Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hoggantoota Afrikaa 10 aangoorra osoo jiranuu ajjeefaman
Paatris Lumumbaa, Toomaas Saankaaraa, Anuwaar Saadaat, Melkiyoor Indaadaayee… tarreen hoggantoota Afrikaa osuma aangoorra jiranuu ajjeefamanii dheeraadha.
Angawoota kunneen keessaa sababni gariin isaanii itti ajjeefamaniif morkii aangoo siyaasaa bira kan taredha. Ajjeechaawwan tokko tokko karoora walxaxoo humnootiin alaa namoota biyya keessaa ajjeesuuf qopheeffatan ofkeessaa qabu.
Barreeffama kana keessattis ajjechaawwan siyaasaa seenaa ardii Afrikaarratti godaannisa kaayanii darban qixeessineerra.
1. Paatris Lumumbaa- Ripablika Dimokiraatawaa Koongoo
Ajjeechaawwan siyaasaa seenaa Afrikaarratti godaannisa irraanfatamuu hindandeenye kaayanii darban keessaa tokko ajjeechaa Paatris Lumumbaarratti raawwatamedha.
Paatris Lumumbaan paartiin isaanii Sosochiin Biyyaalessaa Koongoo (MNC) filannoo ALA Caamsaa 1960 adeemsifame injifachuusaanii hordofuun ture Ministira Mummee biyyattii ta'uun kan muudaman.
Torbeewwan muraasa booda ALA Waxabajjii 30, 1960's qondaalli kun ayyaana guyyaa bilisummaa Koongoo kabajuuf qophaa'erratti argaman.
Haasaa waltajjiirratti taasisaniinis mootii Beeljiyeem Baaduyin kan hojiilee koloneeffannaa akaakayyuusaanii Mootii Liyooppold 2ffaa jajan qeeqan.
Paatris Lumumbaan hammeenyummaafi loogii isaanfi Afrikaanonni biroon sirna bulchiinsa kolonii jalatti dabarsan hadheeffatanii qeeqan.
Haasaan Lumuumbaa sirna koloneeffannaa Beeljiyeem kallattiin akka qeeqanitti hiikame, muddama isaanfi biyya Koongoo koloneeffattee turte Beeljiyeem gidduu jirus caalmaatti hammeesse.
Kana malees Lumuumbaan, yeroo Waraana Diilallaawwaatti (Cold War), Koongoo garee Sooviyeetiitti cinaa hiriirsuuf fedhii qabu jedhamuun mormitootasaaniin qeeqamuu jalqaban. Dhimmi kunis biyyoota dhihaa keessattuu Yunaayitid Istetis yaaddesse.
Waqtii sanatti hookkara siyaasaa cimaa keessa kan turte Koongoon gam tokkoon yaaddoon naannoonshee Kaataangaa jedhamu foxxoquuf itti aggaamamee ture.
Kana malees ALA Fulbaana 5, 1960 pirezidaantiin biyyattii Jooseef Kaasa-Vuubuu, Paatris Lumumbaa aangoo Mumicha Ministirummaarraa kaasun hidhaa mana keessaa itti murteessan.
Lumumbaan garuu hidhaa mana keessaa miliquun gara iddoo deeggarsa ummataa guddaa itti qaban naannoo Istaanlivaayil jedhamutti imaluu eegalan. Haa ta'u malee loltoota Mobuutuun hogganamaniin to'atamanii angawoota Kaataangaaf dabarfamanii laataman.
Turtii ji'oota muraasaa booda Amajjii 17, 1961 immoo dararaan erga irratti raawwatamee booda rasaasaan ajjeefaman. Kana malees ajjeechaa raawwatame dhoksuuf jecha qaamni Paatris Lumuumbaa asiidiin bulbulamee akka dhabamu taasifame.
Waggoota kurnaan boodas haftee Paatris Lumumbaa kan ta'e ilkaan tokko qondaala poolisii Beeljiyem qaama Paatris Lumumbaa dhabamsiisuu keessatti hirmaaterraa argame.
Ilkaan kunis waggoota booda maatii Paatris Lumumbaafi Ripablika Dimokiraatawaa Koongoof kenname.
