Rokkeettiin 'SpaceX' addeessatti bu'uuf imalaa jiraachuun yaaddoo uume

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qaamni rokkeettii 'SpaxX Falcon' jedhamuu cabuun galgala kana ji'a ykn adeessatti bu'uuf jedha.

Qaamni rokkeettii kanaa gara Kaaba ji'a ykn adeessa irraa naannoo Haroo Enistaayin ykn Einstein Crater jedhamtu qarqaraan ji'atti rukutama jedhan ogeessonni.

Qaamni rokkeettichaa ji'a ykn addeessatti bu'uuf deemu kun isa gara olii yoo tahu durumayyuu gara lafaatti hin deebi'u ture.

Qaamni rokkeettii gara olii kun guddinni isaa hanga gamoo darbii shanii qaba. Ulfaatinni isaa ammoo 4,000kg taha.

Qaamni rokkeettichaa kun sekendii tokko keessatti kiiloo Meetira 2.43 imalaa jira.

Rokkeettiin kun ji'oota 18 tahaniif hawaa keessa naanna'aa ture.

NASA'n qaamni rokkeettii 'SpaceX Falcon' jedhamuu kun ''lafa irratti balaa fidu hin qabu'' jedhe.

Garuu miidhaa fi dhiibbaa inni fiduu malu qorannoo saayinsii fuulduraaf akka hordofu ibse.

Waan hin beekamne:

Haroon Enistaayin bal'ina hanga km 180 qaba. Kanaaf rokkeettiin kun bakka kam irra akka bu'u hin beeknu.

Dhohinsi uumamus hagam guddaadha kan jedhu hin beekamu.

Satalaayitiin Ji'aa aduu torban tokkoo keessatti karaa walitti bu'insi kun mudaturra darbiti jedhamee eegama.

Kanaafuu suuraa haroo Enistaayin dhohinsaan dura turee fi isa booda uumame ni kaasti.

Teleskoopponni Ameerikaa, Satalaayitiin Naasaa 'Lunar Reconnaissance Orbiter ' jedhamtuu fi Kan Kooriyaa Kibbaa Danuurii jedhamtu dhohinsaa fi walitti bu'insa rokkeettichaa fi ji'aa kana hordofaa jiru.

Garuu dhohinsaa fi walitti bu'insicha lafa taa'anii suuraa kaasuun akka danda'amu hin beeknu.

Rokkeettiin kaampaanii Elon Maask, Space X Falcon jedhamu kun gara duuba isaa tajaajila biraaf deebi'ee akka hojiirra oolutti hojjetame.

Rokkeettiin kun sadarkaa sadarkaan qoodameeti kan hojjetame. Inni gara duubaa jiru mataa isaa gara hawaatti dhiibuun erga furguggisee booda gara lafaatti deebi'a ykn garba bishaanii keessa bu'a.

Sana booda tajaajila rokkeettii gara hawwaatti erguu biraaf hojiirra oola.

Qaamni isaa gara olii jiru garuu achuma hawaa keessatti hafa. Qaamni amma ji'atti bu'uuf jedhu qaama rokkeettichaa gara mataa isaa jirudha.

Rokkeettiin kun ergama Nasa Amajji 2025'f ture hojiirra kan oole. Falcon 9 jedhamee kan beekamu kun waaggaa darbe meeshaalee qorannoo saayinsiif oolanii fi warra gara ji'aatti imalan qabatee furguggaate.