Isaayyaas Afawarqii waahillan qabsoo isaa waggoota 25'f mana hidhaa hamaa akkamiitti hidhe?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Iraayiroon mana hidhaa dhoksaa qabsaa'onni buleeyyiin Ertiraa keessatti sirni mootummaa heeraa akka hundaa'ufi aangoon ummatatti akka darbu gaafatanfi gaazexeessitoonni dhuunfaa itti hidhamanidha.

Pirezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii ministirootafi hoggantoota waraanaa dabalatee namoota jijjiiramni siyaasaa akka adeemsifamu ifatti gaafatan to'annoo jala oolchuun eessa buuteesaanii erga dhabamsiisanii waggoonni 25 lakka'amaniiru.

Angawoonni maqaa 'G-15' jedhamuun beekaman kunneen qabsoo bilisummaa Ertiraarratti hirmaataniiru. Itti aansees sadarkaa hoggansaa olaanaarra kan turan yemmuu ta'u, biyyattii keessatti jijjiiramni siyaasaa akka taasifamuuf ifatti xalayaan erga gaafatanii booda ture ALI Fulbaana 8, 1994 kan hidhaman.

Waa'ee mana hidhaa hamaafi icciitiin qabame kanaa maal beekna?

Iraairoo yookiin Ilaairoon mana hidhaa hamaa, hoo'a olaanaa qabufi godina Galaana Diimaa Kaabaa keessatti argamu yemmuu ta'u, naannoon kun gammoojjummaasaan beekama.

Iraairoon bara 2002 irraa eegalee tarree maqaa manneen hidhaa Ertiraatti dabalamus yeroo qabsoo bilisummaatti iddoo tursiisa 'Awuhitat' jedhamuun waamama ture.

Gaaga'amni biyyattii keessaa hammaachuu kan eegales qabiinsafi adeemsa waraana Itiyoo-Ertitaa bara 1998-2000'tti adeemsifame ilaalchisee angawoonni biyyattii komii kaasuusaaniifi pirezidaant Isaayyaasis gaafiisaanii kufaa gochuusaanii hordofuun ture.

Sababa kanaanis hoggantoota waraanaafi siyaasaa biyyattii gidduutti wal gaarreffannaan uumamee ture jechuun gaazexeessaafi barreessaan lammii Ameerikaa Daan Koonel dubbataniiru.

Gaafileen ijoon angawoonni hidhaaf saaxilaman kunneen gaafatanis manneen mareefi Koreen giddugaleessaa dhaabbatichaa yeroonsaanii darbe walgahii akka taa'an, heerri sababa waraana daangaan hojiirra osoo hinoolin ture hojiirra akka oolu, ce'umsi aangoo ummataa akka taasifamufi itti gaafatamummaa yaa mirkanaa'u kunneen jedhan turan.

Waqtii sanatti waraanni Itiyoo-Ertitaa waliigaltee Aljersiin goolabamee, humni nagaa kabachiisaa gidduu kan itti seene ture.

Pirezidaantichis deebii gabaabaa "dogongortaniirtu" jedhu deebisuun gaafii anagawoonni kaasan kufaa godhan.

Dhimmichi hammaachaa erga deemee boodas ALA Fulbaana 18, 2001 wayita addunyaan haleellaa shororkaa Niwyorkitti raawwatamerratti xiyyeeffatee turetti Isaayyas angawootafi gaazexeessitoota gaafii kaasan adamsuu eegalan.

Haaluma kanaan miseensota garichaa 11 akkasumas gaazexeessitoonnifi barreessitoonni 12 mana jireenyaa, iddoo hojiifi daandiirraa guuramanii to'annoo jala oolan.

Miseensonni G-15 jalqaba Embaatikaalaatti kan hidhaman yemmuu ta'u, Waxabajjii 2003 immoo gara mana hidhaa Iraairootti dabarfamuusaanii ragaan sanadaa waqtii sanatti argame agarsiisa.

Iti aansunis gochaalee bilisummaafi birmadummaa biyyattii balaa keessa galchan raawwataniiru, angawoota Itoophiyaa qunnamaniirufi yeroo waraana Itiyoo-Ertitaa bara 1998-2000'tti "gantummaa raawwataniiru" jechuun karaa idilee hintaaneen himataman.

Dabalataan gaazexeessitootaan immoo "gargaarsa biyya alaa argachaa oduuwwan sobaa nageenya biyyaalessaa balaaf saaxilan tamsaasaniiru" jechuun himatan.

Haa ta'u malee mootummaan Ertiraa hanga har'aattuu miseensota G-15fi gaazexeessitoota waggoota 25 dura hidhan kunneen irratti ifatti himata hin hundeessine.

Iraairoon eessatti argama?

Iraairoon godina Galaana Diimaa Kaaba, godina xiqqaa Shi'aab keessa iddoo gammoojjii ta'etti argama.

