Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Amiish: Hawaasa amantoota Pirootestaantii bilbila, konkolaataafi elektiriikii hin fayyadamne
Ameerikaa daandii baadiyyaa bulchiinsa Pensilvaaniyaa keessatti yoo of argite hawaasa Kiristaana, Pirootestaantii Amiish jedhaman maatii isaanii waliin gaarii yaabbatanii yoo deeman arguu dandeessa.
Hawaasni kuni duubatti hafee miti. Hawaasa adda of baasuu filateedha malee.
Hawaasni Amish jaarraa 18ffaa fi 19ffaa keessa daangaa Siwiizarlaandii fi Jarmanii irraa arii'atamani itti hammaanaan Ameerikaa galan.
Jireenyi isaanii salphaafi hawaasa wiirtuu kan godhateedha.
Yeroo ammaa kana lakkoofsa uummata addunyaa saffisaan guddataa jiru keessaa tokko hawaasa kana.
Sababiin ammoo iddoo tokko turuu isaaniifi maatiin tokko ijoollee jahaa hanga saddeetii godhachuu dha.
Yeroo ammaa kana bulchiinsa Ameerikaa 33 keessatti lakkoofsi isaanii 400,000 ol taheera.
Tahus dhibbeentaa 60 kan tahan bulchiinsa Peensilvaaniyaa keessa jiraatu.
'Ofirra amantii caalsifachuu'
Hawaasa Amiish kana hubachuuf yaada Geelaasanheet jedhu hubachuun barbaachisaa dha.
Geelaasenheet qajeelfama mummee amanataan kanaa yoo tahu ''adeemsa Waaqa gammachiisuun jiraachuun Waaqaaf of kennuu dabalataan abbootii amantii sirrii tahaniif abboomamuudha.''
Addunyaa kaanirraa adda bahanii hawaasa ''jaalala'' qabu keessa jiraachuun karaa fayyinaati jedhanii amanu. Jireenya dhuunfaa guutummaatti lagatu.
Qajeelfamni Geelaasenheet, ''of kennuu, of ganuufi waa hunda fedhii Waaqaatti dhiisuu,'' dabalata. Namoota kaaniif ammoo ''o'uu, qabbana kennuufi hafuura gammachuu qooduu'' fa'a ajaja.
Qajeelfamni kuni hawaasicha keessatti gulantaa dhimma dursi itti kennamu qabu uumeera. ''Waaqnifi hawaasni fedha dhuunfaa dursa.''
Jirenya beekumsaarra, jireenya gaarummaa, dandeettiirra, ogumma; dorgommiirra, kunuunsa hawaasaa; addunyaa ammayyaatti makamuurra adda bahuun yayyaba hawaasni kuni ittiin buluudha.
Seera hin barreefamne Ordaang jedhamus qabu. Hawaasni kuni akka amantaa Kiristaanaa kaanii luba ykn paastarii hin qaban.
Aangoon gidduugalaa jireenya hawaasa kanaa hogganu hin jiru. Akkaataa uffannaa, hojii, teeknolojii, waaqeffannaa kan qajeelchu seera hin barroofne Ordaang jedhamu kanaadha.
Seerri kuni jirrenya karaa ''Waaqaa irraa hin maqne'' jiraachuuf isaan fayyada.
Dhiiroti suufii gurraacha uffatu, areeda maddisaanii guddifatu; dubartoonni qoloo faaya hin qabne uffatanii mataarra haguuggii keewwatu.
Jireenya dhuunfaa jajjabeessa jedhanii waan amananiif suuraa ka'urraas of qusatu.
Manni isaanii golgaa foddaa ykn balbalaa hin qabaatu, faayaanis hin miidhagsani.
''Gadi of qabuufi ajajamuun'' barsiisa Yesuus Kiristoos hordofuuf akka dhama'an ni dubbatu.
Hojiin isaanii maali?
Miseensonni hawaasa kanaa walgargaaru, nama rakkateef waliin birmachuun jireenya waloo jiraatu. Deeggarsa mootummaa hin fudhatan.
Hawaasni kuni Ameerikaa keessatti qonnaan of jiraachisuun beekamu. Isaaniif qotisni hojii miti.
Dacheen waan ''Waaqni uumee isaan immoo akka kunuunsa itti kennametti ilaalu, hojiin kuni isaaniif ayyaantummaadha.''
Waaqni namoonni qilleensa, biyyoofi bineensota waliin nagaafi kunuunsaa jiraachuutti gammada jedhanii amanu.
Haatahu malee yeroo dhihoon as daldala xixiqqoo hojii mukaa, gogaa soofuufi uffata dhahuu fa'a hojjechuutti bobba'aa jiru.
Garuu ammallee hawaasa isaanii keessa hin bahan hojii kana achumatti hojjetu.
