Lagannaa hojii dubartootaa dhiiraan qixxee kaffaltii argachuuf sababa tahe

Dubartoota warshaa konkolaataa Ford kaffaltii qixxeef bara 1968tti diddaa hojii taasisan.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Akkuma addunyaatti dubartoonni hojii dhiiraan qixxee hojjetaniif kaffaltii dhiibbeentaa 20'n gadaanu argatu.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti caasaan aangoo dhiirotaafi dubartoota gidduu jiru qixxee tahuu dhabuun, hiyyummaa, qoodamni lecelloo qixxee tahuu dhabuun fa'a hojii walfakkaataaf kaffaltiin walcaalu akka jiraatu godheera.

Walcaalmaa kaffaltii kana dhiphisuun akkuma addunyaatti jijjiirama baayyee tirataa dha.

Dubartoonni fi dhiiroti hojii walfakkaataaf kaffaltii qixxee argachuun qajeelfama akka addunyaatti fudhatama qabu tahus hojiirra oolchuun garuu ammallee danqaa guddaa dha.

Akka gabaasni dhaabbata walcaalmaa kaffaltii dhiirotaafi dubartootaa hordofu Global Gender pay Gap agarsiisutti bara 2025tti garaagarummaan kaffaltii dhiirootaafi dubartootaa Itoophiyaa dhibbeentaa 44 dha.

Haala kanaan bara 2025tti Itoophiyaan akka addunyaatti garaagarumma kaffaltii dhiphaa qabaachuun sadarkaa 75ffaa irra kan jirtu yoo tahu biyyoota Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa 13ffaa irra jirti.

Gama biraan ammoo Itoophiyaan, Saa'udi Arabiyaa, Meeksikoo, Ikuwaadoor fi Baanglaadish waliin biyya diinagdeenshee walqixxuummaa kaffaltii koorniyaa fooyyeessaa jirtu dha.

Biyyoota addunyaa garagaraa keessatti loogii kana qolachuuf dubartoonni seenaa keessatti yeroo garagaraatti fincilaa turan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

UK keessatti seerri kaffaltii qixxee The Equal Pay Act (1970) jedhamu bara 1975tti hojiirra oole.

Seerri kuni hojiirra ooluu waggaa torba dura garuu gareen dubartootaa kutannoo qabanii bu'uura kaa'eera.

Bara 1968 dubartoonni warshaa konkolaataa Foord, teessoo konkolaataaf maashinaan uwwisa hodhan 187 fincilan.

Dhiirota hojii kan isaaniin walfakkaatu hojjetanirraa dhibbeentaa 15 gadaanaa isaanii kaffalamu mormuun lagannaa hojii taasisan.

''Qixxee hojjennee, qixxee nuu kaffalamuu qaba,'' jedhan.

Kana malees qormaata hojii gahumsaan darbuun booda hojjettoota dandeetti qaban jedhamuun beekamtiin akka isaaniif kennamu gaafatan.

Yeroo dubartoonni kunneen hojii lagatan huccuu taa'umsa konkolaataaf tahu hodhanii dhiyeessuun rakkoo waan tureef warshichi hojii dhaabe.

Dhiiroti fincilaa fi lagannaa hojii kanaan dhiibbaan nurra gahe jedhan, dubartoonni qarshii hojii kanarraa argatan waan qananii ittiin bituuf fayyadamu jechuun komachaa turan.

Dubartoonni kunneen garuu galiin isaanii baasii jireenyaa bu'uuraaf akka oolu himuun waan waayelonni isaanii kunneen jedhan morman.

Lagannaan hojii isaan taasisan kuni warshaa konkolaataa Foord maallaqa miiliyoonaan akka dhabuu gochuusaan dhaabbatichi dameesaa UK jiru cufuuf doorsisaa ture.

Lagannaan hojii isaanii kuni akkaan babal'atee waggaa lama booda seerri hojii walfakkaataaf kaffaltii qixxee jedhu biyyattii keessatti hojiirra akka oolu tahe.

Bara 1968 UKtti dubartoota hojii lagachuun kaffaltii qixxeef hiriira bahan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1968 UKtti dubartoota hojii lagachuun kaffaltii qixxeef hiriira bahan

Bara sana dubartiin Ministara Qacarrii Hojjetaa UK turte Baarbraa Kaasil dubartoota warshaa keessaa hojjetan kunneen deeggaruun akkasaan kaaffaltii qixxee argatan deeggarateen.

Kana malees ''hojii qixxeef, kaffaltii qixxee'' dhugoomsuuf seerri akka bahu akka hojjettu waadaa seente.

Bara 1970 Barbaraan seera wixine kana paarlaamaaf dhiyeessite.

Bara 1968, Baarbraa Kaasil (mirgaa) dubartoota maashinirra hojjetan waliin yeroo shayii dhgudu

Madda suuraa, Getty Images

Seerri wixinee kuni maatii warra gonfoo UK irraa beekamtii argachuun bara 1975 dubartoonni fi dhiiroti kaffaltii qixxee akka argatan labsame.

Yeroo seerri kuni bahu saala irratti hundaa'uun loogii gochuunis seeraan dhorkaa taasifame.

Seerri The Equal Pay Act jedhame kuni UK keessatti yeroo jalqabaa dhiirootaafi dubartoonni hojii walfakkaataaf kaffaltii qixxee akka argatan gochuun seera mirga isaaniif kabaja kenne dha.