Ajjeechaa Paatris Lumuumbaan walqabatee Beeljiyeem fi Yunaayitid Isteetis gama dhaabbata basaasaashee CIA'n komatamaa turaniiru.
2. Silvaanus Olimpiyoo- Toogoo
Abbaa bilisummaa Toogoo jedhamuun kan beekaman Silvaanus Olimpiyoo, bara 1958'tti Ministira Mummee biyyattii ta'uusaanin dura sadarkaa ministirummaatti tajaajilaa turan.
Biyyisaa Toogoon Ebla 27, 1960 erga bilisoomtee boodammoo Silvaanus pirezidaantii Ripablika Toogoo isa jalqabaa ta'uun aangoo qabatan.
Haa ta'u malee aangoo pirezidaantummaa erga qabatanii booda osoo hin bubbulin 'mootummaa abbaa irree' jedhamuun mormitootasaaniin qeeqamuu eegalan.
Kana malees Silvaanus biyyasaanii dhiibbaa Fransaayirraa fageessuuf fedhii qabaachunsaanii ifa ta'aa dhufe. Biyyisaanii maallaqa CFA Fraank jedhamu dhiisuun maallaqa biyyaalessaa ofii ifoomsuuf karoora qabaachaa akka turanis gabaasaaleen himu.
Haa ta'u malee Amajjii 12-13 bara 1963 gareen loltootaa dhaabbilee mootummaa ijoo ta'an humnaan seenuun qabate.
Silvaanus Olimpiyoonis imbaasii US dhiyeenya masaraa pirezidaantii biyyattiitti argamutti baqachuuf yaalii taasisanis loltoota kunneeniin qabaman, Amajjii 13's ni ajjeefaman.
Ajjeechaa pirezidaantii Ripablika Toogoo isa jalqabaa kana boodas morkataasaanii ijoo akkasumas obboleessa haadha warraasaanii kan ta'an Nikolaas Girunitizkii biyya baqaadhaan itti turanii deebi'uun aangoo pirezidaantummaa qabatan.
Haa ta'u malee waggoota muraasa booda bara 1967 fonqolcha Ginassingibee Iyaadeemaan hogganamun aangoorraa folqolchaman.
Fonqolcha raawwachuun aangoo kan qabatan Iyaadeemaanis hanga lubbunsaanii Guraandhala 2005 darbutti waggoota 38'f Toogoo bulchan. Du'asaanii boodas ilmisaanii Faawure Ginassingibee iddoo hoggansaasaanii fudhataniiru.
3. Murtaalaa Mahaammad- Naayijeeriyaa
Seenaan Jeneraal Murtaalaa Mahaammad hagas mara bal'inaan kan beekamu miti. Jeneraalli kun bulchaa waraanaa Naayijeeriyaa yemmuu ta'an bulchaa biyyattii isa afraffaadha.
Qondaalla waraanaa kan turan jeneraalli kun bara 1966'tti ture hogganaa biyyattii waqtii sanaa Joonsan Aguyi-Ironsi fonqolchuun aangoo kan qabatan.
Kana malees Adoolessa 29, 1975'tti aangoo pirezidaantummaa qabachuusaaniij dura Wal Waraansa Naayijeeriyaa keessatti hirmaataniiru.
Haa ta'u malee Amajjii 13, 1976 Murtaalaa Mahaammad osuma gara waajjirasaaniitti imalaa jiranuu humnootii Koloneel Bukaa Sukaa Dimkaan hogganamanfi riphanii isaan eeggachaa turaniin ajjeefaman.
Koloneel Dimkaan ajjeechaa kanaan fonqolcha mootummaa raawwachuuf yaadanii turanis jala fashaleera.
Yeroo ammaattis jeneraal Murtaalaan Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Leegos maqaa isaaniin mogga'een kan yaadataman yemmuu ta'u, iddoo itti ajjeefamanittis siidaan dhaabbateefii jira.
Haa ta'u malee jiraattonni magaalaa Leegos hedduun siidaa Murtaalaa Mahaammad ilaalanis seenaa du'a nama bulchaa Naayijeeriyaa turan kana duuba jiru baay'inaan hinbeekan.
