UK'n Ertiraarra uggura viizaa kaa'uuf akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Yunaayitid Kingidam (UK)n imaammata baqattoota gara biyyasaaniitti deebisuu waliin walqabatee Ertiraanonni akka biyyashee hin seenneef dhorkaa kaa'uuf dhaadatte.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa UK Shabaanaa Maahimmud, mootummaan Ertiraa godaantota bidiruuwwan xixiqqaan seenanii fi yakka raawwatan hin fudhatu taanaan Ertiraanonni gara biyyattii akka hin seenne akka dhorkitu beeksifte.
Kana malees, Kamisa irraa kaasee dippilomaatonni Ertiraa sochii Landaniin ala taasisan irra dhorkaan kka kaa'amu ibsiteetti. Tajaajilli viizaan saffisaan namoota VIP ta'aniif kennamus ni dhaabbata jedhameera.
Kanaan duras, ministiroonni dhorkaa viizaa akka kaa'an sodaachisuun biyyoonni kaanis baqattoota biyyatti deebifaman akka fudhataniif dhiibbaa gochaa turaniiru.
Baqattoonni baayyeen bidiruuwwan xixiqqaadhaan gara UK kan seenan yoo ta'u, hanga Waxabajjiitti ji'oota 12 jiran keessatti baqattoota gara biyyattii seenan keessaa hedduun lammilee Ertiraadha. Baqattoota karaa seeraan alaa UK galan keessaa dhibbentaa 18 kan qabatan warra Ertiraa irraa ta'anidha.
BBCn dhimma kanarratti yaada akka kennuuf embaasii Ertiraa Landan keessatti argamu gaafatullee deebii hin arganne.
"Ertiraan yakkamtootaa fi lammileen UK keessa turuudhaaf hayyama seeraa hin qabne fudhachuudhaaf carraa hunda qabdi ture, haata'u malee akka biyyoota kaanii hayyamamtuu hin taane," jette Ministirri Dhimma Biyyaa Keessaa UK Shabaanaa Mahiimmud.
Kana waan ta'eef, biyyoota dhimma kanarratti tumsa hin goone biroorrattis tarkaanfii dabalataa fudhachuuf akka duubatti hin deebine dabaluun himteetti.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Mootummaan UK bara kana jarlqabarra aanga'oonni Ertiraa baqattoota deebisuudhaaf tumsuuf hayyamamoo ta'uu dhabuu isaaniitiin himateera.
Dhorkaa amma UKn kaa'uufan jira jettes dippilomaatonni Ertiraa hayyama malee Landan irraa bakka kiiloomeetira 60 fagaaturratti akka hin sochooneef dhorka. Kun agarsiistuu aanga'oota Biriteen magaalaa guddoo Ertiraa, Asmaraa jiranirra kaa'amee akka ta'e Ministirri Dhimma Biyya keessaa UK ibsiteetti.
Baruma kana keessa UKn biyyoota akka Angoolaa, Namiibiyaa fi Dimokiraatik Rippabilik oof Koongaarraa dhorkaa wal fakkaatu akka keessu beeksiftee turte.
Dimokiraatik Rippablik Koongoorra dhorkaan kaa'amee kan ture yoo ta'u, tumsi baqattoota fudhachuuf taasiftu waan fooyyaa'eef dhorkaan kaa'amee ture ka'uu isaa Shabaanaa Mahimuud yaadatteetti.
Angoolaa fi Namiibiyaan dhorkaan kun osoo hin kaa'amiin dura baqattoota deebiyan akka fudhatan waliigalaniiru.
UK keessatti sirna kolugaltummaa gaafachuu iratti jijjiiramni taasifamuu yeroo ibsitutti, baqattoota seeraan alaa deebisuu ilaalchisee biyyoonni tumsa hin goone dhorkaan viizaa akka hojiirra oolu ibsitee turte.
Akka ragaa Ministeera Dhimma Biyya keessatti taanaan, jalqaba bara 2026 as baqattoonni 20,400 ol ta'an bidiruuwwan xixiqqaan gara UK seenaniiru.
Lakkoofsi baqattootaa karaa seeraan ala ta'e kanaan gara UK seenan bara darbe wayita wal fakkaatu kana keessa ture waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamutti harka dhibba keessaa 40n hir'ateera.
Ji'oota Adoolessa 2025 hanga Waxabajji 2026 jiran keessa lakkoofsi baqattoota gara biyya isaaniitti ari'amanii fi deebiyanii 40,600 ol turan.
Lakkoofsi kunis bara isa dure tureen harka dhibba keessaa 8'n dabaleera.
Warra biifatti deebifaman keessaa 6,000 kan ta'an badii raawwachuun yakkamtoota warra jedhamnidha.

























