Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Chaayinaan iyyata Sa'uudii erga dhageessee booda Iraan akka sochii Huutii dhaabsistu gaafatte

Chaayinaan iyyata Sa'uudii Arabiyaa erga dhageessee booda Iraan akka hidhattoonni Huutii tarkaanfii fudhataa jiranirraa of qusatan gochuu qabdi jette. Maddeen Iraan dhimma kanatti dhihoo jiran Chaayinaan dhuunfaadhaan gaaffii kana Tehraaniif dhiheessuu Rooyitarsitti himan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Chaayinaan iyyata Sa'uudii erga dhageessee booda Iraan akka Sochii Huutii dhaabsistu gaafatte

    Chaayinaan iyyata Sa'uudii Arabiyaa erga dhageessee booda Iraan akka hidhattoonni Huutii tarkaanfii fudhataa jiranirraa of qusatan gochuu qabdi jette.

    Maddeen Iraan dhimma kanatti dhihoo jiran Chaayinaan dhuunfaadhaan gaaffii kana Tehraaniif dhiheessuu Rooyitarsitti himan.

    Huutiin Galaana Diimaa irratti to'annoosaa cimsuun dooniiwwan ishee haleeluu hordofee Sa'uudii Arabiyaan Ameerikaarraa deeggarsa gaafattus hin arganne.

    Amma garuu gara Chaayinaa deebi'uun tumsa gaafatteetti.

    Chaayinaan gaaffii Sa'uudiin dhiheessiteef irratti hundaa'uun Iraan akka sochii Huutii daangessitu gaafatteetti.

    Qaamoleen hunduu waraana babal'isuu fi haleellaa raawwachuurraa of qusachuun gara marii dippiloosiitti deebi'uun nageenyi yabala dooniiwwanii akka bakkatti deebi'u gaafatteetti Beejiingi.

    Huutiin ulaa daldala boba'aa Chaayinaa miidhu danda'u ugguruu irraa akka of qusatus akeekkachiisteetti Chaayinaan.

    Kanaaf ammoo Iraan gareen kun gochasaarraa akka of qusatu dhiibbaa uumuu qaba jette.

    Gaaffiin Chaayinaan dhiheessite kun wayita Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii gita isaa kan Chaayinaa Wang Yi waliin Beejiingitti walargan dhihaachuu fi kallattiin mootummaa Chaayinaarraa Iraaniif dhihaachuu wanti barame hin jiru.

  2. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Waraana Huutii Yaman fi Sa'uudii Arabiyaa akkasumas dhimmoota Baha Giddugaleessaa kaanirratti xiyyeeffanna.

    Odeeffannoo biyya keessaa fi addunyaa mara irraa hordofnee karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo tamsaasaa turre asii argattu.

    Odeessaalee keenya Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyarraas ni argattu.