ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.

Ibsa fuula X ykn Tiwiiterii isaanii irratti Fulbaana 17 bara 2026 baasaniin, Gamtaa Tsimdoo jedhamu ilaalchisee wanti afuurfamu hedduun dhugaa irraa waan fagaate jedhe.

''WBOn gamtaa Tsimdoo jedhamu keessa hin jiru, dhimma kanas itti dhiyeenyaan hin hordofu,'' jedhe.

Miidiyaa hawwaasaa irratti ABO-WBO Gamtaa Faannoo, TPLF fi mootummaa Eertiraa waliin tahuun mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf ijaaran keessa jira jedhamee odeeffamaa ture.

Walta'iinsa humnoota mootummaa morman biraa keessa akka jiru garuu akeekeera.

''Wal-ta'insi humnota Bilxiginnaa mormanii kan WBOn qooda keessaa qabuu fi kan humnoota biyyattii baha hanga dhihattii fi kaabaa hanga kibbaatti hirmaachise, marii gara xumuraa irra gahee jira,'' jedhe.

Garuu wal ta'insi kun qaamolee akkamii waliin akka tahee fi eenyufaa akka hammatu hin ibsine. Kana dura TPLF wlaiin waliigaltee akka qaban himamee ture.

Ibsa amma bahe keessatti wal-ta'insi kun dhimmoota lama irratti hundaa'e jedhe.

''Tokko humnooti Bilxiginnaa lolan wal qocollaa bukkee dhiisanii qaama ummattoota keenya balleessuuf dhama'u irratti akka fulleffatanii fi lammaffaa, waltajjii mootummaa cehumsaa kan gaaffileen ummatoota biyyattii hunduu, hirmaannaa kallattii ummatotaatiin itti furaman, qopheessuu dha'' jedhe.

Wal ta'insi kunis wal tahinsa dubbii ijoo siyaasaa sooo hin taane kan adeemsati jedhe.

Siivilii meeshaa waraanaa hidhachiisuu ilaalchisee ABO-WBO mootummaan akka of tiksaniif osoo hin taane akka barcuma aangoo isaanii tiksaniif itti fayyadamuufi jechuun komata.

Mootummaan dhiyeenya milishaa jechuun qonnaan bulaa keessaa leenjii yeroo gabaabaa kennee akka nageenya isaanii tiksaniif meeshaa waraanaa hidhachiiseera.

Lola hidhattoota akka WBO fi Faannoo irratti mootummaan gaggeessu keessattis hirmaataa akka turan mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo adda addaa ibsaa ture.

ABO-WBO ammoo ''of tiksuun barbaachisaadha'' jedhee sanarra kan darbe mootummaa cina dhaabbachuuf tahuu hin qabu jechuun morma.

'Faannoon diina uummata Oromooti'

Dabalataan ibsa baase kana keessatti waa'ee hidhattoota Faannoo godinaalee Wallaggaa keessa socho'anii eerera.

ABO-ABO sochii hidhattoota Faannoo Wallagga keessaa balaaleffateera.

Ammoo jalqaba kan ijaaree fi deeggare mootummaadha jechuun komata. Yeroo waraana Tigiraay Faannoof hidhannoo kennuun akka waraanicha irratti mootummaa cina hiriiranii lolan kan godhe mootummaa ture.

Boodarra garuu wal dhabuun hidhattoonni Faannoo kunneen naannoo Amaaraa keessatti bifa haaraan wal ijaaruun mootummaa loluu jalqaban.

Sana booda Wallagga keessatti namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuu qofa osoo hin taane gidduugala leenjii banuun akka sochii jalqaban ifatti himan.

Gareen sosochii Biyyaalessaa Faaannoo Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessa, keessattuu Wallaggaa keessa, akka socho'u mirkaneesseera.

Ji'a darbe Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti haleellaa imaltoota irratti raawwataniin lubbuu namoota hedduu darbuu maatii miidhamtootaa fi jiraattonni aanichaa BBC'n dubbise himaniiru.

ABO-WBO hidhattoota Faannoo Wallagga keessaa kanneen '' humna badiinsaa Oromoo ajjeesuun beekamu'' jechuun ibse.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ''finxaalessa'' jechuun ibsu fi akka waraanaa jiru ibsuurra darbee akkamiin akka ijaaramanii fi komii jalqaba mootummaatu ijaare jedhuuf deebii kennee hin beeku.

Humni nageenyaa mootummaa Gadaa Komaandoo jedhamu dhiyeenya ijaarame hidhattoota Faannoo kana waliin yeroo adda addaa lola gaggeessaa tureera.

Osoo mootummaan ''harka irra qabuu baatee, gareen farra Oromoo fi kan gargaarsa kamuu Oromoo irraa hin arganne, uummata keenya gidduu jiraachuu hin danda'u ture'' jedhe ibsi kun.

BBC'n mootummaan garee Faannoo kana deeggaruu waan agarsiisu raga argate hin qabu. Mootummaanis garee kana waliin wal lolaa jiraachuu ibsaa ture.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoos tibbana Wallagga Lixaatti haleellaa raawwataniin lubbuu namaa darbeera.

Haleellaan kun bakka albuunni baafamu Wallagga Lixaa Tuluu Kaappii bakka jedhamutti dhaqabe.

Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa Fulbaana 4, 2026 mudateen yeroof dhaabbachuu Dhaabbanni KEFI jedhamu beeksiseera.

Kaampaniin misooma warqee fi koppariirratti hojjetu kun ibsa baaseen hojjetaa isaa tokko dabalatee miseensonni nageenyaafi hawaasni naannoo 'baayyeen' ajjeefamuu ibsuun, lubbuu darbeef "baayyee gadduu" himeera.

Aanga'aan mootummaa godina Wallagga Lixaarraa BBC dubbise tokko qaamni haleellaa kana raawwate humnoota nageenyaa buufata kampaanichaa jiran ajjeesuun qabeenya kaan gubee, kaan ammoo saameera jedhe.

Humni 'ABO -Shanee' ittiin jedhan naannoo sana keessa akka socho'an kan hime maddi kun, rakkoon nageenyaa hidhattoonni kunneen raawwatan misooma godinichaaf danqaa ta'uus dubbatu.

Haleellaa torban lama dura raawwateen namoota lubbuu dhaban keessaa tokko Obbo Daani'el Qalbeessaa jedhamu.

Akka BBC'n seenaa jireenya isaanii yeroo owwaalchaa dubbifamerraa akka hubatetti, waggoota saglan darbaniif dhaabbata kana keessa hojjetaniiru.