Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp miidiyaalee US- CNN, MS NOW fi Politico Waayit Haawus irraa akka ittisu ibse
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp miidiyaalee gurguddoo US kanneen akka CNN, MS NOW fi Politico hatattamaan Waayit Haawus irraa akka ittisu ibse.
Tarkaanfiin kun Tiraamp ammas miidiyaa waliin qoccolloo keessa jiraachuu mul'isa.
Miidiyaaleen kunneen waa'ee bulchiinsa isaa ''soba ykn uumanii akka gabaasan,'' himachuun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti barreesse Tiraamp.
Kanaafuu dhorkaa kana haaluma salphaan akka raawwatu ibse. Garuu tarkaanfiin kun akkamiin akka raawwatamu hin ibsine.
Hojjettoota miidiyaa kunneenii Waayit Haawus akka hin seenne dhorkuun tarkaanfii kana akka raawwatus hin ibsamne.
CNN battaluma Tiraamp yaada kana dhiheesse ''qoccolloo faallaa seeraa ta'etu walabummaa miidiyaa Ameerikaa irratti raawwatame,'' jechuun deebii kenne.
Tarkaanfiin Tiraamp kun mirgaa fi seera biyyattii qoruunsaa waan oolu miti.
Garuu erguma Tiraamp tarkaanfii kana ibsee boodallee gaazexeessitoonni Politico fi CNN moonaa Waayit Haawus keessa turan.
Gareen CNN Pirezidantii Itti Aanaa JD Vaans waliin sagantaa Iowa irratti hirmaatanii waliinis deebi'an.
''Dhorkaa ykn gidduseentummaa mootummaa malee walaba taanee gabaasuuf mirga qabna,'' jedhe CNN ibsa baaseen.
''Dhorkaan Tiraamp hojiirra oola taanaa mirgi bu'uuraa heera mootummaan labsame sarbameera jechuudha.''
Ibsi Politico irraa kennames walabummaa miidiyaa fi mirga ofii bilisaan ibsachuutti bu'amuu himateera.
Ammas gara fuulduraattis dhimma Waayit Haawus irratti gabaasuu akka itti fufu ibse miidiyaan kun.
''Mirga jalqaba nuuf mirkanaa'e akka daangeffamu ykn ittifamu hin eeyyamnu.''
Duraan maqaa MSNBC jedhamuun kan beekamu MS NOW dhimma kanarratti yaada kennuurraa of qusateera.
Tiraamp wayita tarkaanfii kana labsu akkas jedhe: ''miidiyaan waa'ee Pirezidantii US, Bulchiinsa Tiraamp ykn waa'ee US waliigalatti yoo gabaasan soba ykn uumanii gabaasuurraa of qusachuu qabu. Miidiyaan kaanis ittifamuuf jiru.''
Tiraamp qabiyyee ykn gabaasa rakkoo uume addatti hin eerre.
Tiraamp waa'ee tarkaanfiin kun miidiyaa kaanirrattis itti fufuu wayita gaafatamu, ''kanneen oduu sobaa gabaasan- New York Times, Washington Post,'' jechuun eere.
Pirezidantiin waldaa gaazexeessitoota Waayit Haawus irraa gabaasanii (White House Correspondents' Association) Jacqui Heinrich hojjettoonni isaa wayita moggaatti baafaman ykn alatti dhorkaman callisee akka hin ilaallee fi akka falmuuf ibse.
Miidiyaa Fox News jedhamuuf kan hojjetu Heinrich ''kun sarbamiinsa mirga gaazexeessitootaan oli,'' jedhe.
''Mirga odeeffannoo walabaa fi madaalawaa argachuu lammiilee Ameerikaa kallattiin kan tuquudha,'' jedhe.
Tiraamp erga Amajjii 2025 aangootti deebi'ee miseensota gaazexeessitootaa Waayit Haawus irraa gabaasan hedduu waliin walitti bu'eera.
Tiraamp bulchiinsa isaa marsaa lammaffaa kana keessattis biloogarota konsarvaatiivii ta'an, dhiibbaa uumtotaa fi miidiyaalee biroo gara kutaa pireesii fidera.
Pirezidantichi wayita kana godhu ilaalcha adda addaa ummata Ameerikaa hunda bakka bu'u calaqqisiisuuf ta'uu ibse.
Guraandhala keessa Waayit Haawus puulii pireesii Tiraampiin qaqqabuu ykn argachuu danda'uu fi jaarraa tokkoo oliif Waldaa Gabaastota Waayit Haawusiin hoogganamaa ture to'achuu ibsee ture.
Ji'uma sana keessa bulchiinsichi gaazexeessitootaa fi ogeeyyii suuraa AP iddoowwan seenuun daangeffamaa ta'e kanneen akka Waajjira Oovaal fi Air Force One irraa dhorkaman.
Sababni ijoon ammoo miidiyaan kun ''Galoo Galaanaa Ameerikaa (Gulf of America)'' jechuu dhiisee ''Galoo Galaanaa Meksikoo (Gulf of Mexico)'' jedhe jedhamuun himatameeti.
Miidiyaan kun yerooma sana himata bane, ammallee adeemsa seeraarra jira.
Pirezidant Tiraamp Waayit Haawus, Waajjira Oovaal, Air Force One fi waltajjiiwwan hedduurratti yeroo hedduu gaazexeessitootaan walitti bu'eera.
''Oduu sobaa tamsaasuu fi naamusa dhabuun,'' gaazexeessitootaa fi miidyaalee himata.
Tarkaanfii Tiraamp miidiyaalee irratti fudhachuuf ibse hordofee qaamoleen seeraa fi mirga gaazexeessitootaa akkasumas walabummaa miidiyaaf falman himannaa dhiheessaa jiru.
Yunivarsitii Koolmbiyaatti jaarmiyaan Knight First Amendment Institute jedhamu ''yeroo ammaa manni murtii dhimmoota hedduurratti Tiraamp irratti murteessee jira. Ammas isa kanarraa baratee of qusata jennee abdanna,'' jedhe.
Gareen tajaajila seeraa miidiyaaf kennu- Reporters Committee for Freedom of the Press jedhamu gamasaan ''adeemsi Tiraamp kun guutummaatti faalla heeraa waan ta'eef manni murtii akka karaatti dhaabbatu ni taasisa jennee abdanna,'' jedhe.