Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa guddoo Sa'uudii - Riyaad keessatti maaltu muudate?
Haleellaa gareen hidhattoota Huutii Yaman Sa'uud Arabiyaa irratti raawwachaa jiran hammaachaa dhufuun, magaalaa guddoo biyyattii Riyad keessatti sagaleen yeroo balaa dhaga'ameera.
Erga Huutii fi Sa'udiin wal haleeluu eegalanii akeekkachiifni haleellaa qilleensaa magaalitti keessatti dhaga'amuun kun kan jalqabaati.
Sagalee Akeekkachiisaa kana booda mootummaan Sa'uudii balaa sun akka darbe ibsee jiraattonni akka tasgabbaa'an gaafateera.
Haa ta'u malee, jiraattonni bakka tokkootti walitti qabamuu irraa akka of qusatan waamicha dhiyeessera.
Akka miidiyaaleen jedhanitti magaalichatti dho'iinsi gurguddaan lama dhaga'ameera.
Gaazexeessitoonni Rooyitersi fi AFP Riyaad irraa akka gabaasanitti dhoyiinsi dhaga'ame kun haleellaa raawwatame ta'uu himu.
Sagaleen akeekkachiisaa Jimaata galgalaa fi Sanbata ganamallee irra dedeebiin dhaga'ama.
Kunis yeroo Huutin haleellaa Sa'uud Arabiyaa irratti raawwatan cimsanii itti fufanitti ta'e.
Gareen Huutii Yaman keessa jiran, kan Iraaniin deeggaraman, ji'a Adoolessaa irraa eegalee Sa'uud Arabiyaa irratti haleellaa banuu eegalan.
Dooniiwwan Sa'udii irras "qoqqobbii kaa'e" jechuun imala galaanaa isaanii daangessaa fi haleelaa turan.
Haleellaan kun haaloo tarkaanfiiwwan Sa'uudiin buufata doonii fi buufata xiyyaaraa naannoo loltootni Huutii to'atan irratti fudhatteef deebii kennamaa jiru jedhu Gareen Huutii
Gareen kun yeroo dhiyoo asitti qubsuma isaanii babal'ifachuun magaalaa buufataa tarsiimoo taate Mokhaa fi odoola Perim to'achuun isaaniis gabaafameera.
Bakki kun ulaa galaanaa Bab al-Mandab jedhamu, kan daldala addunyaa fi geejjiba dooniiwwaniif baay'ee barbaachisaa ta'etti dhihoo kan jiruudha.
Biyyoota gurguddotti iyyachuu Sa'uudii
Torban darbe gareen hidhattoota Huutii kun buufataalee fi dhaabbilee boba'aa Sa'uud Arabiyaa irratti diroonii fi misaa'ela fayyadamuun haleellaa raawwachuu isaanii beeksisan.
Haleellaa kanaanis ibiddi qabatee hojiin dhaabbilee boba'aa tokko tokko yeroo muraasaaf dhaabbachuun gabaafameera.
Haleellaan dhaabbilee boba'aa irratti raawwatame kun gabaa dhiyeessii boba'aa addunyaa irrattis dhiibbaa uumuu jalqabeera.
Gatiin boba'aa, kan akka petiroolii fi diizilii, biyyoota hedduu keessatti torban dhiyoo asitti akka malee dabalaa jira.
Kunis rakkoo karaa galaanaa Hormuz cufamuu fi daangaa geejjibaa boba'aa irratti uumameen duraanuu gatiin boba'aa olka'ee turetti dabalamuun yaaddoo cimaa ta'eera.
Mootii Saawud Arabiyaa, Mahaammad bin Salman, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp garee Huutii irratti tarkaanfii waraanaa akka fudhatan gaafachuu isaanii maddoonni lama CBS News'tti himaniiru.
Haa ta'u malee, Tiraamp hanga ammaatti humni waraanaa Ameerikaa kallattiin haleellaa Huutii Yaman irratti akka hirmaatu hin murteessine.
Maddoonni kun akka jedhanitti, Ameerikaan Sa'uudii odeeffannoo basaasa fi bakka haleellaa irratti gargaarsa kennuuf qophii ta'uu ibsite.
Qondaalli olaanaan mootummaa Tiraamp BBC'tti akka himanitti "Nageenya naannoo mirkaneessuuf Sa'uudi fi mootummaa Yaman waliin yeroo hunda marii keessa jirra," jedhe.
Kana malees Saa'udiin iyyata wal fakkaataa Chaayinaatti dhiyeeffatteerti. Chaayinaanis iyyata Sa'uudii erga dhageessee booda Iraan akka sochii Huutii dhaabsistu gaafachuu Rooyitarsi gabaasera.
Paakistaan ammoo ,haleellaan biyya michuu ishee Sa'uud Arabiyaa irratti yeroo raawwatamu calliftee akk hin ilaalleefi "tarkaanfii barbaachisu kamiyyuu kan dippiloomaasiis ta'ee waraanaa fudhachuuf kan dubatti hin jenne" jta'uu akeekkachiifterti..
Gareen Huutii maal jedhu?
Loltootni Huutii haleellaa isaanii tarkaanfii Sa'uudiin fudhatteef deebii kennuuf akka ta'e ibsu.
Hogganaan waraanaa Huutii Yahya Saaree torban kana akka jedhanitti, Huutiin Sa'uudii irratti diroonii fi misaa'ela hedduu erguun haleellaa raawwatan.
Akka isaan jedhanitti, haleellaan kun deebii haleellaa qilleensaa Sa'uudiin Yaman irratti raawwatteef kennamedha.
Akka isaan jedhanitti Saa'udiin torban tokko keessatti Yaman irratti haleellaa qilleensaa 450 ol raawwatteerti.
Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii torban kana walgahii ariifachiisaa gaggeesse.
Yeroo walgahichaa kanattis mootummaa Yamanii fi Sa'uudii loltoota Huutii irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu gaafataniiru.
Huutiin karaa galaanaa Bab al-Mandab irratti geejjiba doonii daangessuun dhiibbaa dinagdee uumuu yaalaa jiru jechuunis himatan.
Miseensonni Mana Maree Nageenyaa, dooniiwwan daldalaa karaa Galaana Diimaa akka bilisaan socho'an eeguun barbaachisaa ta'uu irratti walii galaniiru.
Sababni isaas, rakkoon karaa galaanaa kana irratti uumamu dhiyeessii fi daldala addunyaa irratti dhiibbaa cimaa uuma.
Yaman keessatti waraanni mootummaa Yaman kan Saa'uudiin deeggaramuu fi Huutii Iraaniin deeggaramu gidduutti waggaa dheeraaf itti fufeera.
Waraanni kun bara 2014 keessa jalqabe. Yeroo sanatti Huuiin mootummaa aangoo irraa buusuun magaalaa guddoo biyyattii Sanaa to'atan.
Bara 2015 keessa Sa'uud Arabiyaa fi biyyoonni Arabaa biroon mootummaan Yaman deebi'ee aangoo akka qabatuuf waraana keessa seenuun walitti bu'iinsi caalaatti hammaate.
Waraanni kun hanga ammaatti lubbuu namoota hedduu galaafateera.
Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti, namoonni miliyoona 22 ol Yaman keessatti gargaarsa namoomaa adda addaa barbaadu.