Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan yoo US haleellaa haaraa eegalte biyyoota Galoo Galaanaa haleeluuf doorsiste

Iraan haleellaan US raawwattu biyyoota Galoo Galaanaa haleellaaf saaxila jechuun, biyyoonni kunneen akka Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp karaa marii dippiloomaasiitti deebi'u akka gorsan akeekkachiiste.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan yoo Ameerikaan haleellaa haaraa eegalte biyyoota Baha Giddugaleessaa haleeluuf doorsiste

    Iraan haleellaa US raawwattu kamiyyuu haaloo ba'uuf biyyoota Galoo Galaanaarratti akka xiyyeeffattu doorsiste.

    Biyyoonni Baha Giddugaleessaa yoo akka misoomaawwan bu'uuraa isaanii hin mancaane barbaadan, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gara marii dippiloomaasiitti akka deebi'u gorsuu qabu jechuun Iraan akeekkachiisa dabarsuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Tehraan biyyoota ollaa buufati humna waraanaa US keessatti argamu haleeluun Ameerikaa haaloo ba'uurratti xiyyeeffattee akka hojjettu ibsiteetti.

    Aanga'oonni fi dippiloomaatonni olaanoon Iraan erga walga'anii mari'atanii booda akeekkachiisa kana kennan.

    Kunis akeekkachiisa Tiraamp gaafa Adoolessa 28, 2026 ''haleellaa laalessaa'' Iraan irratti raawwachuuf dhaadatee booda.

    Tiraamp karoora Iraan haleeluuf qabate haquun, marii haaraan Wiixata darberraa gaggeeffamaa jiraachuu ibse.

    Mariif carraa kan kenneefis gaaffii Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoonni Baha Giddugaleessaa kaan dhiheessanirraa ka'uun akka ta'e ibse.

    Akka Tiraamp ibsetti biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleellaa raawwatuuf deemuun yaadda'uun akka mariin eegalamu gaafataniiru.

    Iraan garuu mariin US waliin eegalte akka hin jirre ibsite.

    Rooyitarsi aanga'oota olaanoo Iraan lama, aanga'oota Galoo Galaanaa lamaa fi dippiloomaatii naannawa kanaa tokko gaafachuun akka gabaasetti Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii gitasaanii kan Sa'uudii, Turkii fi Qataar akkasumas hoogganaa waraanaa Paakistaan waliin dubbataniiru.

    Maddeen kun dhimmicharratti sodaa waan qabaniif eenyummaasaanii dhoksuun Rooyitarsiif odeeffannoo kennan.

    Akka gabaasa Rooyitarsitti Araagchiin biyyoonni Galoo Galaanaa michuuwwan Ameerikaa ta'an yoo ofiif jedhan Tiraamp akka haleellaa haaraa hin ajajne itti himuu qabu jedhan.

    Sababni isaa haleellaan US raawwattu kamuu ''akka biyyoonni Baha Giddugaleessaa haleelaman sababa ta'a waan ta'eef,'' jedhan.

  2. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Iraan yoo Ameerikaan haleellaa bante biyyoota Baha Giddugaleessaa haleeluuf doorsisteetti.

    Dhimma Ulaa Hormuuz irrattis Omaan waliin marii bu'a qabeessatti jiraachuu ibsiteetti.

    Dhimma waraana Baha Giddugaleessaa fi taateewwan addunyaarratti mudatan karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaa kallattii duraan ture asii argattu.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp argachuu dandeessu.