Haleellaan Sa'uudii fi Huutii waraana Baha Giddugaleessaa hammeessaa jira

Madda suuraa, Reuters
Sa'uudii Arabiyaan xiyyaaraan Yaman irratti wayita haleellaa raawwattu, Huutiin ammoo dirooniiwwan fi misaayeloota magaalota Sa'uudiitti dhukaaseera.
Haleellaan Sa'uudii fi hidhattoota Huutii Yaman gidduutti hammaate kun waraana Baha Giddugaleessaa daran babal'isaa jira.
Haleellaan hammaannaan Ameerikaanis imala gara Sa'uudiitti taasifamu irratti akeekkachiisa cimsiteetti.
Keessattuu hojjettoonni mootummaa daangaa Yamanitti kiilomeetira 32 dhihaatanii akka hin imalle akeekkachiiste.
Qubsuma isaanii daran babal'ifataa kan jiran hidhattoonni Huutii Yaman torbee darberraa eegaluun Sa'uudii fi mootummaa Yamanii Sa'uudiin deeggaramu irratti haleellaa raawwataa jiru.
Magaalaa Sana'aa fi kutaalee kaaba Yaman to'atanii kan jiran Huutiin, allattii kibbaattis socho'uun ulaa Galaana Diimaa akkaan murteessaa ta'e Baab el-Mandab to'ataniiru.
Kanaanis Afrikaatti baayyee dhihaataniiru. Afrikaatti qofa osoo hin taane buufataalee waraanaa biyyoonni humna qaban naannawa kana keessaa qabanittis siqaniiru.
