Adam Mahaammad: Weellisaa waltajjii BRICS irratti hojii dippilomaasii guddaa hojjate

Madda suuraa, Adam
Weellisaa Adam Mahaammad, yaa'ii biyyoota BRICS tibbana Hindiitti gaggeefamerratti Itoophiyaa bakka bu'uun hojii aartii agarsiisaa ture.
Yaa'iin BRICS Fulbaana 12–13 bara 2026 guyyoota lamaaf Hindii magalaa Niwu Deelitti gaggeefamaa ture.
Yaa'ii sana irratti Pirezidaantii Raashiyaa Viladmiir Putin fi Pireezidaantii Chaayinaa Shii jiin Piingii dabalatee hoggantootni biyyoota miseensaa gamtichaa fi keessummootni biyyoota adda addaa irraa argaman hirmaataa turan.
Itoophiyaanis miseensa BRICS taatee yaa'ii kana irratti kan hirmaatte yoo ta'u, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmed hooggantoota hirmaatan keessaa isaan tokko.
Sirboota aadaaa Oromoo weellisuun fudhatamummaa guddaa kan argataa jiru weellisaa Adam Mahaammadis waltajjii hoggantootni biyyoota gurguddoo addunyaa argaman kana irratti Itoophiyaa bakka bu'uun hojii artii agarsiise.
Agarsiisi shubbisa aadaa Oromoo Gujii fi haalli uffanna isaa weellisichi waltajjii sana irratti akka xiyyeeffannoo argatu isa taasiseera.
Ofii akkamiin waltajjii sana irratti hojii aartii san dhiyeessuuf filatame? Agarsiisa sanaanis dinqisifannaa akkamii argate?
Dhimma kana irratti BBC'n weellisaa Adam Mahaammad waliin afgaaffii taasiseera.
Adam waltajjii idil addunyaa hoggantootni fi keessummootni biyyoota adda addaa hirmatan akkasii irratti aadaa Itoophiyaa fi Oromoo dhiyeessuun isaa bashannana qofa utuu hin taane hojii dippilomaasii cimaa ta'uu hima.
"Waanti guddaan ani achitti hojjedhe, biyya Itoophiyaa addunyaa duratti beeksisuudha.
Aadaa miidhagaa fi hojii aartii biyyakoo bakka bu'u, haala adda ta'een sammuu hirmaatota addunyaa irra walitti qabaman sana keessa kaa'udha'' jedhe.
Xiyyeeffannoon isaa duudhaa, seenaa fi hojii aartii ummatni Oromoo qabu haala hawwatuun dhiyeessuuf carraaqqii taasise ta'uu dubbata.
Bokkuu fi Kallacha waltajjii BRICS irratti

Madda suuraa, Adam
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
'' Itoophiyaa irraa Anaa fi taphataa meeshaa muuziqaa tokkotu filatame. Biyyoota hundumaarraas akkasuma nama muraasa qofatu filamee gara Hindii deemne.''jedha.
Ministirri aadaa fi Turizimii, Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii akkasumas, Ministirri dhimmi alaa namoota Itoophiyaa bakka bu'anii yoo hirmaatan waan gaarii biyyattiin qabdu dhiyeessuun beeksisuu danda'u jedhan keessaa isa filachuu hime.
Kanaan duras aartistoota sabaaf sablammoota Itoophiyaa irraa bakka bu'an waliin Chaayinaa fi Raashiyaatti agarsiisaa hojii aartii aadaa dhiyeesseera.
Muuxannoon sun ammoo waltajjii kanaaf akka filatamu isa gargaarera.
Gara Hindittis erga imaleen booda, guyyoota saddeetiif garee artistootaa biyyoota adda addaa irraa argaman waliin shaakala taasissa ture.
Yeroon sagantaa bashannaanaaf kenname xiqqaa waan ta'eef aartistootni hundi bakka tokkotti akka dhiyeessan taasifamu hima.
Garee keessattis ta'ee dhuunfan waan biyyii fi ummatni koo qabu haala adda ta'een akkamiin beeksisuu qaba isa jedhu jalqabumarra itti qophaa'aa ture.'' jedha.
Uffannaa fi faaya Abba Gadaa akka Bokkuu fi Kallacha fayyadamuun shubbisa aadaa Oromoo Gujii agarsiisuun gareewwaan artistootaa agarsiissa dhiyeessaa turan keessa kanneen dinqisiifannaa guddaa argatan keessa isa tokko ta'uu hima.
"Bokkuu fi Kallacha qabadhee deemee waltajjiicha irratti agarsiise, mallattoon kabajaa fi eenyummaa kun ammoo miidhagina waltajjii sanaa ture''.
Itoophiyaan sabaafi sablammoota hedduu, akkasumas aadaa fi duudhaa gara garaa of keessaa qabdi.

