Gorsaan Tiraamp Ertiraa waliin waan biyyoota ollaa miidhu hin mari'anne, Itoophiyaa waliin michummaa gaarii qabna jedhan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Bulchiinsi Tiraamp dhimmoota nageenya naannoo irratti Itoophiyaa waliin hariiroo dippiloomaasii gaarii uumee hojjechaa jiraachuu qodaalli US himan.

Dhimmoota Arabaa fi Afrikaa ilaallatan irratti gorsaa Pirezidantii US Doonaald Tiraamp kan ta'an Massad Boulos, Ameerikaan dhoksaadhaan Ertiraa waliin mari'achuu fi mariin kunis biyyoota ollaa irratti miidhaa qabaachuu ilaalchisee odeessi ba'e dhara jedhan.

Barreeffama X irratti maxxansaniin ''Bulchiinsi Tiraamp biyyoota akka Itoophiyaa, Masirii fi Ertiraa waliin hariiroo dippiloomaasii cimsuun nageenya mirkaneessuu irratti xiyyeeffatee akka hojjetaa jiru,'' ibsan.

''Ameerikaan marii iccitii Ertiraa waliin gaggeessuun biyyoota ollaa kaan miidhaa jirti himannaan jedhu soba,'' jedhan gorsaan Tiraamp kun.

''Waliigalteen akkanaa gonkumaa hin jiru, mariin akkanaas tasumaa gaggeeffamaa hin jiru,'' jedha maxxansi qondaala US kanaa.

Galmi hariiroo dippilomaasii Ameerikaa biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa mirkaneessuu akka ta'es ibsan.

Himannaan sobaa fi odeessi dogoggorsaan akkanaa adeemsa nageenya mirkaneessuu kan gufachiisuudhas jedhan.

''Ibsi dogoggorsaa fi sobaa, himannaan maqa balleessii hariiroo gaarii biyyoota gidduu jiru balleessuuf dhihaatu hundi adeemsa nagaa gufachiisa.''

Gorsaan Tiraamp kun torban duras ministiroota dhimma alaa Masrii, Ertiraafi Somaaliyaa waliin erga mari'atanii torban tokko booda ''Ameerikaan ejjennoo farra Itoophiyaa ta'e tarkaanfachiisaa hin jirtu,'' jechuun dubbatanii turan.

Mariin ministiroota dhimma alaa biyyoota sadeen waliin taasisan ''akka hin taanetti hiikamee gabaafameera'' jechuun X irratti barreessan.

Qondaalli US kun Ministira Dhimma Alaa Ertiraa Osmaan Saalah, Ministira Dhimma Alaa Masrii Baadir Abdallaatii akkasumas Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Abdisaalaam Abdi Alii waliin Kaayirootti qofa qofaan waa'ee ''nageenyaafi tasgabbii'' Gaanfa Afrikaa mari'achuu isaanii yeroos ibsanii turan.

Tibba sana ministiroonni dhimma alaa Masriifi Ertiraa Kaayirootti erga wal argan booda dhimmi ''nageenyaafi bulchiinsa Galaana Diimaa biyyoota qarqara galaanichaa jiran qofa'' ilaallata jechuun gaaffii Itoophiyaan ulaa galaanaarratti kaafte irratti ejjennoo isaanii ibsanii turan.

Kana hordofee qondaalli US kun aangawoota kanneen waliin wal arguu isaani eeruun mariin kuni ''faallaa Itoophiyaa'' taasifame gabaasonni jedhan dhagahameera.

Haa ta'u malee, gorsaan olaanaa Pirezidant Tiraamp ergaa X gubbaa kataban irratti gabaasonni kuni ''sobaafi dogongorsiisaa'' jechuun dippilomasii Ameerikaa ''haala sirrii hin taanen'' dhiheessaniiru jedhaniiru.

Ameerikaan ''Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaatti akkasumas biyyoota hunda Galaana Diimaafi naannichatti argaman waliin dhimma waloorratti'' akka hojjetu ibsaniiru.

Kanaanis, hariiroon michuu biyya naannicha keessa jirtu tokko waliin taasifamu kaan waliin faallaa dhaabachuu akka hin taane ibsaniiru.