'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Yeroo ammaa kana silaa qonnaan bulaan midhaan lafarraa waan ga'uuf asheeta nyaata ture. [Boqqolloon, baaqelaan, xaafiin, qamadiin] hunduu badeera barana.

Namni horii qabu horii gurguree maatii jiraachisuuf yaalaa jira, garuu horiinillee margi nyaatu hin jiru jechuun yaaddoo ongee bara kana kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti mudate ibsa abbaa maatii 13 kan ta'e Obbo Fitaalaa Leemmuu godina Shawaa Bahaa aanaa Dugdaarraa.

"Rakkoo guddaa keessa jirra sa'aatii ammaa kana."

Waan kanaan dura mul'atee hin beekne akka isaan mudate kan ibsu qonnaan bulaan kun, waqtii rooba eeggatan Waxabajji, Adoolessaafi Hagayya keessa roobni baduun midhaan akka jirutti lafaa ol hin ba'iin hafe; kan biqiles goguu dubbata.

"Midhaan lafa jalatti hafe,… xiqqoo roobee inni biqiles deebiyee waan caameef xaa'oon, qorichis kennamuufillee ni goge. Amma rakkoo hamaatu nu mudate," jechuun akaakuun midhaan hunduu ongee kanaan jalaa baduu miira yaaddoon ibsa Obbo Fittaalaan.

Bokkaan dhabamee akka ongeen midhaan balleessuu danda'u akeekkachiisa dursaa argattaniittuu jedhamee kan gaafatame Obbo Fittaalaan, waan tokko kun akka dhufu akka hin beekneefi namni kana quba qabu akka hin jirreefi waan arganiillee hin beekne ta'uu kaase.

"Ji'a gannaa kana roobni [sadarkaa kanatti] ni dhabama jedhee namni yaade hin jiru. Boqqolloon yoo badellee nyaataaf xiqqaa ta'us ni arganne kan jedhu yaadamaa ture."

Rakkoon kun ganda isaanii qofa osoo hin taane guutummaa aanaa Dugdaa ta'uus dubbata. "Maa'ibaasiiwwan afur walitti ejjetan hunda keessatti akkuma kanadha," jechuun rakkoo biyyaa ta'uu ibsa.

Osoo akka yeroo kaaniitii namni yoona kana asheeta nyaata ture kan jedhu Obbo Fittaalaan, kan bara kanaa ummata naannichaaf yaaddessaa ta'uu ibsa.

Rakkoo keessa jiran kanaaf fala akkamii eeggachaa jiru? Qaama itti iyyattan qabduu kan jedhu kan gaafatame Obbo Fittaalaan, waajira qonnaa hanga tokko afaaniin dubbisaa akka turaniifi bulchaa gandaatiinis rakkoo keenya nuuf gabaasaa jechaa turuu kaase.

Sababa ongeetiin midhaan akka kanaa badee wayita jirutti, dhimmi gibira mootummaa kan hin oolle waan ta'eef akka isaan yaaddessus hima.

"Akka bal'ina lafa isaatti qonnaan bulaan tokko yoo xiqqaate waggaatti birrii kuma 50 ykn isaa ol kaffala. Kun ammoo galii qonnaarraa argamuunidha. Kanaaf, kan bara kanaa maal akka goonu hin beeknu kun nuuf yaaddoodha," jedha.

Lafa hektaara shan ta'u qabaachuu kan dubbatu Obbo Fittaalaan akaakuu midhaanii gara garaa akka irra facaasu ibsa. Bara kana garuu midhaan hunduu facaase achumaan baduu miira gaddaan dubbata.

Kanaan dura bara tole qamadii kuntaala 50 hanga 80 akka argachaa ture yaadachuun, bara dhufuuf maatii qallabuu dadhabuurra darbee sanyiiyyu argachuun rakkisaa waan ta'eef qaamni dhimmi ilaalu akka birmatuuf gaafata.

Ammarraa kaasee sadarkaan rakkoo kanaa baramee qaamoleen ittisa balaafi kaan fala akka barbaadaniif iyyateera.

Jiraataa Harargee Lixaa, aanaa Bookee kan ta'e dargaggoo Fu'aad Mohaammad Ahimad,bokkaan xiqqoon roobee midhaan akkuma biqiluu jalqabeen waan caameef amma midhaan waan tokko akka hin jirre dubbata.

Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.

Aanaa isaaniitti boqoqlloo, bisingaa, lawuuzii, garbuu, barbareefi kkf akka omishamu kaasuun, bara kana midhaan kunneen hunduu manca'uu ibse.

"Duraan bokkoon [xiqqoo] yoo roobe jimaanillee ni meera ture. Amma bokkaan jimaa magarsullee hin jiru. Amma walumaa galatti roobni omisha kamiyyu magarsu hin jiru."

Maatii isaa miseensa 12 qabu keessaa angafa ta'uu kan dubbatu Fu'aad, maatiin isaa amma horii gurgurachuun midhaan nyaataa bituun isaan jiraachisaa akka jiran hima.

Horiis taanaan margiifi bishaan sababa ongee kanaatiin dhabamaa waan jiruuf miidhamuun waan hin oolleef qaamni dhimmi ilaallatu hatattamaan akka birmatuuf gaafata.

Aanga'oota aanaalee godina Shawaa Bahaa fi Harargee Lixaa irraa qonnaan-bultoota sababa ongee mudateen midhaan jalaa manca'e kanaaf birmannaa taasisuuf qophiin taasifamu yoo jiraateef BBCn bilbilaan dubbisuuf yaalus ammaaf hin milkoofne.