Madda suuraa, Adam
Akka Adam jedhutti, waltajjii idil-addunyaa irratti Itoophiyaa bakka bu'uun yeroo dhufu, aadaa Oromoo agarsiisuun aadaa ummata tokko qofa beeksisuu osoo hin taane, garaagarummaa fi miidhagina aadaa Itoophiyaa keessa jiru agarsiisuuti.
Carraan sun , namoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan waa'ee aadaa Oromoo akka gaafatan fi akka beekuudhaaf kaka'uumsa godhataniif carraa uumu dubbata.
''Agarsiisa isaa boodallee xiyyeeffannoo miidiyaa akka ture, gaazexeessitoonni fi namootni gara garaa biyyan bakka bu'ee dhufee fi waa'ee aadaa keenyaa na gaggafachaa turan.''
Akka inni jedhutti, kunis carraa aadaa Oromoo namoota hedduu biraan ga'uuf argame keessaa tokko ture.
Aartiin Afaan Addunyaati
Yaa'ii BRICS irratti artistoonni biyyoota gara garaa irraa dhufan hojii aartii fi aadaa isaanii dhiyeessaniiru.
Adam akka jedhutti, agarsiisa artistoota kana keessatti wanti isa dinqisiise tokko muuziqaan afaanota adda addaa gidduu daangaa kan hin qabne ta'uu isaati.
"Meeshaalee aadaa gosa 69 ta'aniin artistoota biyyota hedduu waliin haala wal fakkaatuun yeroo dhiyeessinu, muuziqaan afaan addunyaa ta'uu qabatamaan mul'isa," jechuun Adam ibsa.
Akka isaatti, artistoonni afaanota adda addaa dubbatan, aadaa gara garaa qaban, biyyoota gara garaa irraa dhufan, yeroo waltajjii tokko irratti walitti dhufan muuziqaan isaan walitti hidha.
Akka inni jedhutti, artistoota biyyoota adda addaa waliin walitti dhufuunis muuxannoo haaraa isaaf kenneera.
Carraa argame akkasitti ammoo aadaa Oromoo mul'isuun, biyya isaa beeksisuu fi eenyummaa hawaasa isaa beeksisuuf karaa kan baneef ta'uu dubbateera.

Madda suuraa, MEA
Adam Mahaammad sirboota aadaa Oromoo keessumaa naannawa Oromoo Gujii hojjachuun jaalatamummaa guddaa horataa jira.
Adam, hojii artistii isaa aadaa Oromoo agarsiisuun waltajjii biyya keessaa qofaatti utuu hin daangeffamiin waltajjiwwan idiladdunyaa akkana irratti hojjachuu fi beeksisuuf kaka'umsa gudda akka qabu BBC 'tti dubbate.
Akka inni jedhutti hojii artistii tokkoo hojii aartii qofaa utuu hin taane, hojii aadaa beeksisuu fi dibbiloomaasii gaarii biyyaaf hojjachuuti.
Diplomaasiin yeroo baay'ee marii mootummoota, waliigaltee, daawwannaa hoggantootaa fi walitti dhufeenya biyyootaatiin walqabata.
Garuu aadaanis biyyoota fi uummattoota walitti fiduu keessatti gahee qaba jedha.
Namni waan itti tole gaafa argu, waa'ee aadaa sanaa waa'ee uummata aadaa akkasii qabuu, seenaa fi duudhaa sana akka baran ykn baruuf fedhii godhatan karaa bana jechuun ibse.



