Manneen hidhaa Ertiraa keessaa eegumsi cimaan kan taasifamuf mana hidhaa kana keessaa hanga ammaatti hidhamaan tokkollee gadi lakkifamee akka hinbeekne himama.

Iddichi tabbawwaniin kan marfamefi callisaa yemmuu ta'u, daandii konkolaataa Gaahtelaay gara Shab geessurraa tilmaamaan fageenya kilomeetira 10 irratti argama.

Iraairoon mudhii lafaarraa gara kaabaatti digirii 15, daqiiqaa 42fi sekondiiwwan 34.3 [15°42'34.4" N], gara bahaattimmoo digirii 38, daqiiqaawwan 57fi sekondiiwwan 28.8 [38°57'28.8"E] irratti argama.

Iraairoon yeroo qabsoo hidhannoo iddoo yeroo jalqabaaf bakki daabboon itti tolfamu itti ijaaramedha.

Kana malees yeroo sanatti mana hidhaa yeroofi waajjira Dhaabbata Adda Bilisummaa Ummata Ertiraa (HLF) akka tures himama.

Iddichi ji'oota Mudde hanga Bitootessaa jiran keessatti rooba muraasa kan argatu ta'us walakkeessa Caamsaatii hanga dhuma Hagayyaatti hoo'a cimaa keessummeessa.

Hoo'i iddoo kanaas hanga digiri seelshiyeesii 45 akka gahu yeroo qabsoo hidhannootti naannichatti jiraachaa kan ture qabsaa'aafi gaazexeessaa Birhaana Gabratinsaa'e gabaasera.

Wantoota waa'ee Iraairoo beeknu

Manni hidhaa kun qe'eewwan garagaraa sadi keessatti kan argaman kutaalee 61 ofkeessaa qaba.

Eegduu mana hidhaa kanaa kan turefi Ertiraadhaa erga baqatee booda bara 2009 miidiyaatti kan dubbate Iyyoob Baahitaa, hidhamtoonni kunneen mana hidhichaa keessa akka turan mirkaneesseera.

Hidhamtoonni kunneen kutaa tokko keessatti qofaasaanii akka turanfi guyyatti sa'aatii tokko qofaaf harkisaanii hidhamee aduu akka qaqqaammatan akka heeyyamamuuf himeera.

Kutaaleen mana hidhichaas maqaa hidhamtootaan kan waamaman osoo hintaanee koodiin lakkoofsaa kennameefii hidhamtoonnis yeroo garagaraatti kutaa tokkoo gara biraatti akka dabarfaman himeera.

Mootummaan Ertiraa ministiroota, ajajoota waraanaafi gaazexeessitoota waggoota 25 dura hidhe kunneen ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoo hinlaanne.

Kutaalee manni hidhichaa qabu 61 keessa hidhamtoonni hagamii akka jiranis wanti beekamu hinjiru.

Iddoon manni hidhichaa itti argamu 'iddoo akkaan dhorkaa ta'e' jedhamee kan labsame ta'uusaatiin miseensota eegumsaan ala qonnaan bultoonni yookiin tiksitoonni kan itti socho'an akka hintaane Baahitaan himeera.

Namoonni kun Iraairootti maalif hidhaman?

Ministira Beeksisaa Ertiraa kan turan gaazexeessaa Birhaanee Gabratinsaa'e- Maanjus, "sababni kunneen sirnicha keessatti murteewwan murteessanfi bulchitootni mana hidhaa iddicha itti filataniif 'namoonni kun lubbuun osoo jiranuu akka dararaman' gochuu yaadameeti" jedhee amana.

Bara 1970moota keessa qabsaa'aa bilisummaa kan turan Mogos Birhaana gama isaaniitin, "gara jabeenyi akkuma jirutti ta'ee namoonni kun yeroo hidhamanitti namoonni tokko tokko karaa kamiinuu gurmaa'anii karaa dhoksaa ta'een isaan miliqsuu waan danda'aniif, iddoo tasa dhufanii dhiyeenyatti bira gahuun hindanda'amne, iddoo fagoofi haalaan eegamuti isaan galche" jechuun tilmaamasaanii dubbataniiru.

Yeroo qabsoo bilisummaatti iddicha haalaan kan beeku Mogos, kaayyoo mana hidhichaa akkana jechuun ibsa, "hoo'ifi gubaan iddoo sana jiru kan uumamni kamiyyuu dandamatuu miti. Kanaafuu namoonni kun achi seenanii jalqabumarraa akka dararamanfi akka du'an irratti murtaa'era".

Iraairoon mana hidhaa tabbawwaniin marfame, dhiibbaa qilleensaa guddaa kan qabu, bubbee kan hinqabne, keessattuu waqtii bonaatti uumamni lubbuu qabu jiraachuuf kan itti rakkatufi iddoo dirqamaan malee fedhiidhaan jiraachuun itti hindanda'amne, akkasumas iddoo eegumsa cimaa gochuuf mijatu akka ta'es himama.