Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhugaamoo soba: Nagaheen sirna walhormaataa miidhuu danda'aa?
Dhugaamoo soba?: Nagaheen sirna walhormaataa miidhuu danda'aa?
Nagaheen mana nyaataa, suuppermarkeetii yookan meeshaa wayii binnee nuuf kennamu dhuguma fayyaa keenya miidhuu danda'aa?
Hedduun keenya erga waa binneen booda nagahee fudhannee kiisha keessa kaa'anna. Kuni waan baratamaa ta'ulleen namoota kaaniif ammoo balaa fayyaa waan fidu.
Tibbana viidiyoowwan 'nagaheen balaa fayyaa namatti fida' jedhu miidiyaa hawaasummaa irratti guddoo qoodamaa jira.
"Nagahee harkaan tuquun carraa dhala godhachuu keessan miidha, wanti kuni jireenya keessan gara balleessa' ergaawwan jedhan ofkeessaa qaba.
Maxxansawwan Tiiktookii 2,500 ta'an sagalee guddoo qoodame kan 'Tasumaa nagahee hin tuqu' jedhuun dabalamanii maxxanfamaniiru.
Yaanni kuni Poodkaastii guutuu addunyaatti namoota miliyoonaan lakkaa'amuun daawwatamu tokkorrattis ajandaansaa keessummaa tokkoon ka'ee ture.
Maxxxansawwan kuni akka jedhanitti, nagahee harkaan qabuun carraa dhala godhachuu miidha, fayyaa Hormoonii fi Testostirooniilleen xiqqeessa.
Garuu waraqawwan kana maaliif yaaddoon kuni irratti ka'e?
Ka'umsi yaaddoo kanaa waraqaa nagaheen ittiin maxxansamuu fi qolli gubbaasaa kan ittiin uwwifamu 'Bisfonel A ykn BPA' jedhamantu sababa.
Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti, BPA kuni keemikaala jeeqama hoormoonii fi carraa dhala godhachuu gadi aanaa hordofsiisuu danda'udha.
Saayintistoonni BBCtti dubbatan garuu daldaltoonni yaada Kanaan sodaa keessa galuu akka hin qabne gorsan.
Nagaheewwan keemikaala BPA kan erga bara 1960 kaasee qaruuraawwan bishaanii fi nyaata saamsuuf tajaajilan kessatti hojiirra oolutti dhimma bahu.
Waraqaawwan nagahee kuni keemikaala BPA Kanaan kan haguugamaniif yeroo piriintara keessa maxxanfamanii bahan hoo'ina guddaa keessatti lakoofsifi qubeewwan akka waraqicha irratti akka maxxananii bahaniif gargaara.
Garuu laaboraatoorii keessatti qorannoo tiishuu namaa irratti taasifamurratti BPA kuni omishama Testostiroonii akka xiqqeessu agarsiiseera.
Qorannoowwan biroo ammoo yeroo gadaamessa keessa jiran qabiyyeewwan kanaaf saaxilamuun, hanqina walhormaataa dhiirotaa irratti mudatu waliin hidhata akka qabu ifoomse.
Hospotaala Hamersmiiz London irraa Piroofeesar Chana Jayasena akka jedhanitti ammoo, kilinika keessatti lakkoofsi namoota qaama walhormaataa yaalamuuf dhufanii dabalaa dhufuun BPA waliin walqabata jedhu.
"Cimdiiwwan yeroo hedduu waa'ee fayyaa gamhundaa isaanii yaaddoo qabu. kuni omishoota pilaastikaa ofirraa fageessuu dabalata" jedhan.
Piroofeesarri kunis yaada keemikaalonni akka BPA dhala godhachuurratti dhiibbaa uumuu danda'u jedhu kanatti waliigalu.
Kanas ta'ee garuu, qorannoowwan kuni ammallee gaaffilee hin deebine qaba. Fakkeenyaaf namni tokko keemikaala BPA kanaaf hangam yoo saaxilame miidhama kan jedhu.
