Saayintistii lubbuu baraaruuf osoo yaaluu vaayirasii HIV AIDS addunyaatti fide beektuu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bara 1985 yeroo waraanni Hololaa hoo'aa turetti addunyaan vaayirasii waliinsaa adda hin baaneen hiraara keessa buute.

Vaayirasiin HIV, AIDS akka dhibeetti kan beekame bara 1981, yeroo jaalattoonni saala walfakkaataa infeekshinii fi kaanseriidhaan miidhamaa turanitti.

Gabaasni yeroo sana BBC'n hojjete "haala dhukkubsattoota infeekshinii adda addaatiif saaxiludha.

AIDS madinummaa dhukkubsattootaa daaraa godha. Kanaaf baayyee hamaa ta'e" jedha.

Waggaa hedduun booda ture sababni HIV hamaa akka ta'u godhe HIV(Human Immunodeficiency Virus) ta'uun kan barame.

Yeroo sanatti waa'een dhibee kanaa yaaddoo guddaa uumee biyyootni duula adda addaa labsan.

Garuu Bulgaariyaa, biyya yeroo sana mootummaa Koministiin bultu keessatti haalli suni hin turre.

Angaa'onni biyyattii dhibee kanaaf beekkamtii kennuu didan. Dhibeen kuni dhibee warra 'saala walfakkaataati' Jedhan.

Rakkoo warra lixaatiif dhufe akka ta'es himan. faalla kanaa garuu barattootni biyya alaa iraa dhufan Hospitaalota Bulgaariyaa keessatti du'aa turan.

Ogeessota fayyaa biyyattii keessatti haalan beekamoo ta'an keessaa tokko kan ta'an Dr. Radkaa Argirovaa, inistituutii qorannoo Bulgaariyaa, kan magaala soofiyaa keessa jiru keessa hojjetu.

Ogeessi fayyaa kuni hiriyoota isaanii waliin ta'uun vaayirasoota isaan qorannoo irratti gaggeessan keessaa tokko HIV dha.

Garuu yeroo vaayirasichi beekamutti dhukkubni hamaan inni fidummoo hin beekamne.

Kuni dhimma anga'oonni Bulgaariyaa ifa gochuu hin barbaannedha. Dr Argirovaan garuu qorannoo dabalataa irratti gochuu jaalatan.

Bara 1985 biyya isaaniitii bahuun gara Hambargi, Lixa Jarmaniitti imalan. Konfaransii qorannoo saayinsii irratti qorannoosaanii dhiheessuufi garas kan imalan.

Qorattootaa fi hayyoota hedduutu waltajjii sanarratti hirmaate. Qorataa beekamaa lammii Ameerikaa Dr. Roobeert Galloo, nama dhibee AIDS dhaaf sababni vaayirasii HIV ta'uu ifa godhe dabalatee.

"vaayirasoonni akkanaa salphaatti waan hin faffacaaneef dafee babal'ata jennee hin yaanne ture. garuu suutuma suuta gara kuitaalee addunyaa adda addaatti babal'ate" jedhu Dr. Galloon.

Vaayirasii kanaan duuti olaanaan nimudata jennee hin yaanne ture kan jedhan ogeessi kuni, lakkoofsi namoota vaayirasii kanaaf saaxilamanii akka malee dhukkubsatanii guddachaa deemuu himu.

Guyyaa tokko innii fi Dr. Argirovaan walarganii waliin haasa'an.

Ispeeshaalistii

"Guyyaa sana ani tamboo aarsaan ture. inni gara kiyya dhufee tamboo nagaafate. Eessarraa akkan dhufe erga nagaafateen booda gaaffii 'Bulgaariyaatti haalli AIDS akkami?' jedhee nagaafate."

"Animmoo: Kana sana jedhee sitti himuu hin danda'u sababnisaas waan ittiin qorannu hin qabnu. Kanaaf waa'eesaa homaa hin beeknu. Qorannaa taasisuu qabnan jedheen. Innimmoo 'eeyyee qoradhaa' naan jedhe. Ani deebiseen' eeyyee garuu ani vaayirasicha hin qabun jedheeni" jedhu.

Galloon fala dhahe. Ogeessota michuusaa ta'an warra jarmaniitiin Vaayirasii HIV laaboraatoorii keessatti qopheessanii qodaa hanga bilbila harkaa gahutti saamsanii akka kennaniif godhe.

Guyyaa muraasaan booda Dr. Argirovaan vaayirasicha boorsaa isaaniitti qabatanii Soofiyaattin galan.

"Waaan diimaa wayiiti. Vaayirasichas ta'e seelotasaa arguu hin dandeessu. Akka wayinii diimaati. Meeshaa lama keessa jira. tokko kan vaayirasichaan miidhame tokko kan vaayirasicha hin qabne" jedhu.

Ogeessi fayyaa guyyaa sana saamuda vaayirasichaa ogeettii Bulgaariyaa kanaaf kenne walumaan gara soofiyaa kutaa qorannoo Dr. Argirovaa deeme.

Vaayirasichi teempireechara digirii seelishiyesii 37 keessa akka tursiifamu godhan.

Garuu paartikiloonni HIV kuni imala kana keessaa dandamatanii nagaan gahuu isaanii hin beekne jedha.

"Seelonnii fi Paartikilootni yeroo teempireechara digirii seelishiyesii 37 keessaa bahan ni rakkatu. Imalli ammoo isaaniif hamaadha. Kanaaf jecha inkubeetara keessa seenuu qabu ture" jechuun itti dabalu.

Wixata ganama yeroo ilaalan garuu seelonni HIV kuni nagumaan jiru. baayyee raajaman.

Sanaan booda Bulgaariyaa keessatti oduun vaayirasii hamaan kuni gara biyyaatti seensifameera jedhu mandara hundaa odeeffame.

"Gaazexaawwan irrattis odeeffamaa ture. namni hedduun nisodaatan. Maaliif akka sodaan suni hammas gahe naaf hin galle" jedhu.

Argirovaan tajaajila tikaa irratti waa'ee vaayirasiin kuni Bulgaariyaa seenuu isaatiin gaafatamanii doorsifamanis jiru.

"Namootni dhimma biyya keessaa irraa ta'an guyyaarraa dhufanii Gallon maaliif vaayirasii kana gara biyyaa akka seenuu akka barbaade, karoora maaliitiif akka ta'e nagaafatu. Gaaffiin kuni guyyaa guyyaadhaani. Isa ibsuunuu dadhabbii guddaa natti ta'e" jedhu Dr kun.

Haala kana keessa darbuun dhumarratti hiriyootasaanii waliin sirna qorannoo akka taasisuu danda'aniif heeyyama argatan.

Bara 1986 guutuu biyyattii keessatti wiirtuuwwan qorannoo HIV 28 hundaa'uun lammiileen Bulgaariyaa Miliyoona lama ta'an qorataman.

Dr. Argirovaan Vaayirasii HIV kana boorsaa isaanitiin gara Bulgaariyaa galchanii waggaa afur booda dhima ittisaa fi too'annoo HIV fi AIDS irratti hawaasaaf hubannoo akka kennaniif ergamni itti kenname.

Amma Hospitaala dhuunfaa Bulgaariyaa jiru keessattti ogeessa qorannoo Vaayirasii ta'anii hojjechaa kan jiran yoo ta'u, yeroo weerara dhibee VOVID-19 Eksipertii beekamoo turan.