"Maatiin koo lubbuun jiraachuuf dhiisuusaanii hin beeku" - maatii qabsaa'ota Ertiraa waggaa 25 oliif mana hidhaa jiranii

Madda suuraa, Hanna Petros Solomon
Pheexroos Solomoon mana hidhaa Ertiraatti osoo hin darbatamin dura, Ministiira Ittisaa, Ministiira Dhimma Alaa ture.
Hannaan abbanshee Pheexroos Solomoon waggaa 25 dura murtee mana murtii tokko malee mootummaa Ertiraan yeroo hidhamu isheefi obbolaanshee akkamitti abbaa malee akka hafan imimmaanin yaadatti.
Yeroo gabaabaa booda ammoo haatisaanis itti dabalamuun hidhamte. Hannaafi obboloonnishee erga sagalee abbaafi haadhasaanii dhagahanii waggaa 25 darbeera.
Pheexroos Solomoon osoo hin hidhamin dura qondaalota olaanoo Ertiraa keessaa tokko ture. Qabsoo Ertiraanonni taasisan keessatti nama adda dureen hirmaate ta'uu himti Hannaan.
Yeroo abbaanshee hidhamu reefu ganna 10 akka taate kan himtu Hannaan, abbaanshee ganama ispoortii hojjachuuf akkuma manaa bahetti humnoota Ertiraan qabamee akka hidhame yaadatti.
"Ganama ganama sochii qaamaa taasisa ture. Waan akka fooxaa wayii gatiittirra buufatee ture," jechuun akka itti abbaanshee manaa bahee achumaan hafe yaadatti.
Pheexroos Solomoonifi Asteer Yohaannis kan wal-baran yeroo Ertiraan Itophiyaarraa adda bahuuf qabsoo gootu akka ta'e ibsiti Hannaan.
Sana booda gaa'ila godhatanii akka isaan horatan kan himtu lammiin Ertiraa maatiinshee mana hidhaa Ertiraa keessatti waggaa 25 oliif dararamaa jiran kun, abbaanshee qondaala olaanaa akka ture ibsiti.
Yeroo qabsoo gochaa turanis ta'ee sana booda abbaanshee gaggeessitoota olaanoo Ertiraa keessaa tokko waan tureef namoota heddu biratti akka "goota biyyaalessatti" ilaalama ture jetti.
Ertiraan Itoophiyaarraa erga adda baatee walabummaashee erga labsattee booda Pheexroos Solomoon ministiira ittisaa, akkasumas ministiira dhimma alaa biyyattii ta'uun tajaajileera. Boodarra mootummaa wajjin wal-dhabuurraa kan ka'e Ministiira Omisha Qurxummii ta'ee tajaajilaa ture.
Bara 2001 Pheexroos Solomoonifi qondaalonni biroo 14 Pirezidaant Isaayaasif xaayaa barreessan. Kaayyoon xalayaa isaaniis heerri walabummaa booda ragga'e hojiirra akka oolufi filannoon biyyaalessaa akka gaggeeffamu gaafachuu ture. Namoonni kunneen G-15 jedhamuun beekamu.
Gaaffii qondaalonni biyyattii ijoo ta'an dhiyeessan kana Pirezidaant Isaayaas gaarummaadhafi jedhanii hin fudhanne. Gaaffii namoonni siyaasaa kunneen gaafatan deebisuurra akka hidhaman godhaman.

