Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kallattii jireenyaa koo kan jijjiirte haadha manaa kooti'
Addunyaa kubbaa miillaa keessatti Mikeel Arteetaa akka taphataattis akka leenjisaattis beekna, garuu gameessi kubbaa miillaa kun eenyu?
Bara 1999 Baarseloonaatti taphataa pirofeeshinaalaa ta'ee erga kubbaa miillaa eegalee bakki inni ittiin beekamu sarara gidduuti.
Baarseloonaatti akka taphatuuf carraa guddaa hin arganne. Yeroo murtaa'aa taphataa ture.
Kanaaf ergisaan gara PSG deeme. Bara 2002 ammoo Reenjersiif mallatteessuun kilabicha waliin waancaa liigichaa injifateera.
Isa booda yeroo muraasaaf gara kilaba liigii biyya isaa, Riyaal Soseedaad yeroo muraasaaf deebi'ee taphateera.
Mikeel Arteettaa ga'umsa isaa kan gabbifatee fi muuxannoo hooggansaas kan horate garuu Piriimer Liigii Ingilaand keessatti.
Bara 2005 Evertaniif kan mallatteesse Arteettaan bara taphaa lama taphataa cimaa ta'uun filatameera.
Akka taphataatti bara taphaa isaa kan xumuree fi akka ce'umsa gara leenjisummaatti kan isa gargaare ammoo kilaba ammallee cichee itti hafe, Arsenaali.
Bara 2011 paawondii miiliyoona kudhaniin Arsenaaliif kan mallatteesse Arteettaan, kilabicha waliin waancaa FA lama kan nyaate yoo ta'e, bara 2016 tapha kubbaa miillaa irraa sooroma ba'e.
Arteettaan sadarkaa dargaggootaatti malee taphattoota gameeyyiitti makamee garee biyyaalessaa isaaf hin taphanne.
Bara 2016 Pep Gaardiyoolaa jalatti leenjisaa gargaaraa Maanchisatar Siitii ta'uun kan filatame Mikeel Arteettaa, bara 2019 leenjisaa muummee (maneejara) Arsenaal ta'e.
Baruma jalqabaa sana kilabicha waliin waancaa FA injifate. Akkasumas seenaa kilabichaa waggaa 22 keessatti waancaa liigichaa injifateera.
Arteettaan amma leenjistoota gameeyyii yeroo dheeraaf Arsenaal hoogganan keessaa tokko ta'eera.
Akkasumas leenjistoota Piriimer Liigii amma jiran keessaa leenjisaa yeroo dheeraaf turuun hunda dursu ta'ee jira.
La Masia hanga Arsenaal- Ispeen hanga Ingilaand
Mikeel Arteettaan Ispeen keessaa San Sebastiyaan keessatti dhalate. Zhaabii Aloonsoo waliin kilaba guddattootaa- Antiguoko keessatti kubbaa eegalan. Isaan warra Bask (Basque).
Garuu Baarseloonaa keessatti taphattoota gameeyyii akka Andires Iniyaashtaa, Viktar Valdes, Zhaavii Hernaandez fa'a waliin turan.
Arteettaan achitti dursaa taphattoota Baarseloonaa fi akka leenjisaatti gorsaa isaa Pep Gaardiyoolaa waliin wal arge.
Dachee naga qabeettii, sochii ispoortiif mijattuu keessatti guddachuunsaa akka carraa uumeef hima Arteettaan.
Iddoo mijataa handaara galaanaatti kubbaa taphachaa, bashannanaa, yeroosaa dabarsaa akka ture hima.
''Bishaan (laga) baayyeen jaalladha. Biiftuu, handaara galaanaa hedduun jaalladha. Kana hunda irratti ammoo kubbaa miillaa dabali,'' jechuun fedhii fi muuxannoo ijoollummaasaa yaadata.
Akkaaadaamii Baarseloonaa, La Masia keessatti Iniyeestaa, Valdez waliin kutaa tokko jiraataa turan.
