Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Tapha Piriimer Liigii torban kanaa ilaalchisee ogeessi kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan fi (Artiifishaal Intelejensii (AI) eenyu akka mo'atu tilmaama kennaniiru.

Saatan bara kana taphoota Piriimer Liigii 380 hunda laaluun eenyu akka mo'atu tilmaama kenneera.

Akkuma kana ammoo AI'nis tokkoo tokkoo taphaa ilaaluun eenyu akk amo'atu tilmaama isaa kaa'eera.

Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.

Tilmaani AI kennu kun 'Microsoft Copilot Chat ' gargaaramuun kan kennamudha.

Bireentifoord V Chelsii

Morkiin torban kanaa Jimaata galgala halkan sa'aatii 4:00 irratti Bireentifoord Chelsii simatee tapha taasisun jalqabama.

Bara kana Chelsiin bilisaan socho'ee goolii galchaa kan jiru yoo ta'u, sarara isa afuula duraa baayyee si'ataadha. Taphattoota warra akka Morgaan Roojars, Kool Paalmerii fi Jaa'oo Pediroo fi kaaniin sarara ittisaa morkattoota isaa dhiphisa.

Haata'u malee, sararri ittisaa isaa faallaa kanaatiin ni dhimmisa.

Kanaaf jedha Saatan Chelsiin rakkoo sarara ittisaa isaarra jiruu fi cimina sarara fuula duraa isaa yoo madaalee qabate walqixa xumura jedhe.

Tilmaama Saatan 2-2

Tilmaama AI 1-2

Tootenhaam V Aston Viilaa

Leenjisaan Tootenhaam yeroo ammaa Roobertoo Dee Zarbii kanaan dura maqaa gaarii qaba ture. Keessumaa hojii wayita Biraayiten ture hojjeteen milkaa'ee ture.

Haata'u malee, amma Tootenhaam fooyyeessuu hin dandeenye. Tootenhaam bara kana taphattootaq ciccimoo baasii guddaa baasee bitachuun yaaddoo bara darbe qaxanaa kufaatiitti dhiyoo keessa dabarse obbaafata jedhamee yaadamee ture.

Taphoota Piriimer Liigii bara kanaan garuu hanga ammaa goolii tokkollee hin lakkoofsisiin jira.

Leenjisaan kun yeroon barbaada jedhus, baasii gudda abaasaniifi bu'aan kilabichi argamsiisaa jiru obsa dhorkaa jira.

Aston Viilaan akkuma kana Karabaa'oo Kaappiirratti Roobii Koventarii mo'atanillee Piriimer Liigii irratti bara kana hanga ammaa milka'aa hin jiran.

Tilmaama Saatan 1-2

Tilmaama AI 2-1

Biraayiten V Arsenaal

Tapha Sambata waaree booda sa'aatii 11:00 irratti dirree Biraayiten irratti taphatamu kana deeggartoonni haalaan eegaa jiru.

Biraayiten barana gahumsa gaarii agarsiisa ajira. Tapha Karabaa'oo Kaappii Roobii darbe dirree Maanchester Yunaayitid Oold Iraafoord irratti taasiseen garen Faabiyaan Haziler kun ga'umsa ajaa'ibaa agarsiisuun 2 fi 0n durfamaa osoo jiruu 3 fi 2n mo'atee gale.

Haata'u malee, Arsenaal garuu Maancherster Yunaayitid miti jedha Saatan. B9iraayiten sarara fuula duraa irrattis ta'e gidduutii hanga ittisaatti ajaa'iba ta'anis, miilana Arsenaal waliin taphatu.

Arsenaal keessatti amma qaawwi hin jiru. Sanderlaand irratti gahumsa isaan agarsiisan ajaa'ibadha. Ni ittisu, ni jifatu, kubbaa ni to'atu, ittisa cufame ni bansiisu.

Tapha Biraayiten fi Arsebaal kana Kiriis Saatan fi AI'n tilmaama wal fakkaatu kennan.

Tilmaama Saatan 1 -2

Tilmaama AI 1 -2

Tilmaama taphoota kaanii

Everten V Ipsiwiich

Tilmaama Saatan 1-0

Tilmaama AI 2-1

Niiwukasil V Haal Siitii

Tilmaama Saatan 1-1

Tilmaama AI 3-0

Notingihaam Forest V Koventarii

Tilmaama Saatan 2-0

Tilaama 2-0

Bornimaawoz V Liiverpuul

Tilmaama Saatan 1-1

Tilmaama AI 1-3

Liids V Kiristaal Palaas

Tilmaama Saatan 2-0

Tilmaama AI 1-1

Maanchester Siitii V Sandelaand

Tilmaama Saatan 2-1

Tilmaama AI 4-0

Fuulhaam V Maanchester Yunaayitid

Tilmaama Saatan 2-2

Tilmaama AI 1-2