Madda suuraa, Hanna Petros Solomon
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Fulbaana 8, 1994 ALItti ajaja Pirezidaant Isaayaasiin manni qondaalota olaanoo Ertiraa 11 akka marfamu ta'e.
Pheexroos gaafa sana akkuma yeroo kaanii ispoortii hojjachuuf gaafa obboroon bahu marfamee of arge. Achumaan fudhatamee erga hidhamee hanga yoonaa sagaleesaanii dhageessee akka hin beekne himti intallisaa Hannaan.
Hannaan akka jettutti yeroo abbaanshee hidhamu, haatishee barnootaaf Ameerikaa waan turteef waan mudatellee baruuf akka rakkatan himti. Kanaaf Hannaafi obbolaanshee obbolaa haadhashee waliin turuun dirqama itti ta'e.
Abbaanshee hidhamee guyyootan booda mana barnootatti ijoolleen waa'ee abbaashee yoo haasan maaltu akka mudate baruu yaadatti.
"Hiriyoonni koo daree keessatti abbaan kee biyya gurgure jedhanii natti himan. Yeroo sanaadha abbaa koofi namoota biyyaaf jecha aarsaa kaffalan yakkuuf hangam akka deeman naaf gale. Baay'een miidhame," jetti Hannaan.
Haatisaanii Asteer Ameerikaarraa yoo deebite rakkoon ishee mudachuufi dhiisuu dursitee qondaalota mootummaarraa erga mirkaneeffattee deebitus buufata xayyaarratti to'atamuun hidhaa buute.
Hannaafi obbolaanshee akkasumaa firoonni ishee simuuf buufata xayyaaraa Asmaarratti eeganis Asteer dhufuu hin dandeenye. Akkuma buufata xayyaaraa seenteen to'annoo jala galfamte.
Abaaboo qabatanii haadhasaanii simuuf buufata xayyaaraa Asmaraatti argamanis, abdiinsaanii akkuma abaaboo baatanii coollage.
"Sa'aatii dheeraa eegnee dadhabnee manatti deebine. Jalqaba Ameerikaatti bilbillee; hiriyoonnifi firoonnishee buufata xayyaaraan gahanii akka deebi'an nutti himan," jechuun yeroo dheeraa booda haatisaanii buufata xayyaaraa akkuma geesseen to'atamuu dhagahuu himti.
Boodarra Asteer mana hidhaa beekamaa magaalaa Asmaraa keessatti argamu Karshellee jedhamu keessatti hidhamuu dhagahana.
Abbaan Hannaa Obbo Pheexroos Solomoon bara 2001 qabamuun mana hidhaa eegumsa cimaafi icciitiin eegamu magaalaa Asmaraa irraa gara Kaabatti argamnu Iraa'irroo jedhamu keessatti hidhamuu himti.
Manni hidhaa kun namoonni siyaasaa jajjabboon qabsoo Ertiraa keessatti hirmaannaa guddaa godhaniifi biyyattii keessatti jijjiiramni akka dhufuuf gaafatan kan itti hidhamanii jiraniidha.
Pheexroosifi namoonni isa waliin hidhaman himanni "biyya ganuu" jedhu irratti dhiyaatus tokkoonsaanituu mana murtiitti dhiyaatanii murtee hin arganne, firaafi maatiisaanii akka daawwataniifis hayyamameefii hin beeku.
Yeroodhuma wal-fakkaataa keessatti mootummaan Ertiraa gaazexaawwan dhuunfaa cufuun gaazexeessitootasaanii akka hidhetu amanama.
Hidhamtoonni kunneen eessattiifi haala maalii keessatti akka argaman BBCn embasii Ertiraa Ingilitti argamu gaafatus deebii hin arganne.
Hannaan abbaansheefi haatishee waggoota hedduuf hidhamuun kan miidhamte yoo taatu, akkuma dargaggoota Ertiraa kumaatamaan lakkaa'amanii tajaajila waraanaa dirqamaa kennuu dheenfaaf biyyaa baate.
Hannaan amma nama ganna 35 yoo taatu, gaa'ela dhaabattee ijoollee horteetti. Ofii bilisummaan jiraattus, abbaafi haatishee waggaa 25 oliif jiratanii du'aniisaanii osoo hin dhagahin hafuun hirriba ishee dhorka.

Madda suuraa, Hanna Petros Solomon
Ibraahiim Shariifoo nama akkuma Hannaafi obbolootashee maatiin mootummaa Ertiraan jalaa hidhamaniidha. Miira Hannaan keessa jirtu bareechee hubata.
Innis haatifi abbaansaa qondaalota olaanoo mootummaa Ertiraa kan turan yoo ta'u, maatiinsaa garee G-15 jedhamaniifi waggaa 25 oliif mana hidhaa eegumsa cimaafi namni kamuu seenee hin ilaalle keessatti hidhamanii jiran keessatti argamu.
Yeroo haatifi abbaansaa mootummaa Ertiraan hidhaman Ibraahim waggaa 13 ture.
"Anaaf Fulbaanni 2001 guyyaa dukkanaa ture. Ertiraafi uummatasheef guyyaa dukkanaa ture. Sababni isaa guyyaa itti seerrifi dimokiraasiin hidhameedha," jechuun qondaalonni olaanoon biyyattii jijjiirama Ertiraaf qabsaa'an guyyaa itti hidhaman ta'uu hima.
Abbaansaa Mohaammad Ahimad Shariifoo osoo hin hidhamnin dura Ministiira Naannoofi Ittaanaa Pirezidaantii turan.
Ibraahim yeroo ammaa Nezarlaandis keessa baqattummaan jiraata.

Madda suuraa, Sherifo and Aster family
Ibraahim guuyyaa humnooti nageenyaa Ertiraa dhufanii haadhasaa manaa qabanii deeman sirriitti yaadata.
Inniifi haatisaa mana obboleetii haadhasaa osoo jiranii hojjattoonni tikaa Ertiraa dhufanii akkuma isheen pijaamaa uffattee jirtutti manaa fuudhanii akka deeman hima.
Haatisaa erga qabamtee booda, waa'ee abbaasaa yaadda'uun gara manaa yoo deemu abbaansaas akkuma sochii qaamaa taasisuuf baheen to'atamuu dhagaha.
Hannaas ta'ee Ibraahim maatiinsaanii Ertiraa keessatti jijjiiramni akka dhufuuf kutannoo qabaniin aarsaa kaffaluusaaniif akka itti boonan himu.
"Kaayyoon isaan qabsaa'aniifi kufaniif Isaayaasifi maatii isaatiin gaafa butamu callisanii ilaaluu hin filanne," jechuun sammuu qulqulluu akka qaban hima Ibraahim.
Hannaan ammoo kanneen maatiinsaanii mootummaa Ertiraatiin achi buutensaanii akka hin baramne godhaman haalli keessa jiran akka baramu barbaaddi.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen mirga namaaf falman garaa garaa hidhamtoonni siyaasaa garee G-15 akka gadi lakkifamaniif waamicha gochaa turan.
















