US xiyyaarota waraanaa F-35 Sa'uudiitti gurguruun maaliif falmisiisaa ta'e?


Pirezidant Tiraamp Sadaasa 18, 2025 waajjira Oovaal keessatti Ilma Mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman simachuun dhimma biyyoota lamaanii irratti wayita mari'atan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Tiraamp fi Ilma Mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman, waajjira Oovaal keessatti
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ameerikaan xiyyaarota waraanaa ammayyaawoo ta'an F-15 jedhaman Sa'uudii Arabiyaatti gurguruuf karoora qabdu ibsinaan falmiin guddaan ka'e.

Bulchiinsi Tiraamp gosa xiyyaarota kunneenii 50 ta'an Sa'uudiitti gurguruuf wayita mirkaneessu miseensonni Kongiresii gariin mormaniiru.

Sa'uudiin waggootaaf xiyyaarota waraanaa addunyaarratti akkaan ammayyaawoo ta'an bituuf fedhii agarsiisaa turteetti.

Ameerikaan karoora xiyyaarota waraanaa F-15 Sa'uudiitti gurguruu irratti yaaddoos qabdi. Sababni isaa xiyyaara kana Israa'eliif kenniteetti waan ta'eef.

Israa'el meeshaalee waraanaa Ameerikaa irraa argachuun kan ishee gitu hin jiru. Kun imaammata US biyyattiirratti qabduudha.

Bulchiinsi Tiraamp xiyyaarota kunneen doolaara biiliyoona 24n biyya US irraa meeshaalee waraanaa bituun maamila cimtuu taate, Sa'uudiitti gurguruuf kan karoorfate yoo ta'u, Kongiresiin mirkaneessuufis ta'e kuffisuuf guyyaa 30 qaba.

Xiyyaara waraanaa US F-35 Adoolessa 4, 2026 yaadannoo guyyaa walabummaa biyyattiirratti agarsiifame, Waashingitan DC.

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara waraanaa US F-35

Ilinooy irraa bakka kan bu'e miseensi paartii Dimokiraat Raja Krishnamoorthi gurgurtaa meeshaa waraanaa kana mormeera.

''Adeemsi kun teeknooloojii waraanaa qaalii Ameerikaa harka Paartii Koministii Chaayinaa akka seenu karaa bana,'' jechuun akeekkachiise.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Miseensonni Dimokiraat biroon fi qondaalonni waraanaa Ameerikaa hedduun waa'ee gurgurtaa xiyyaara waraanaa F-35 irratti yaaddoo walfakkaataa dhiheessaniiru.

Sa'uudiin teeknooloojii waraanaa eeggannoo barbaachisu kana iccitiisaa Chaayinaaf qooduu dandeessi jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Sababni isaa Chaayinaa fi Sa'uudiin hariiroo nageenyaa waliin qabu waan ta'eef odeeffannoo akkanaa waliif qooduunsaanii waan oolu miti.

Ministeerri dhimma alaa US Kamisa wayita karoora kana ibsu tarkaanfiin kun ''imaammata dhimma alaa fi galma nageenya biyyaalessaa'' kan deeggaruudha jedhe.

Waliigalteen kun ''nageenya biyya miseensa NATO hin taane, garuu tasgabbii siyaasaa fi diinagdee biyyoota Galoo Galaanaaf murteessituu taatee,'' mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qaba jedhe.

''Karoora gurgurtaa meeshaalee waraanaa fi deeggarsi karoorfame humna waraanaa Baha Giddugaleessaa wal morkachiisuuf kan oolu miti,'' jedha ibsi ministeera dhimma alaa.

Tiraamp Ilma Mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman waliin hariiroo cimaa qaba.

Ilmi Mootii kun erga Sadaasa bara darbee Waayit Haawus daawwatee booda ammoo michummaan aanga'oota lameenii dabaleera.

Aanga'oonni lameen Caamsaa darbes magaalaa guddoo Sa'uudii Riyaaditti walarganiiru.