4. Anuwaar Al-Saadaat- Masrii
Anuwaar Al-Saadaat hogganaa biyya Arabaa yeroo jalqabaaf Israa'el daawwachuun paarlaamaa biyyattii Knesset keessatti haasaa taasisanidha.
Kana malees nama yeroo waraana Yom Kiippur bara 1973 adeemsifametti Masrii hogganaa turanidha. Waraanni kun kan humnootiin Masrii loltoota Israa'el Waraana Guyyaa Jahaa bara 1967 adeemsifameen lafa Sinaay qabatanii turan irratti haleellaa itti bananidha.
Kana malees Saadaat nama bara 1978'tti Waliigaltee Kaamp Deevid kan Masriifi Israa'el gidduutti bu'uura nagaa kaaye mallatteessanidha.
Haa ta'u malee hogganaan Masrii kun Onkololeessa 6, 1981 sagantaa agarsiisa waraanaarra osoo jiranuu ajjeefaman.
Guyyichatti gareen loltootaa tokko konkolaataarraa utaalanii bu'uun boombii darbatanii hookkara kaasan, itti aansunis gara angawoota taa'anii agarsiisa waraanichaa daawwachaa turanitti garagaluun dhukaasa banan.
Dhukaasa irratti banameen cimaa kan miidhaman Anuwaar Al-Saadaat gara hospitaalaa geeffamanis turtii sa'aa lama booda lubbunsaanii darbeera.
Diinawwan heddu akka qaban kan himamu Saadaat, ajjeefamusaaniin torbeewwan muraasa dursee Fulbaana bara 1981 keessa komunistoota, miseensota Obbolaa Musliimaa (muslin biraazarhud)fi hayyuulee dabalatee mormitoota siyaasaa to'achuufi hidhuuf duula gaggeessaa turaniiru.
5. Toomaas Saankaaraa- Burkinaa Faasoo
Akkuma Paartis Lumumbaa, Toomaas Saankaaraan sabboonaa Burkinaa Faasoon biqilchitefi ilaalcha Paan-Afrikaanizimiin beekamanidha.
Ejjennoo angoofi dhiibbaa biyyoonni lixaa Afrikaarratti qaban (impeeraalizimii warra lixaa) mormuun qabaniin kan leellifaman Saankaaraan, bara 1983 aangoo qabatanii Onkololeessa 15, 1987 ajjeefaman.
Himata Abbaan Alangaa kunneen fonqolcha Saankaaraan himataman irratti banefi dhaddachawwan Onkololeessa 2021 fi Ebla 2022 gidduutti taa'amanirratti duraa duubni ajjeechaa Saankaaraa himameera.
Akka galmee Abbaa Alangaatti, Onkololeessa 15, 1987 waaree booda sa'aa 10:20 yemmuu ta'u Saankaaraan waajjira mummee Mana Maree Warraaqsaa Biyyaalessaatti (Kaawunsel De I'Entente) argaman.
Wayita Saankaaraan gara kutaa walgahiitti seenanittis kunneen isaan ajjeesuuf qophaa'an iddicha gahaniiru.
Gareen ajjeechicha raawwate jalqaba eegdota Saankaaraa erga ajjeesanii booda namoota iddichatti turan garee lamatti qoodan.
Saankaaraafi waahillansaanii kuticha keessaa akka bahan erga taasifamanii booda tokko tokkoonsaanii rasaasaan rukkutamanii ajjeefaman.
Oduun fonqolcha mootummaas guyyuma sana kan tamsa'e yemmuu ta'u, namni fonqolchicha duuba jiranis hiriyaa dhiyoo Saankaaraa kan ta'an Bilees Kompaaworee ta'uun barame.
Ajjeechaan Saankaaraa kallattii deemsa siyaasaafi diinagdee Burkinaa Faasoo kan jijjiire yemmuu ta'u, maqaansaani garuu seenaa biyyattii keessatti iddoo bal'aa qabatee jira.
Har'allee Saankaaraan mormii imperaalizimii warra lixaaf qaban ka'umsa gochuun dargaggoota Afrikaa hedduun leellifamu.