Waan jabanni fideefi jireenya salphisu konkolaataa, elektiriikiifi bibila fayyadamuurraa of qusatu.
Teeknolojiiwwan kana kan hin fayyadamne mormii waan irraa qabniif ykn waan hamaadha jedhanii gatii yaadaniif osoo hin taane hawaasicha balleessuu danda'a jedhanii waan amananiifi.
Konkolaataan hawaasa iddoo garagaraatti adda facaasuu danda'a, bibilli sa'atii kadhanna danqauu danda'a, TV'n addunyaa isa ala jiru itti seensisuu mala.
Kanaaf murtoon teeknolojii lagachuu kuni qajeelfama amantii osoo hin taane sababa qabatamaan kan deeggarameedha.
Jenereetariin boba'aan hojjetu kan maashina mukaafi sibiila kutu sochoosuuf fayyadamuun ni eeyyamama.
Elektiriikii alaa mukarraa harkifamee galu fayyadamuun cirumaa hin eeyyamamu.
Gaarii fardaan harkifamuun haa socho'aniyyuu malee konkolaataa nama alaan oofamu keessa taa'anii deemuu hin dhorkaman.
Nama alaa 'Ingilish' jedhu
Nama hawaasa isaaniin ala jiru Ingilish jechuun waamu. Jarri kuni adda bahanii haa jiraataniyyuu malee namoota ala jiran waliin hariiroo qabu.
Haa tahu malee miseensa isaanii alatti nama jiru waliin gaa'ela hin dhaaban, miseensa isaanii keessaa takkaa wal fuunaan wal hin hiikan.
Warri Amiish kuni mana keessatti afaan Jarmanii loqoda Peensilvaaniyaa Daach jedhamu dubbatu, waaqeffannaadhaaf afaan Jarmanii waalta'aa fayyadamu, namoota alaa waliin ammoo afaan Ingiliizii dubbatu.
Ijoolleen isaanii daree tokko keessatti hamma waggaa14 kutaa saddeet gahanitti qofa barnoota idilee baratu. Achiin booda qabatamaan qonna dabalatee hojii hojjechaati baratu.
Hawaasichi hojii teeknikaa caalaa hubannoofi ogummaaf dursa kenna.
Ijoolleen isaanii ganna 16tti gulantaa Raamspiriingaa jedhamurra gahu-''qe'ee keessa burraaqu''
Yeroon kuni yeroo bilisummaa, osoo gara ittigaafatamummaa ga'eessaatti hin ce'iin dabarsani dha. Namoota hawaasa isaaniin ala jiran waliinis walarguu danda'u.
Yeroo kanatti ijoolleen kunneen sirna cuuphaa raawwchuu barbaadu yoo taheef yerootti murteessani dha. Kanneen dhibbeentaa 90 tahan garuu cuuphamuuf murteessu.
Namni hawaasa Amish keessatti guddate otoo hin cuuphamiin dura yoo hawaasichatti makamuu dide hin adabamu.
Miseensonni murtoo kana fudhatan dhihoodhuma hawaasichaa jiraachuun hariiroo ni uummatu.
Sababa naamusa cimaa hordofaniin hokkora gosa kamirraayyuu of qusatu, loltummaan waraana hin dhaqan, qawwee hin qabatan, jecha aarii hin fayyadaman, dhaddachattis hin dhiyaatani.
Hordoftoonni garee amantaa kanaa amantoota haaraa ofitti dabaluudhaaf hin hojjetan. Namni isaaniitti makamuu yoo barbaade rakkisaa tahus itti dabalamuu inuma danda'a.
Warri Amiish hawaasa seera jabaa taheen of bulchuudha. Miseensonni sirna cuuphaa raawwatan seera bataskaanaa hordofuuf dirqama qabu.
Miseensonni seera kanarraa maqan dhiifamaan hamma qalbii jijjiirataniitti miseensota hawaasaa kaanirraa ni qollifatamu.
Akkuma amantoota Kiristaanaa kaanii guyyaa ayyaanaa walfakkaataa kabaju.
Warri Amish gamoo batakaanaa dhaqanii itti waaqeffatan hin qabani. Dabaree naqachuudhaan mana miseensotaa waaqeffannaaf akka tahutti ijraame deemuun sirna amantii isaanii raawwatu.
Lallabni sa'atii sadiif taasifamu gaaf Dilbataa yeroo hunda taasifama, isatti aansuun miseensonni dhangaa waliin qooddatanii nyaatu.
Dilbatuma galgala ammoo dargaggoonni hawaasuma isaanirraa walitti babba'aan faarfachaafi waliin haasa'aa dabarsu.
Tajaajilli sirna foon Yesuus Kiristoos fudhachuu waggaatti al lama adeemsifama.