Guyyaa jalqaba, umriisaa waggaa 14tti, akkaadaamii kana seena gooli eegaa duraanii Liiverpuul Pepe Reyinaa waliin walarguun akka michoomfate hime Arteettaan.
''Pepe Reyinaa michuu koo ture. Baayyee walitti dhihaanna. Waggaa sadi kutaa tokko bulaa turre. Jireenya koo keessatti yaadannoon bakka guddaa qabu yeroon isa waliin dabarse.''
''Hundi keenyayyuu liigii jalqabaatti guddachuu waan qabnuuf wal dorgomaa turre malee akka maatiitti waliin jiraachaa turre,'' jechuun muuxannoosaa ijoollummaa yaadata.
Arteettaan wayita ergisaan gara PSG deemu umriinsaa waggaa 17. Achitti Mauricio Pochettino akka obboleessa hangafaa fi hiriyaa jabaatti isa gargaaruu hime.
''Mauricio Pochettino anaaf akka gaachanaa ture. Haala hunda keessatti na kunuunsaa ture. Ofitti amanamummaa guddaa akkan argadhu sababa naaf ta'eera,'' jedhe Arteettaan.
''Duuba koorraan taphataa ture.Akka nama duubaan na dhiibee fuulduratti na deemsisuutti na tumsaa ture. Nama isa caalaa na gargaare himuu hin danda'u.''
Mul'atisaa Baarseloonaaf taphachuu akka ta'ee fi kun garuu osoo hin dhugoomin hafuu kan dubbate Arteettaan, gara PSG deemuun ''murtee ulfaataa ture,'' jedhe.
Kilaba Faransaay kanaaf taphoota 53 taphate irratti goolii shan galche. Yeroon ergisaa isaa wayita xumuramu kilabichi tursiifachuuf fedhii agarsiisus inni garuu gara Baarseloonaa deebi'uu filate.
Bitootessa 2002 paawondii miiliyoona ja'aan kilaba Iskootlaand, Reenjarsiif kan mallatteesse Arteettaan, Gilaasgootti bara jalqabaa milkaa'inaan dabarse.
Saffisaan garee jalqabarratti hiriiranii taphatan keessa galuu danda'eera.
Gilaasgootti bara taphaa lama erga dabarsee booda gara Ispeen deebi'us, Reenjersi keessatti ga'umsa taphataa tokkorraa barbaachisu horachuu dubbata.
Kilaba kana keessatti ga'umsa dorgommii Piriimer Liigii Ingilaandiif barbaachisu akka argate hime.
''Murtee akkaan filatamaa ta'en murteesse. Baayyee ulfaata, baayyee qoramta. Kubbaan miillaa asitti taphattu adda. Miira jiraachuu fi du'uutiin falmachuu qabda.''
Arteettaan bara 2004 gara Ispeen deebi'uun gatii yuuroo miiliyoona 5.2 ta'uun Riyaal Soseedaad galus, walakkaa bara taphaa sana San Sebaastiyaan keessatti dabarse keessatti taphoota sadi qofa jalqabarraa hiriiree taphate.
Bara 2005 paawondii miiliyoona lamaan kontiraata waggaa shaniin Evertan kan seene Arteettaan, daqiiqaa kilabicha keessatti dabarse hundatti gammadaa fi jaallachaa akka ture hime.
Akkuma Piriimer Liigii Ingilaand seeneen garee taphattootaa fi hooggantootaa, deeggartootaa fi hojjettoota hunda waliin walitti dhufeenya cimaa qabaachuun akka guddina isaaf bu'uura ta'e dubbate.
''Ofitti amanamummaa horatta. Obboroo gammachuun hirribaa kaatee gara shaakalaa deemta. Yeroon dabarse hunda jaalladheen dabarse.''
Arteettaan bara taphaa lama walitti aansuun taphataa cimaa Piriimer Liigii ta'uun badhaafameera. Akkasumas taphataa cimaa sarara gidduu ta'uunis filatameera.
