aannan gafarsaa kan loonii waliin yoo walbira qabamu coomaa fi pirootiinii olaanaa qaba.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Akka ragaaleen mul'isanitti aannan gafarsaa qabiyyee coomaa aannan loonitiin dachaa ta'e qaba.
Qabiyyeen gabbataan inni ofkeessaa qabu dhadhaa fi baaduu omishuuf mijataa isa taasisa.
Yaadni Pirezidaant Wiliyaam Ruutoon kun kan ka'e yeroo gogiinsi dhiheessii aannanii biyyattii irratti dhiibbaa geessisaa jirutti. Gogiinsi bishaanii fi margaa waan hir'iseef, baasii nyaata beelladaa dabaleera.
"Bara darbe oomisha aannanii liitira biliyoona 4.5 irraa gara liitira biliyoona 5.6tti guddisneerra. Keeniyaan amma Afrikaa keessatti aannan baay'inaan oomishuun biyya jalqabaa taateetti. Oomisha keenya kana caalaatti guddisuu barbaanna," jedhan Ruutoon.
Haa ta'u malee, oomishni aannanii biyyattii keessatti dabalaa dhufus, suuqiiwwan gurguddoo keessatti dhiheessin aannanii hanqachuun gabaafamaa jira.
Boordiin Dhiheessii Aannanii Keeniyaa hanqinni kun yoo xiqqaate ji'a tokkoof itti fufuu akka danda'u akeekkachiiseera. Kunis daldaltootaa fi dhaabbilee aannanii walitti qabanii raabsan irratti dhiibbaa geessisuu danda'a.
Qeeqxonni akka pirezedaantii itti aanaa duraanii Rigaatii Gachaga, mootummaan bineensa omisha aannaniif oolu haaraa beeksisuun dura rakkoo qonnaan bultoota aannan omishaa jiran mudatu furuu akka qabu himu.
Yaadni Ruutoon dhiheessan kun gaaffiiwwan biros kaasera. Isaan keessaa, lammiileen Keeniyaa foon Gafarsa Bishaanii seeraan nyaachuu danda'uu isaanii fi mootummaan bineensota kana gara indastirii nyaataa galchuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhate kan jedhu ni argamu.

Madda suuraa, Getty Images
Yaadni kun haaraa miti
Yaadni ammaa kuni guutumatti haaraa miti. Ji'a Amajjii bara 2025 ministirri Qonnaa Mutahi Kaguwee gafarsootni bishaanii seera too'annoo foonii jalatti akka bineensa soorataaf ooluutti faayidaarra akka oolu karaa saaqanii ture.
Beeksisni gaazexaa lakkoofsaa beeksisaa 977 kan Amajjii 31, bara 2025 maxxanfame irratti bahe akkas jedha "Seera too'annoo foonii lakkoofsa 2 jalatti aangoo kennameen, ministeerri qonnaa fi misooma bineensotaa gafarsoota Bishaanii akka beellada soorataaf ooluutti labsa".
Labsiin kuni gafarsoonni bishaanii akka seera Keeniyaatti bineensa soorataaf oolu ta'ee beekamtii argachuusaa ibsa. Kana jechuun garuu namni kamuu ulaagaa barbaachisu osoo hin guutin bineensota kana qaluu fi foonsaa gurguruu danda'a jechuu miti.
Foon gafarsaa gara gabaatti baasuun ammayyuu taanaan dambiiwwan fayyummaa bineensichaa, adeemsa qalmaa fi qorannoo fi qulqullina eeguu qaba.
Beeksisni bara 2025 kuni keeniyaa keessatti horsiisni gafarsaaa indastiriinsaa durumayyuu dhaabbatee ture jechuu miti.
Ji'a Gurraandhalaa bara 2025 ministeerri Qonnaa mootummaan dhiheessii maddeen soorataa guutuuf jecha gafarsoota bishaanii beeksisuuf yaadaa akka jiru ifoomsee ture.
Karoorri kuni yeroo yaalii waggoota lamaa, bineensichaa adda baasuu, galmeessa, ulagaa fayyaa fi iddoo qalmaa furuuf tarkaanfiiwwan fudhataman kan ofkeessatti hamate ture.
Yaadni kuni Paarlaamaa keessattis gaaffii kaaseera. Ji'a Bitootessaa bara 2025 Seenaatarri Katriin Mumaa, bineensonni kuni maaliif akka bineensa sooratamuutti akka labsame, qorannoo murtiin kuni irraa madde, hiraannaa uummataa fi tajaajila bineensota bosonaa Keeniyaa kan ilaaleen koree qonnaa ibsa gaafatanii ture.
Garaagarteen murteessaan biraa gafarsoonni bishaanii mana keessaa (Bubalus bubalis) gafarsoota bosonaa Afrikaa kan keeniyaa keessatti argaman (Syncerus Caffer) irraa adda ta'uu isaaniiti. Labsiin bara 2025 kuni gafarsoota bishaanii mana keessaa ilaala.
Rutoon yaa'ii qonna, Wabii midhaan nyaataa fi ce'umsaa paarkii Jamuhurii Naayiroobii keessatti argamutti Onkololeessa 08 bara 2026 adeemsifame irratti dhihaate kana irra deebiin kakaasaniiru. Barreessaan olaanaan misooma bineensotaa Jonaatan Mukee omisha aannanii fooyyessuuf gosa gaalaa fi gafarsaa irratti qorannoo akka taasisan gaafataniiru.
"Barreessa olaanaan horsiisa Bineensotaa gosa Gaalaa fi Gafarsaa fooyya'oo akka dhiheessu itti himeen ture" jechuun maddeen aannanii biroo gaafatan Ruutoon.
Kana malees aannan Gaalaa Naayiroobii keessatti shilingi 180 hanga 200 Gurguramaa jiru eeruun kunis dandeettii daldalaasaa akka mul'isu eeran.
Ragaan Inistituutii qorannoo fi Leenjii bineensota Bosonaa keeniyaa akka mul'isutti lakkoofsa bineensota Bosonaa bara 2021 taasifameen keeniyaa keessa Gafarsa lakkoofsaan 41,659tu jira.




























