Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoota Puuntilaand fi waraana mootummaa Somaaliyaa gidduutti lolli cimaan gaggeeffame
Humnoota Puuntlaandifi loltoota mootummaa Somaaliyaa wajjiin hidhata qabu jedhaman gidduutti lolli cimaan dhalachuun gabaafame.
Pirezidaantiin Puuntilaand mootummaan federaalaa Somaaliyaa loltootaafi meeshaa waraanaa bobbaasuun naannicha jeeqaa jira jechuun himatan.
Puuntilaand bulchiinsa Somaaliyaa ofiin of bulchitu yoo taatu, walitti bu'iinsi humnoota federaalaa wajjin waggoota dhiyoo as gaggeeffameen yoo wal-bira qabamu kan ammaa kun hamaadha jedhame.
Walitti bu'iinsa baha biyyattiitti har'a, Roobii, mudateen humnoonni gama lachuu meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamuun wal-haleeluu isaanii namoonni ijaan arganiifi maddeen ibsan.
Gaazexeessaan magaalaa lolli keessatti gaggeeffame, Gaalkaayoo, keessa jiraatu BBCtti akka himetti, walitti bu'iinsa qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffameen yoo xiqqaate namni tokko yoo du'u namoonni lama ammoo miidhameera.
Walitti bu'iinsi kun osoo hin mudatin dura, mootummaan federaalaa Somaaliyaa humna waraanaa bobbaasuun naannicha jeeqaa jira jechuun Pirezidaantiin Puuntilaand Saayid Abdullaahii himatanii turan.
Walitti bu'iinsa booda ammoo humnoonni Puuntilaand bakka mootummaan federaalaa meeshaalee waraanaa itti kuuse to'achuu ibsan Saayid Abdullaahii.
Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad "pirezidaantii barri bulchiinsa isaa dhumate" jechuunis ibsan Pirezidaantiin Puuntilaand.
Saayid Abdullaahii turtii TV naannichaa waliin taasisaniin, mootummaan federaalaa Somaaliyaa humna waraanaafi meeshaa waraanaa gara Puuntilaanditti bobbaase al-Shabaab loluuf itti fayyadamuu qaba ture jechuun qeeqan.
Humnoonni Puuntlaand keessumaa humnoota al-Shabaabifi ISIS bulchiinsicha keessa socho'an waggootaaf lolaa turuun milkii guddaa argachuus ibsan.
"Mootummaan federaalaa meeshaa waraanaa al-Shabaab loluuf oolchuu qabu, lammiilee Somaaliyaa ittiin loluuf itti fayyadamuu dhaabuu qaba," jechuunis akeekkachiisan pirezidaantiin Puuntilaand.