Hidhattoonni Itoophiyaa torba mootummaa loluuf qindoomina uumuu ibsan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hidhattoonni Itoophiyaa keessa socho'an torba ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu'' jechuun maqaa Tibibbir Lehilliwunnaa jedhuun qindoomina haaraa uummachuu Hoogganaan Sochii Biyyaaleessaa Faannoo Amaaraa Obbo Zammanee Kaasee miidiyaa Tigraay irratti ibse.

Fulbaana 20, 2026 galgala keessa TV Tigraay irratti ibsa kennan keessatti qindoominni kun Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF), Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa dabalatee hidhattoota torba of keessatti hammachuu ibse qondaalli Faannoo kun.

Obbo Zammanee Kaasee walitti qabaa qindoomina kanaa ta'uun ibsameera.

Hoogganaan Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa kun ibsa isaa keessatti galmi qindoomina kanaa inni ijoon mootummaa amma Itoophiyaa bulchaa jiru aangoorraa buusuu akka ta'e eere.

''Bulchiinsi mootummaa badhaadhinaa erga aangoorraa kaafamee booda mootummaan ce'umsaa hirmaachisaa ta'e ni hundaa'a,'' jedhe.

Qindoominni hidhattootaa haaraa ibsame kun Faannoo, WBO fi TPLF irratti dabalataan, Sochii Dimokirataawaa Uummata Gumuz, Sochii Bilisummaa Uummata Benishangul Gumuz, Adda Bilisummaa Uummattoota Ogaaden fi Adda Tokkummaa Biyyaalessaa Affaar hammateera.

Obbo Zammaneen ibsa dubbise keessatti galmi ijoon qindoomina kanaa mootummaa Ministira Muummee Abiy kuffisuu fi ''mootummaa ce'umsaa hirmaachisaa chaartara ce'umsaan hoogganamu,'' hundeessuu ta'uu eere.

Walitti qabaan qindoomina kanaa Zammanee Kaasee adeemsa kanaan ''ce'umsa gara boqonnaa haaraa'' jechuun ibse.

Qindoominni kun mirgi namoomaa fi dimokiraasii lammiilee Itoophiyaa hundaa ''osoo hin sharafamin akka mirkanaa'u,'' kan dandeessisuudha jedhe.

''Boqonnaa haraan kun kan banamu mootummaa amma aangoorra jiru kan paartii badhaadhinaan durfamu aangoorraa buusuudhaan'' ta'uus ibse dabaluun.

Gareen hidhattootaa qindoomina kana uummachuu ibsan galmi isaanii ijoon inni lammataa ''boqonnaa ce'umsaa'' banuu akka ta'e ibsa isaa keessatti eereera.

Qindoominni kun bu'aa bayii hedduu booda hundeeffamuu kan ibse Zammanee Kaasee ''mirga jiraachuu fi jiraachuu lammiilee biyyattii akkasumas nageenya biyyaa eegsisuun,'' dhimma dursi kennamuuf ta'uu hime.

Qindoominni kun mootummaa badhaadhinaa kuffisuuf hojiiwwan dursa kennee akka hojjetu ibse keessaa ijoon ''waraana hunda yeroo ammaa kutaalee Itoophiyaa garagaraa keessatti gaggeeffamaa jiran dhaabsisuu, mirgoota namoomaa fi dimokiraasii mirkaneessuu fi nageenyaa fi tasgabbii eegsisuu,'' akka ta'e eere.

''Goolama diinagdee fi hawaasummaa tasgabbeessuu, hariiroo biyyoota ollaa waliin fooyyessuu fi bakka biyyattiin naannawa ishee fi addunyaarratti qabdu sirreessuu,'' kanneen jedhanis galma isaanii ijoo ta'uu eere Zammanee Kaasee.

Qindoominni kun akka galma ijoo lammaffaatti ibsa isaarratti kan eere ''mariiwwan hawaasaa fi heera mootummaa,'' gaggeessuudha.

''Nageenya Itoophiyaa fi mirga jiraachuu fi jiraachuu dhabuu lammiilee Itoophiyaaf jecha,'' akka gaggeeffamu kan ibsame mariin kun, ''haqa qabeessa, amanamaa fi hunda kan hirmaachise'' akka ta'u ibsa qindoomina kanaa keessatti eerameera.

Galmi marichaas ''gaaffileen hawaasaa fi biyyaa akkaan murteessoo ta'an hirmaannaa hawaasi kallattiin taasisuun akka furmaata argatan,'' gochuu akka ta'e ibse Zammanee Kaasee.

Kanaan dura hoogganaan Sochii Biyyaalessaa Faannoo Amaaraa Zammanee Kaasee sochiin isaanii ''naannoo Amaaraa keessatti qofa kan daangeffame akka hin taane,'' ibsee ture.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaan Kamisa Fulbaan 17, 2026 ibsa baase keessatti hooggantoonni Faannoo kanneen maqaa Faannoo jedhuun Oromiyaa keessa socho'am irraa akka of fageessan akeekkachiisee ture.

ABO-WBO ibsa isaa keessatti ''garee akkasii waliin qindoomuun yeroo gabaabaaf dantaan gama waraanaa argamuu danda'u, galma siyaasaa yeroo dheeraa irratti gatii kaffalchiisuu'' akka danda'u ibse.

Kanaaf humnoonni Amaaraa humna kana ilaalchisee ''haasaa itti gaafatamummaa hin qabne gochuurraa akka of qusatanii fi garee kana waliin hariiroo qaban ifatti akka adda kutan,'' gaafatee ture.

Pirezidantiin duraanii mootummaa yeroo Tigraay fi gorsaan dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Abiy Ahmad hidhattoonni akka Faannoo, WBO fi TPLF galma Ertiraa milkeessuuf kan hiriiran jedhan.