Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Ameerikaan keessatti hirmaachuu feetu
Itoophiyaan Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu Afrikaa keessatti isa guddicha ta'a jedhame dhiheenya magaalaa Bishooftuutti ijaaraa jirti.
Ijaarsa buufata xiyyaaraa kanaafis hanga dolaara biiliyoona 12.5 barbaachisa. Baasiin kuni baasii ijaarsi Hidha Haaromsaa gaafate dachaan ol caala.
Maallaqa ijaarsa kanaaf barbaachisu keessaa dhibbeentaa 30 daandiin qilleensichaa ni danda'a.
"Dhibbeentaan 70 hafemmoo liqaadhaan kan uwwifamu ta'a" jedhan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasaw yeroo ijaarsi eegale.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa kana dura maallaqa ijaarsa buufata kanaaf barbaachisu dhaabbilee garagaraa waliin mari'ataa akka jiru dubbatee ture.
Dhaabbileen garagaraas keessatti qooda fudhachuu akka fedhan ibsaa turan.
Dhaabbileen idil-addunyaa kanneen akka US fi Chaayinaa pirojektii kana keessatti hirmaachuuf irratti wal falmaa jiru, akka gabaasonni himanitti.
Dhaabbileen Chaayinaa ijaarsa pirojektii kana keessatti qooda fudhachuuf dorgomaa jiru.
Afrikaa keessatti invastimantiin qoodashee guddisuu kan barbaaddu Ameerikaanis dhaabbileefi tekinolojiishee gara Itoophiyaa erguu feeti.
Baankiin Misooma Afrikaa ijaarsa buufata kanaaf deeggarsa dolaara miiliyoona 500 dhiheesseera.
Dabalataan, ijaarsuma pirojektii kanaaf kan oolu dolaara biiliyoona 8.7 sochii walitti qabuu akka hoogganu kana dura gabaafameera.
Hojii Gaggeessaan Olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw dhaabbileen maallaqaa Yunaayitid Isteet ijaarsa pirojektii kanaa deeggaruuf fedhii akka qaban kana dura dubbataniiru.
Ameerikaan dhaabbileen ishii ijaarsa buufata xiyyaaraa kana keessatti qooda akka qabaatan sosso'aa akka jirtu dhagahameera.
Simpooziyeemiin Lojistikiifi Kominikeeshinii Afrikaa Finfinneetti torban kana gaggeeffameerratti aangawaan kuni gama intarneetaa ergaa dabarsuutu gabaafame.
Ministir Di'eetaan Ministeera Daldalaa Yunaayitid Isteet damee Afrikaafi Giddugala Bahaa Maark Micheel fedhii US dubbataniiru.
Akka gabaasa Rooyitarsitti, pirojektii Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu keessatti Ameerikaan ''hirmaanna US mirkaneessuuf itti dhiheenyaan'' mari'ataa jirti jedhan.
Aangawaan kuni gosa hirmaannaa dhaabbilee Ameerikaa ifatti dubbachuudhaas baatan aangawoota Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin mari'achuu dubbatan.
Sochiin isaan amma itti jiran kuni ''Xiyyaaronni Booying baay'ee motora [dhaabbata] 'GE Aerospace''' fayyadaman akka godhu akeekan.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ji'oota muraasa dura akka beeksisetti, jeettiiwwan 20 kana dura ajaje dabalataan xiyyaarota Booying 787-9 Diriimlaayinar jedhaman jaha bituuf waliigaleera.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota ammayyaa Boeing 787 jedhaman jaha biroo ajajuu baatii Ebla keessa mirkaneesseera.
Xiyyaaronni kuni imala qilleensaa dhaabbatichi gara biyyoota Afrikaa, US, Awurooppaafi Eeshiyaatti taasisuuf isa gargaara jedhameera.
Waliigalteen kunis Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi dhaabbata Booying gidduutti Ameerikaatti taasifameera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa kana dura xiyyaarota ammayyaa 787 20 ta'an bituuf ajajeera jedha gabaasni Rooyitars.
Waa'ee buufata Bishoofuu
Buufanni xayyaaraa idiladdunyaa kun magaalaa Finfinneerraa km 45 irratti kan argamtu Bishooftutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsi isaa gulantaan jalqabaa yeroo xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 60 simata jedhame.
Ijaarsi Buufata Xayyaaraa Idiladdunyaa Bishooftuu kun guutummaatti gaafa xumuramu, Itoophiyaa qofa osoo hin taane ardiin Afrikaa buufataalee geejjiba qilleensaa filatamoo ta'an keessaa tokko akka ishee taasisu kana dura MM Abiy dubbataniiru.
Rakkoo loojistiksii Itoophiyaa furuuf faayidaa guddaa kan qabu akka ta'es himaniiru.
Dabaluunis, ijaarsi buufata xayyaaraa kun gaafa xumuramu waggaatti imaltoota miliyeena 110 simachuuf dandeettii akka qabaatus himan.
Aangawoonni ijaarsi buufata xiyyaaraa kanaa gaafa xumurame ''Dubaayi Afrikaa'' ni goona jedhanii abdii qabu.
Buufanni xayyaraa kun daldala alaa, tuurizimiifi investimantii akka saffisiisuuf akka itti abdatame Hoji Gaggeessaa Olaanaan Garee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasawu sagantaa jalqabsiisa ijaarsaarratti himaniiru.
Ijaarsi marsaa jalqabaas ALI walakkeessa bara 2022'tti akka xummuramu eegama.
Giddugala balallii biyyattii kan ta'e Buufatni Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee waggaatti imaltoota miliyoona 25 keessummeessu kan danda'u yemmuu ta'u, lakkoofsi imaltootaas bara 2020tti humna buufata xayyaarichaatii ol akka ta'u eegama.
Buufanni Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee hojiilee babal'insaa dabalataa irratti ijaaruuf iddoo akka hin qabne kan himan Masfin Xaasaw, "buufata xayyaaraa haaraafi guddaa magaalaa Finfinneen alatti ijaaruun dirqama ta'eera" jedhan.
Kanaafis buufanni xayyaaraa haaraan kun lafa hektaara 3809 irratti kan ijaaramu akka ta'e himaniiru.
Ijaarsi marsaa jalqabaas tarminaalota 2 kan qabu yemmuu ta'u, iddoo al tokkotti xayyaarota 180 dhaabsisuu danda'us qaba.
Dabalataan tarminaala kaargoo (meeshaalee) waggaatti toonii miliyoona 1.5 keessummeessuu akka qabaatus himaniiru.
Kana malees daandiiwwan saffisaa baaburaafi konkolaataa buufata xayyaarichaa Buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Boolee walin qunnamsiisanis qaama pirojektii kanaati.
Buufatni xiyyaaraa idil-addunyaa kun Bishooftuu naannoo Abbuuseeraa jedhamutti kan ijaaramu yoo ta'u, ijaarsa kanaaf abbootiin qonaan bultoonni 2,500 caalan akka kaafaman Daandiin Qilleensa Itoophiyaa BBCtti himee ture.
Kana dura ilmaan qonnaan bulaa ijaarsa buufata kanaaf buqqa'an BBC'n dubbise komii dhiheessanii turan.