6. Mahaammad Budiyaaf- Aljeeriyaa
Mahaammad Budiyaaf pirezidaantii mootummaa ce'umsaa Aljeeriyaa kan turan yemmuu ta'u, waraanni biyyattii adeemsa filannoo gaggeeffamaa ture dhaabsisuusaa hordofuun ture bara 1992 aangoo kan qabatan.
Filannoo paarlamaaa paartileen siyaasaa garagaraa irratti hirmaatanfi marsaan jalqabaa Mudde 1991 adeemsifameerratti dhaabni Islaamik Saalveshin Firoont (FIS) jedhamu sagalee caalmaa argachuun paartilee biroo durse.
Filannoon marsaa lammaffaa Amajjii 16, 1992 adeemsifamuuf karoorfamee kan turus waraanni biyyattii adeemsi filannoo adda akka citu taasise.
Itti aansunis mootummaa ce'umsaa waggoota lamaaf turu hundeessuun Mahaammad Budiyaaf mootummaa ce'umsaa hogganuu eegalan.
Turtii ji'oota muraasa booda Amajjii 16, 1992 waraana biyyattiin yeroof aangon kan kennameef Budiyaaf iddoo Annaba jedhamu daawachuufi achittis haasaa taasisuuf garas qajeelan.
Annabattis kaameeraawwan televiziyoonaa fuldura dhaabbatanii haasaa taasisaa osoo jiranuu dhoohinsi boombii dhagahame, itti aanses sagaleen dhukaasa qawwee itti fufe.
Humnootii nageenyaa iddichatti turan keessaa tokko kan ta'efi 'ilaalcha Islaamummaa cimaa qaba' jedhamuun kan ibsame pirezidaantichatti dhukaase.
Namni kun battalumatti to'annoo jala oolus sababa haleellicha itti raawwateef yookiin duubasaa eenyu akka jiru odeeffannoo hinlaanne.
Rasaasa itti dhukaafame dandamachuu kan dadhaban Mahaammad Buduyaafis aangoorra osoo jiranuu lubbunsaanii darbe.
7. Melkiyoor Indaadaayee- Burundii
Melkiyoor Indaadaayee guyyoota 102'f qofa pirezidaantii Burundii ta'uun tajaajilan.
Seenaa Burundii keessatti yeroo jalqabaaf karaa dimokiraatawaan filamuun Adoolessa 1993 pirezidaantii biyyattii kan ta'an Indaadaayeen sagalee dhibbeentaa 64 argachuun ture filannoo kan injifatan.
Morkataa ijoofi yeroo sanatti pirezidaantii biyyattii kan turan Piiyer Buyoyaan immoo sagalee dhibbeentaa 32.47 qofa ture kan argatan.
Bifa kanaan aangoo kan qabatan Indaadaayeen Onkololeessa 21, 1993 ajjeefamuusaaniin sa'aa muraasa dura oduun fonqolcha mootummaa magaalaa guddoo biyyattii Bujumburaa keessatti faca'e.
Odeeffannoon kun qondaalota waajjira pirezidaantii bira gahus odeeffannicha garuu mirkaneessuu hindandeenye ture.
Halkan Onkololeessa 20-21's humni loltootaa fonqolcha mootummaa labsuun masaraa pirezidaantii magaalaa Bujumburaa keessatti argamu marse.
Melkiyoor Indaadaayee, maatinsaaniifi deeggartoonnisaanii muraasnis eegdotasaaniin miliqfamanii gara kaampii waraanaatti geeffaman.
Haa ta'u malee namoonni fonqolchicha hogganaa turan pirezidaanticha barbaadanii erga argatanii booda Melkiyoor Indaadaayeefi michuuwwansaanii muraasa ajjeesan.
Onkololeessa 21, 1993 kan ajjeefaman Indaadaayeen "goota dimokiraasii" jedhamuun beekamu.
8. Ibraahim Baare Maayinasaaraa- Niijer
Pirezidaantii Niijer kan turan Ibraahim Baare Maayinasaaraa, Ebla 9, 1999 ture rasaasaan rukkutamanii kan ajjeefaman.
Haa ta'u malee waggoota 20 booda har'ayyuu akkaataan du'asaanii ifatti hinbeekamu.