Daarektara Buusaa Gonofaa Naannoo Oromiyaattis bilbillee yaaddoo ongee bakka gara garaatti mudate kanaaf birmachuuf qophiin taasisan yoo jiraateef jennee gaafanneerra.

Haata'u malee, dhimma kana ilaalchisuun komunikeetara Buusaa Gonofaa irraa argattu jechuun garasitti nu dabarsanis hanga oduu kana qindeessinuutti gama qaama mootummaa dhimmi ilaalalturraa ibsa hin arganne.

Bara kana ongeen sababa El Nino mudate kun Oromiyaa qofa osoo hin taane nananolee Itoophiyaa biroo akka Tigraay, Itoophiyaa Giddugaleessaa, Amaaraa, Affaar keessatti mudateera.

Kanaan dura kutaalee Itoophiyaa garagaraatti roobni akka malee roobuun yookiin immoo waqtiisaa osoo hin eegiin roobuun miidhaa qaqqabsiisaa tureera.

Bara kanas yaaddoo miidhaawwan El Niinoo kan ta'an roobni xiqqaafi roobni hanga eegamuu ol roobuun hawaasarratti aggaaman ilaalchisee gabaasawwan bahaa turaniiru.

Raagni dhaabbata metiroloojii idil addunyaa akka agarsiisutti Itoophiyaa, kutaalee Eertiraa harka caalmaa, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa, Jibuutii, Sudaan akkasumas kutaaleen gara dhihaafi qarqara garbaa Keeniyaa rooba idilee gadii akka argatan himameera.

Kan malees, El Niinoon bara kanaa kan bara1997 fi 2023 turan walin akka walfakkaatus ni eegama.

Raagni Inistitiyuutii Meetiroloojii Itoophiyaa haala qilleensaa Waxabajjii 2018 hanga Fulbaana 2019 ilaalchisee baases kutaalee biyyattii kaaba bahaa fi bahaa biyyattii rooba gannaa fayyadamoo ta'anitti roobni "idileefi gara idileen gaditti madaalu" ni rooba. Kutaalee giddugala fi kaaba dhihaa biyyattiittimmoo rooba "idilee fi idilee gadiitu" rooba jedheera.

Kutaa kibba dhihaa biyyattiittimmoo ganni waqtii idilee "dursee" akka eegalu raagni inistitiyuutichaa agarsiisa.

Seensa waqtii gannaa ji'a Waxabajjii, akkasumas dhuma waqtii gannaa ji'a Fulbaanaa keessatti roobni 'dhaabbataa hin taane fi yeroon gogaa ta'e kan itti baay'atu' akka ta'us dursee himameera.

Roobni cimaan darbee darbee roobus "lolaa tasaa" fiduu akka danda'us raagni inistitiyuutichaa agarsiisa.

Dhaabbata Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) jalatti kan argamu Giddugalli Raaga fi Itti Fayyadama Haala Qilleensaa (Climate Prediction and Applications Centre) akka jedhuttimmoo, kutaalee giddugalaa, kaaba bahaa fi kaaba dhihaa Itoophiyaatti roobni idilee gadii mudachuu danda'a.

Faallaa kanaan immoo kutaaleen kibba bahaa biyyattii rooba cimaa akka argatan raagera.

Kutaalee Gaanfa Afrikaa harka caalmaattis hoo'ii idilee olii akka jiraatu himameera.

Gabaasni Waajjirra Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (OCHA) damee Itoophiyaa baase immoo El Niinoon bara kanaa amaloota lama akka qabu eera.

El Niinoon naannoo tokkotti gogiinsafi hanqina bishaanii yemmuu qaqqabsiisu iddoo biraattimmoo lolaa akka qaqqabsiisu hima.

Kanaafis hanqina bishaanii kaaba bahaa Itoophiyaa jirufi lolaa kibba bahaa Itoophiyaa mudate wal madaalchisuun ni danda'ama.

Duubatti deebinee yemmuu ilaalluttinnoo El Niinoon bara faranjootaa 2023 fi 2024 keessa roobni osoo hin roobiin akka turu taasiseera akkasumas lolaa hamaas qaqqabsiisera.

El Niinoon

El Niinoon hoo'a bishaan gubbaafi haala bubbee bahaa fi giddugala Garba Paasifik irratti jijjiiramni yemmuu uumamutti mudatudha.

Hoo'i digiri seelshiyeesii 0.5 ol ta'e yemmuu uumamu haalawwan qilleensaa naannoo mudhii lafaarratti jijjiiramni ni uumama.

Dandeettii kallattii bubbee fi haala qilleensaa jiidha qabuu jijjiiruus ni qaba.

Dameen OCHA Itoophiyaa keessaa akka jedhuttis gogiinsa laggeenfi boollawwan bishaanii akkasumas oyiruu kutaalee biyyattii tokko tokkotti mul'atuufis sababadha.

Naannolee biroottimmoo roobni cimaafi lolaan tasaa manneen irratti miidhaa geesisuun cinatti loowwanis ni nyaata.

Roobni akka malee yoo roobe yookin immoo roobni muraasni qofti yoo roobes bishaan dhugaatii argachuun rakkisaa ta'a, loowwan ni du'u, jiraattonnis qe'ee isaanii dhiisanii godaanuuf ni dirqamu, midhaan faca'e ni goga, wabiin nyaataas balaa keessa seena.

Gama biraatiin El Niinoon itti aanu "cimaa" ta'uu akka danda'u raagawwan agarsiisu. Yaaddoon guutuu addunyaatti dhiibbaa qaqqabsiisuu danda'a jedhus ni jira.