Haa tahu malee dubartoonni warshaa Foord keessatti qixxee kaffaltii argachuu kan jalqaban waggaa sagal booda bara 1984tti dha.

Hojii lagachuun diddaan dubartoonni kunneen raawwatan dhimma kaffaltii qixxee argachuu guutummaatti hin furre.

Tahus dubartoonni kaffaltii qixxee argachuuf har'allee falmii taasisaniif bu'uura kaa'eera.

Biyyoota addunyaa 10 garaagarummaa kaffaltii dhiiraafi dubartii dhiphisan

Akka gabaasni walcaalmaa kaffaltii dhiirotaafi dubartootaa hordofu Global Gender Gap biyyoota kudhan bara 2026tti kaffaltii qixxeen fooyyee agarsiisan baaseera.

1, Ayiislaand — kaffaltii qixxee %98

Biyyi kuni waggaa 17f walitti aansuun qaawwa garaagarummaa kaffaltii dubartiifi dhiiraa dhiibbeentaa 90 cufte dha.

Seera kaffaltii qixxee ifa tahe qabdi, maatiin yeroo ijoollee godhatan haatis, abbanis boqonna ji'a jahaa argatu. Paarlaamaa keessattis lakkoofsi dubartootaa fi dhiirotaa qixxee tahuuf xiqqoodhuma hanqata.

2, Fiinlaand- kaffaltii qixxee %87.2

Fiinlaandis akkasuma waggaa sadan darbaniif kaffaltii qixxeen sadarkaa lammaffaarra jirti. Biyyi kuni bara 2006 irraa qabee biyyoota afur sadarkaa 1-10 galan keessaati. Hirmaannaan dubartootni barnoota, siyaasaafi hoggansa olaanaa keessatti qaban akkaan olaanaa dha.

3. Noorweey-kaffaltii qixxee % 85.7

Noorweeyis akkuma Fiinlaand waaggaa sadaaffaaf sadarkaa 3ffaa qabattee jirti. Biyyi kuni boordii dhaabota uummataa keessatti lakkoofsi dubartootaa %40 akka tahu dirqama gooteetti.

Kana malees maatiin yeroo ijoollee godhatan boqonnaa kaffaltii qabu kennuun dabalataan daa'imman dhalataniif deeggarsa maallaqaa ni taasifti.

4. Naamibiyaa- kaffaltii qixxee % 84.5

Naamibiyaan sadarkaa 4ffaa qabachuun biyya Afrikaa Saharaan gadi kan jalqabaa taateetti. Milkaa'inni kuni kan dhufe dubartoota paarlaamaa dhiibbaa godhaniin dha. Dubartoonni aangoo ijoo sadarkaa ministeeraa irra jiran akkasumas walqixxummaan barnootaafi fayyaa irra jiru jijjiirama kana fiduu danda'eera.

5. UK- kaffaltii qixxee % 84.2

UK'n isa bara darberraa tokko fooyyeesuun sadarkaa 5ffaa irra jirti. Kunis bu'aa lakkoofsi dubartoota paarlaamaa dabaluu, gita hojii ogummaa gaafatuun dubartoonni guddachaa dhufuu irraati. Tahus ammallee deemeelee saayinsiifi teeknolojii keessatti kaffaltiin qixxee dhimma danqaa qabu tahee itti fufee jira.

6. New Zealand- kaffaltii qixxee % 82.7

Biyyi kuni walitti fufinsaan sadarkaa 10ffaarra kan jirtu yoo tahu ministarri mummee biyyattii duraanii Jaasiindaa Ardeen dubartoonni qabatamaan dhiiraan qixxee akka kaffalamuuf dhiibbaa gochaa turte. Kana malees lakkoofsi dubartootaa paarlaam akka dabaluus haalaan dhiibbaa gochaa turte.

7. Siwiidiin- kaffaltii qixxee % 82.3

Siwiidiin biyyoota bara 2006 irraa qabee hamma har'aatti dhiiraafi dubartiif kaffaltii qixxee kennuun beekamtu dha. Yeroo maatiin ijoollee godhatan haati warraafi abbaan warraa guyya boqonnaa 480 qixxee akka hirmaatan, deeggarsa daa'immanii jabaafi lakkoofsa biyya hojjettoota dubartootaa olaanaa qabdu dha.

8. Awustiraaliyaa- kaffaltii qixxee % 81.9

Awustiraaliyaa sadarkaa kan keessa seenuun barana kan jalqabaati. Biyyattiin jijjiirama kana kan galmeessuu dandeesse fooyya'insa gama barumsa argachuun garaagarummaa dhiirotaafi dubartootaa dhiphisuu dabalataan dubartoonni ministeera tahaniifi hoggansarra jiran dabaluu dha.

9. Jarman- kaffaltii qixxee % 81.7

Jarman sadarkaa kana keess galuuf dhimmi sababa tahe seera kaffaltii qixxee irratti bahe dabalataan dubartoonni boordii dhaabotaa keessatti dhibbeentaa 30 akka qabatan dirqama gochuun booda dha.

10. Ayarlaand- kaffaltii qixxee %81.4%

Biyyoota sadarkaa tokkoo hanga kudhan jiran keessaa Ayarlaand biyya ishee dhumaa yoo taatu barnoota, fayyaa akkasumas lakkoofsa dubartoota siyaasa keessatti hirmaatan dabaluun gama kanaan fooyya'insa akka agarsiistu godheera.