Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattooti Huutii magaalaa guddoo Sa'udi Arabiyaatti misaa'ela dhukaasuu himan
Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman magaalaa guddoo Sa'udi Arabiyaa Riyaaditti dirooniifi misaa'ela baalistikii dhukaasuu dubbatan.
Akkasumas, wiirtuuwwan anniisaa biyyattii qarqara Galaana Diimaa jiranitti dhukaasuullee himan.
Aangawoonni Sa'udi Arabiyaa misaa'ela baalistikii gaafa Sambataa itti dhukaafame qolachuu beeksisaniiru.
Haa ta'u malee, miidhaan yoo dhaqqabe jiraates ta'e haleellaan biraa yoo raawwateera ta'e waan dubbatan hin qaban.
Aarri jabaa buufatawwan boba'aa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa magaalaa guddoo Sa'udii argamu biratti samiitti yeroo ol bahu mul'ateera.
Sababa kanaan gaafa Sambataa balaliin yeroof danqamee ture.
Erga hidhattoonni Huutii Adoolessa keessa Sa'udii irratti haleellaa jabeessanii yeroo jalqabaaf sagaleen akeekkachiiftuu Riiyaad keessatti dhagahameera.
''Baay'ee nama sodaachisa. Ani kana hin eegne,'' jedhan jiraataan magaalaa Riyaad AFP'tti dubbatan.
Dubbii Himaan tumsa Sa'udiin durfamu ibsa baasaniin magaalota Biish, Tayiif, Farasan fi Yanbuutti ''yaaliin diinaa lammiilee nagaa irratti qiyyaafachuuf'' yaadame ittisni qilleensaa qolachuu himan.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa lammiileen Ameerikaa biyyoota Giddugala Bahaa jiran ''of eegganno akka godhaniifi balalii hanqamuu maluuf akka of qopheessan'' dhaame.
Ibsa isaa keessatti ''walitti bu'iinsi waraanaa saffisaan hammaachuu'' danda'a jedheera.
Dabaluunis, lammiileen Ameerikaa gara naannichaa imaluus ta'e naannicha keessatti imaluu irra deebiin akka yaadan cimsee akeekachiise.
Gama kaaniin, dubbii himaan hidhattoota Huutii Yaahiyaa al - Saariyaa bakkeewwan Sa'udii 'ijoo' ta'an irratti ''misaa'ela baalistikiifi kiruuzii baay'ee fi diroonii'' dhukaasuu isaanii himan.
Ibsa onlaayinii maxxane irratti akka ibsametti, hidhattoonni Huutii Riyaad fi wiirtuuwwan boba'aa qarqara Galaana Diimaa argamaniifi kan dhaabbata mootummaa Sa'udi Arabiyaa, Araamkoo, irratti xiyyeeffachuu ibsan.
Kayyoon haleellaa kanaas, 'gocha diinummaa Sa'udii' magaalaa guddoo Yaman kan yeroo ammaa hidhattoota Huutii jala jirtuurratti xiyyeeffachuu isaaniiti jedhan.
Saariyaan torban darbe kana keessa Sa'udi Arabiyaan haleellaa 300 Yaman keessatti raawwatte jechuun himatanii turan.
Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman mootummaa Yaman beekamti idil-addunyaa qabaniifi Sa'udi Arabiyaan deeggaraman waliin lolatti jiru.
Baatiiwwan muraasa darban hidhattoonni Huutii Sa'udi Arabiyaa keessatti haleellaa kan raawwatan yoo ta'u jeettii waraanaa Sa'udiillee Yaman keessa kan kuffisan isaan ta'u dubbataniiru.
AFP'n akka gabaasetti, gaafa Sambataa qofa lola hidhattoota Huutiifi humnoota mootummaa Yaman gidduu adeemeen namoonni 48 lubbuu dhabaniiru.
Hidhattooti Huutii loltoonni isaanii 31 ajjeefamuu yoo himan humnoonni mootummaa immoo miseensota waraanaa 17 jalaa ajjeefamu dubbatan, akka gabaasichaatti.
Lola tibbanaan lakkoofsi namoota nagaa Yamanitti qe'eerraa buqqa'an 104,000 caaluu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gaafa Jimaataa ibseera.
Hidhattoonni Huutii booda kana lola cimsanii magaalota qarqara Galaana Diimaatti argaman kanneen akka Mokaafi Odola Peerim to'ataniiru.
Bakki kun ulaa galaanaa Bab al-Mandab jedhamu, kan daldala addunyaa fi geejjiba dooniiwwaniif baay'ee barbaachisaa ta'etti dhihoo kan jiruudha.