"dhugaan qabatamaan gama kiyyaan himu yoo jiraate rakkoo fayyaa qabatamaadhaan akka fidani" jedhu.
Keemikaalli BPA kuni meeshaalee guyyuurraa fayyadamnu akka qaruuraawwan bishaanii, burcuqqoo pilaastikaa fi meeshaalee nyaatni ittiin saamsamu fa'a keessatti.
Waa'ee keemikaala BPA nagahee keessatti argamuu qorannoon maal jedhe?
Qorannoon bara 2014 taasifame tokko akka akeeketti, carraan keemikaalli BPA kuni gara qaama namaatti seenuu nagahee harkaan qabachuurraa jiraachuu mala.
Garuu dhimmi ijoon keemikaalichi gara qaama namaa seenuu miti; hangamtu kan jeedhudha jedhu Yunvarsiitii Meelborn irraa piroofeesarri Keemistirii Oliver Joons.
Kana yeroo ibsan alkoolii waliin walbira qabuuni. "yoo daadhii wayinii burcuqqoo tokko dhugde baayyee sitti hin dhagahamu ta'a. yoo waggootaaf yeroo hunda daadhii wayinii qaruuraa tokko tokko dhugde garuu miidhaan nidhufa" jedhu.
Akkuma kana keemikaalli BPA nagahee tokkorraa gara qaama keetii dhufu fayyaakee miidhuuf gahaa ta'uu dhiisuu mala jedhan.
Hojjettoonni nagahee muran kanneen guyyaarraa nagahee tuttuqaa oolanhoo?
Jayasenan "Ani kaasheroota rakkoo Kanaan miidhamanii gara kilinikaatti dhufan hin argine" jedhu.
Kanaaf jecha, keemikaalli kuni yeroo hangamiitiifi qabiyyeen hangamii yoo fudhatame fayyaa wlahormaata namaa miidhuu danda'a kan jedhu qorannoo dabalataa akka barbaadu himu.
Gamtaan Awurooppaa fi UK'n nagaheewwan keemikaala BPA qaban kana dhorkanii jiru. Jaappaanii fi Kooriyaanis akkasuma.
Jons akka jedhanitti, iddoowwan nagaheewwan BPA qaban dhorkaman kanatti nagaheewwan 'Bisfoneelii' S yookan BPS' jedhamaniin bakka buufamaniiru. "jarri garuu warruma akka waliiti" jedhu Jons.
"Teeknikaan yoo ilaalamu BPS balaa qaba. Garaagarummaan isaa akka kan BPA kana ragaadhaan hin deeggaramin hafuusaati. Ammallee taanaan balaan karaa kana dhufu gadi aanaadha jedheen amana" jedhan Jons.
Nagahee tuquu dhiisnamoo ofeeggannoon tuqna?
Yoo waan kuni guddoo isin yaaddessaa jiraate saaxilamummaa keessan maloota akka golgaa harkaa fayyadamuun tuquu fi karaa iimeelii nagahee fudhachuu fayaddamuun gaariidha.
"kana gochuun miira sodaa siniif hir'isa yoo ta'e maalif hin yaaltan ?" jedhu Joons.
Dhimmi nagahee fi keemikaala BPA isarratti argamuu kuni sodaa sinitti uumee taanaan ammoo malootni qorannoodhaan adda bahani eeraman jiraachuu himu Jayasenan.
Nyaata meeshaalee pilaastikaatiin yeroo hedduu fayyadamuu dhiisuu, meeshaalee pilaastikaa keessatti nyaata hoo'isuu dhiisuun tarkaanfiiwwan jalqabaa gaarii ta'u.
"yoo dhimma walhormaata keessanii fooyyessuu fi eeguu barbaaddan, wanti guddaan gochuu qabdan tamboo xuuxuu dhaabuudha. Alkoolii too'achuu, sochii qaamaa gochuu fi ulfaatina madaalawaa qabaachuudha" jechuun gorsu.
Wantoonni kallattiidhaan walhormaata keeneya waliin walqabatanii fi gochuu dandeenyu danuudha; nagaheen garuu isaan keessaa tokko miti.