Yeroo sana gurgurtaan meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 142tti tilmaamamu kan ibsame yoo ta'u, Waayit Haawus isa kanaan ''seenaa keessatti waliigaltee gurgurtaa meeshaalee waraanaa isa guddaa'' jechuun ibse.

Gurgurtaan meeshaalee waraanaa amma ibsame xiyyaarota waraanaa F-35 ta'an kan kubbaaniyyaa oomisha meeshaa waraanaa Lockheed Martin jedhamuun hojjetame 48 dabalata.

Israa'el xiyyaarota kunneen 50 ta'an US irraa argattee jirti. Sa'uudiin xiyyaarota kunneen 48 argatte jechuun meeshaalee waraanaa kunneen Ameerikaarraa argachuun Israa'el waliin walqixxaachuuf jirti jechuudha.

Haata'u malee Caamsaa darbe ministeerri dhimma alaa Israa'el teeknooloojii xiyyaara kanaa dabalataan argachuuf karoorsuu ibsee ture.

Gabaasi Jerusalem Post baase akka mul'isutti Israa'el akkaataa gaaffii dhiheeffatte kanaan lakkoofsa xiyyaara waraanaa F-35 100 irraan ga'achuuf deemti.

Xiyyaarri waraanaa Lockheed Martin oomishu F-35A jedhamu tokkoonsaa doolaara miiliyoona 82.5 baasa.

Kongiresiin kanaan duras, ajjeechaa gaazexeessaa Sa'uudii Jamaal Kashoogjii bara 2018 booda, waa'ee gurgurtaa meeshaalee waraanaa Sa'uudiif eeyyamamuu irratti gaaffii kaasanii turan.

Bulchiinsi pirezidantii duraanii US Joo Baayidan yoo Sa'uudiin hariiroo ishee Israa'el waliin tolfatte xiyyaarota waraanaa F-35 kennuufiif yaada akka qabu ibsee ture.

Garuu karoorri dipiloomaasii sun hin milkoofne.

Karoorri gurgurtaa xiyyaarota waraanaa kun wayita Sa'uudii hidhattoota Huutii Yaman kan Iraaniin deeggaraman waliin waraana keessa jirtutti dhagahame.

Bara 2014 irraa kaasuun magaalaa Sana'aa fi kutaalee kaaba Yaman to'atanii kan jiran hidhattoonni Huutii, dhiheenya kana kallattii kibbaatti socho'uun buufatataalee handaara galaanaa fi odoolaawwan hedduu Galaana Diimaa marsanii jiran to'ataniiru.

Huutiin humnoota mootummaa Yamanii kan Sa'uudii Arabiyaan deeggaraman ari'uun ulaa Galaana Diimaa akkaan murteessaa Baab el-Mandab to'ate.

Maddeen miidiyaa US michuu BBC ta'e CBS akka ibsanitti Ilmi Mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman pirezidant Tiraamp akka Huutii irratti tarkaanfii waraanaa fudhatu dhiibbaa uumaa jira.

Garuu Tiraamp hanga ammaatti humni waraanaa US kallattiin waraana kana keessatti akka hirmaatan hin eeyyamne jedhu maddeen CBS.

Ameerikaa fi Sa'uudiin Adoolessa 2026 keessas waliigaltee sagantaa nukilaraa waliif mallatteessaniiru.

Biyyoonni lameen wayita waliigaltee mallatteessan sagantaan nukilaraa irratti waliigalan kun kan ''tajaajila anniisaa uummataaf kennu'' ta'uu ibsaniiru.

Haata'u malee wayita Ameerikaan sababa nukilaraa Iraan waliin waraanatti jirtutti waliigalteen nukilaraa ajandaa ta'ee dhihaachuun mataansaa ''miira dorgommii meeshaalee waraanaa nukilaraa kakaasa'' jechuun kanneen waliigaltee kana qeeqan jiru.

Waliigalteen US fi Sa'uudii kun Adoolessa 22 mallattaa'us, Kongiresiitti erga dhihaatee booda raggaasifamuu qaba.