Wayita kontiraata Evertan waliin qabu xumuru umriinsaa waggaa 29. Kanaaf ammaan booda carraa akka Evertan keessatti argatee deebi'ee argachuu akka hin dandeenye dubbatee ture.
Ta'us Evertan keessatti waan taphataa tokkoof barbaachisu hunda argachuu fi milkaa'inaan xumuruu dubbateera.
Dhumarratti yeroon inni Arsenaal keessatti dabarse garuu boqonnaa itti aanuuf riqicha ta'eef.
Haati warraa Arteettaa akkamiin jireenyasaa jijjiirte?
Mikeel Arteettaan wayita Ispeen keessaa gara Iskootlaand imalu jireenya milkii fi qormaata walqixa keessummeessuu hime.
Kilaba Reenjarsi wayita turetti yeroo gara San Sebaastiyaan imalu haadha manaasaa egeree, Lorena, waliin walargan.
Taatoo fi moodela lammummaa Arjentiinaa fi Ispeen qabdu Lorena waliin amma ijoollee sadi horaniiru.
''Jireenya koo jijjiirte. Akkaataan itti waa'ee jireenyaa yaadu jijjiirte,'' jedhe.
Haadha manaasaa waliin bu'aa bayii hedduu keessa darbuu hime Arteettaan.
''Waan hedduu waliin argine, hedduu waliin imalle. Haalota adda addaa keessa waliin dabarre. Gariin gammachuu, kaan ammoo haala hamaa waliin dabarsine.''
''Wayitan ishee waliin ta'u hunda hin mukaa'u, miira akkasiitu jira. Sa'aatii shan, kudhan taa'ee, bakka kamuu yoon deeme, isheen waan jirtuuf gammachuu fi kolfatu jira.''
Kubbaa miillaa keessatti qaamaa qalbiin kan nuti yaadnu waa'ee morkataa- taphataa, lenjisaa ykn hoogganaa kilaba biraati kan jedhu Arteettaan, garuu kana waliin walqixa kan yaaduu qabutu jira jechuun waa'ee haadha warraasaa dubbata.
''Waa'ee nama keetiihoo? Kan sitti aanu…sana malee bu'uurri kan hin jirre. Sana malee jabaatanii itti fufuun kan hin danda'amne,'' jedhe.
Arteettaan yeroo Iskootlaand keessatti dabarse booda gara Riyaal Soseedad wayita deebi'u umriinsaa waggaa 24.
Sababi ijoon inni gara Ispeen deebi'eef maatiisaa (abbaa fi haadha) wal hiikuuf deeman walitti araarsuuf ture.
Kun jiruu kubbaa miillaa qofa osoo hin taane, jireenyasaa waliigalaatti qormaata guddaa ta'e.
''Akkan balleessettin of ilaale. Tarii an jireenya kiyya mijeeffachuuf jedhee biraa imaluutu kana fiduu isaa hin beeku. Garuu waan mudateef itti gaafatamummaan fudhe,'' jedhe.
''Gara Ispeen deebi'uun sirriidha jedhee yaadee hin beeku. Garuu maatii kiyya walitti qabuu fi walitti deebisuun ammoo dirqama kiyya. Rakkoo hamaa ture.''
Arsenaal durii fi ammaa Arteettaa waliin
Mikeel Arteettaan bara 2011 paawondii miiliyoona kudhaniin Arsenaal seene, hanga bara 2016tti taphate.
Jalqabuma wayita Arsenaal seenu hooggansaaf nama qophaa'e fakkaata.
Kutaa jijjiirraa uffataa callisaa ture keessatti sagaleesaa dhageessisuu eegale.
''Dubbachuun jalqab, hunduu akka walitti dhihaatu hojjechuun eegale. Hojjennee waan feenu argachuu akka dandeenyu dubbachuun garee jajjabeessaan ture. Miira gammachuun qaban ture,'' jechuun miira Arsenaal keessa ture ibse.
