Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Balaa Ispeenitti godaantota mudate booda Gamtaan Awurooppaa eegumsi daangaa akka cimu waamicha dhiheesse

Godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman Morookoo irraa gara daangaa Ispeen, Sewuutaa wayita ce'an balaa mudate hordofee Gamtaan Awurooppaa biyyoonni hundi eegumsa daangaarratti gamtaa'uu qabu jechuun dhaame.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp mariin ammaa kun Iraan ''sanada bareedaa akka mallatteessituuf carraa dhumaati,'' jedhe

    Iraan waliin mariin eegalameera jechuun ejjennoosaatti cichee kan jiru Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp, mariin amma taasifamu Iraan ''sanada bareedaa mallatteessuuf carraa isa dhumaati,'' jedhe.

    Iraan gamasheen isa Tiraamp mariin Iraan wajjin waraana dhaabuurratti xiyyeeffate Wiixata kaleessaa eegala jechuun ibsee ture dhugaa akka hin taane ibsiteetti.

    Ulaa Hormuuz irratti imala eegalchiisuuf daandii yeroof adda ba'e fayyadamuu ilaalchisee, Iraan biyya waliin ulaa galaanaa kana qoodddattu, Omaan waliin marii eegaluu ibsiteetti.

    Iraan erga Tiraamp karoora haleellaa cimaa Iraan irratti raawwachuuf qabate haquun, Iraan waliin mariitti seenuuf akka jedhu ibsee booda.

    Tiraamp marii haaraa kanarratti eenyu akka hirmaatu akkasumas eessatti akka gaggeeffamu hin ibsine.

    Iraan garuu Ameerikaa waliin mariitti akka hin jirree fi mari'achuufis karoora akka hin qabne ibsite.

    Iraan marii kana keessatti hirmaannaa akka hin qabne ibsuun Pirezidant Tiraampiin mufachiiseera.

    Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti barreesse keessatti aanga'oonni Iraan ''namoota hin amanamne, sobdoota,'' jechuun arrabse.

    Turtii gaazexeessitoota Waayit Haawus waliin taasiseenis mariin haaraan gaggeeffamaa jira jechuun ejjennoosaatti ciche.

    ''Osoo mari'ataa hin jirru ta'ee 'mari'ataa hin jirrun' isiniin jedha. Amma garuu mari'ataa jirra,'' jedhe Tiraamp.

    Tiraamp haleellaa Iraan irratti karoorse haquun marii eegaluu kan murteesseef gaaffii Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Arabaa kaaniin ta'uu ibse.

  2. Godaantotaan walqabatee taatee Ispeenitti mudate booda Gamtaan Awurooppaa eegumsi daangaa akka cimu akeekkachiise

    Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen, erga torbee darbe godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman Morookoo irraan gara daangaa Ispeen ce'anii booda, eegumsa daangaarratti biyyoonni Awurooppaa gamtaan tarkaanfii fudhachuu akka qaban waamicha dhiheessan.

    Ispeen godaantonni 69,500 ta'an gara Morookootti deebifamuu ibsite.

    Lakkoofsi godaantota balaa kanaan daangaa Ispeen keessatti du'anii 72, kan Morookoo keessatti du'an ammoo 11 ga'eera.

    Ministiroonni dhimma biyya keessaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa dhimma kanarratti har'a mari'achuuf jedhu.

    Taateen Ispeen, Sewuutaatti mudate dhimma godaantotaa irratti hariiroo biyyoota Gamtaa Awurooppaa 27 danqeera.

    Xaaliyaaniin taatee Sewuutaa mudateef deebii kennuuf jecha waliigaltee imala daangaa malee biyyoota Awurooppaa- Schengen jedhamu kan Ispeen waliin qabdu yeroof haqxe.

    Waliigaltee kanaan yeroo ammaa namoonni miiliyoona 450 caalan fayyadamtoota. Biyyoonni Awurooppaa waliigaltee kana keessatti hammataman 27.

  3. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eegalleerra.

    Odeessaalee biyya keessaa fi addunyaa karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, WhatsApp, Facebook keenyaas argachuu dandeessu.

    Tamsaasa kallattii armaan duraan odeeffannoo dhiheessaa turre asii argattu.