Wanti ajjeechaasaanii ilaalchisee qabatamaan beekamu dhukaasni ittiin ajjeefaman caasaadhuma nageenyaasaaniin kan dhukaafame ta'uusaati.
Yeroo sanatti humni eegumsaa pirezidaantichaa nama fonqolcha mootummaa booda aangoo qabatan Daawudaa Mallam Waankeen hogganamaa ture.
Gabaasawwan tokko tokko akka himanitti, Maayinasaaraa biyyaa baqachuuf yeroo turanitti loltoota riphanii turaniin ajjeefaman.
Angawoonni waraanaa biyyattiis du'a pirezidaantichaa "balaa gaddisiisaa" jechuun ture kan ibsan.
Ajjeechaa pirezidaantichaa ilaalchisee gaafii Amnastii Intarnaashinaal irraa dhiyaatef kan deebisan hogganaan juntaa waraanaa waqtii sanaa Daawudaa Mallam Waankee, "kaayyoon waraanaa pirezidant Baaree ajjeesuu osoo hintaanee to'achuu ture" jedhan.
Booda keessa namoota fonqolcha mootummaa keessatti hirmaataniif dhiifama kan godhan Waankeen bara 2004'tti lubbunsaanii darbe.
9. Laawurant Deziree Kaabiilaa- Ripablika Dimokiraatawaa Koongoo
Mobuutuu Sese Seekkoo fonqolchuun aangoo kan qabatan Laawurant Deziree Kaabiilaan Fulbaana 16, 2001 ture kan ajjeefaman.
Du'a Kaabiilaa ilaalchisee gaafiwwan hanga ammaattuu deebii hinarganne heddutu jiru.
Haa ta'u malee Kaabiilaan eegdota isaanii keessaa isa tokkoon masaraa pirezidaantii keessatti ajjeefaman.
Pirezidaanticha kan ajjeeses loltuu Raachidii Mizeelee jedhamu yemmuu ta'u, innis booda keessa koloneela pirezidaantichaaf dhiyoo ta'an Eedii Kaapendin ajjeefameera.
10. Juwaa Bernaardoo "Niinoo" Veeraa- Giinii Bisaa'oo
Loltuu fincilaa kan ture Juwaa Bernaardoo "Niinoo" Veeraa nama qabsoo bilisummaa Giinii Bisaa'oo keessatti shoora guddaa qabanidha.
Biyyattiin erga bilisoomtee boodammoo marsaalee garagaraaf pirezidaantii biyyattii ta'uun waggoota 23'f bulchaniiru.
Bara 1998'tti fonqolchaan aangorraa kan kaafaman Juwaa Bernaardoo Veeraan hanga bara 2005'tti Porchugaal keessatti baqattummaan turaniiru.
Haa ta'u malee pirezidaantii biyyattii kan turan Kumbaa Yaalaan karaa dimokiraatawaan erga filamanii booda aangoorraa fonqolchamuusaanii hordofee Veeraan gara biyyasaaniitti deebi'uun aangoo qabatan.
Biyyatti deebi'uun aangoo pireezidaantummaa kan qabatan Veeraan hogganaa waraanaa biyyattii Jeneraal Baatistaa Taagme Na Waaye walin hariiroo gaarii hinqaban ture. Giidduusaaniis morkiin cimaan tureera.
Akkanaan osoo jiranuu Bitootessa 1, 2009 Jeneraal Baatistaan dhoohinsa boombii waajjira mummee waraana biyyattiitti uumameen ajjeefaman.
Sa'aatiiwwan muraasa booda Bitootessa 2, 2009 immoo loltoonni Jeneraal Baatistaa deeggaran mana jireenyaa pirezidaantichaa weeraran.
Haati warraafi ijoolleen pirezidaantichaa gara imbaasii Angoolaa biyyattii keessa jirutti baqatan. Pirezidaant Veeraan garuu manuma jireenyaasaanii keessa turan.
Pirezidaantichi qoncaraan erga miidhamanii booda rasaasaan dhahamanii ajjeefaman.
Waraanni biyyattiis ajjeechaan pirezidaantichaa loltoota kaka'umsa ofiitiin socho'aniin raawwatamuusaa himeera.