''Waan narraa eegamu hunda gochuuf qophiin ture. Daangaa taphattoota gidduutti ijaarame hunda cabsuun eegale.''
Wayita kubbaa tapachuurraa soorama ba'uu jala gahu ''kubbaa taphachuu caalaa leenjisaa ta'uuf fedhii guddaan horadhe,'' jedhe.
Kunis fedhii fi hawwii qofaan hin hafne, Arteettaan Muddee 2019 leenjisaa Arsenaal ta'e.
Wayita Arteettaan hojii leenjisummaa eegalu kilabichi akkana qindaa'aa fi ga'umsa gaarii jedhamurra hin turre. Kana karaatti deebisuun hojii manaa guddaa ture.
''Rakkoon ture baayyeedha, hamaadha. Hundeerraa rakkootu ture. Hunduu wal laaqee ture,'' jedhe.
Arteettaan akka hoogganaatti taphattoota kaan filatee kaan moggaatti hin baasne. Taphattoota qabu ga'oomsee kilabicha sadarkaa ga'umsa abdachiisaatti ceesisuuf ifaajuu eegale.
Arsenaal bakka isaa malutti akka deebi'uuf hojiiwwan xiinsammuu, hamilee fi miira ijaaruu, kaka'umsa uumuu fi taphattoota onnachiisuu irratti xiyyeeffate.
Hundee jabaa fi umrii dheeraa kilabichi seenaa kubbaa miillaa keessatti qabu mul'isuuf muka umrii dheeraa qabu (Olive tree) waajjirasaa fuuldura dhaabe.
''Muka dhaabeen akkas jedhe 'kun kennaa kiyya'. Amma kunuunsuu qabdu. Waan lubbuu qabu waan ta'eef. Akka du'u gochuu hin qabdan,'' jedhe.
''Muki akkuma kilaba kubbaa miillaa keenyaa umrii dheeraa qaba- waggaa 130 caalaa. Guyyuu jiraachuu qaba, mul'achuu qaba. Dagachuu hin qabdan, itti gaafatama hundaati.''
Garee taphattoota Arsenaal hanga hoogganuutti kan tajaajile Arteettaan taphataa ta'ee Arsenaal waliin waancaa Piriimer Liigii nyaachuuf guddoo ifaajus hin milkoofne, garuu leenjisaa ta'ee milkaa'eera.
Taphataas, leenjisaas ta'e kilabicha waliin waancaa FA injifateera. Hundaa ol ammoo bara taphaa 2025-26 waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii injifachuun hawwii yeroo dheeraa kilabichaa milkeesseera.
Akkasumas taphattoota bakka hundarratti cimsuun dorgommii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa xumuraaf akka ga'an taasiseera.
Leenjistoota gameeyyii kanneen akka Pep Gaardiyoolaa, Arseen Wiingar, Joosee Moriinihoo irraa leenjisummaa kan barate Arteettaan, yeroo ammaa Piriimer Liigii Ingilaand keessatti leenjisaa milkaa'aa, gameessa, tajaajila yeroo dheeraa qabu ta'eera.
Kubbaa irraa erga soorama ba'ee yeroo muraasa booda umrii isaa waggaa 34tti wayita gargaaraa Gaardiyoolaa ta'ee Maanchistar Siitii galu, mala maltee fi foormulaa leenjisummaa akkaan horachuu ibse Arteettaan.
''Foormulaa ajaayibaati. Akkaataan itti ija keenyaan tapha dirree keessaa irratti xiyyeeffannu waan yeroo sanatti gochuu qabnu murteessa. Waan haaraa akkanaatti makamuun baayyee namatti tola,'' jchuun turtii Gaardiyoolaa waliinii ibse.
Arsenaal keessatti leenjistoota yeroo dheeraaf tajaajilan keessaa nama torbaffaa ta'ee jira.