'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
Arsenaal baranas waancaa kan irraa fudhatu hin jiru osoo jedhamuu Biraayitaniin akka hin taanetti mo'ame. Arteettaan gahuumsa taphattoota isaatti baay'ee gadduu ibse.
Taphattoonni Biraayitan "teenyee akka of ilaalluuf hojii manaa cimaa nuuf kennan" jedhe taphicha booda yaada kenneen.
Biraayitan Maan Yunaayitiidifi Arsenaal walitti aansuun injifachuun amma gabatee Piriimeerliigii 3ffaa qabatee jira.
Hanga kaleessa Biraayitaniin mo'amutti Arsenaalitti galchii tokko qofaatu galee ture. Deeviid Raayaa garuu Sambata Biraayitan dura dhaabbachuu hin dandeenye. Tapha tokkotti galchii sadi itti gale.
Taphattoonni Biraayitan Arsenaal kubbaa qabatee fuulduratti akka hin deemneef sirriitti itti qophaa'anii waan dhufan fakkaatu.
Dogoggoroota teeknikaafi onnee taphaa dhabuu Arsenaal
Arteettaan erga bara 2019 leenjisummaa Arsenaal qabatee as taphattoonni isaa kubbaa qabatanii akka taphataniifi hamikee mo'achuu akka qabaatan irratti hojjataa ture.
Tapha Biraayitan waliin taasisan irratti garuu Arsenaal dirree keessaa hin mul'anne. Taphaan caalamuu qofaa osoo hin taane, yaalii kubbaa sirrii ta'eyyuu osoo hin taasisin bahan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Sararri ittisaa Arsenaal kaleessa inuma dhangalaase. Sararri gidduu dur Arsenaal ittiin morkattootasaa caalu ni caalame.
Arteettaan akka kaleessaa waan aare hin fakkaatu. Hundarra ammoo taphattoonni isaa yaalidhuma sirrii ta'e gochuu dhabuusaanitti baay'ee akka gadde ibse. "Karaa hundaan caalamnee turre," jedhe.
Dogoggoroonni taphattoonni sarara ittisaa taasisaniifi yaalii taasisuuf onnee dhabuu taphattoota isaatti baay'ee gadduus hime.
Taphattoonni isaa gahuumsa eegameen gadi maaliif akka taphatan yoo gaafatamu Arteettaan: "Kan jalqabaa taphattoonni Biraayitan baay'ee gaarii turan.
''Carraan wal-qixaa yeroo uumamee turettis isaanumatu itti fayyamaa ture. Barnoota guddaa nuuf ta'a," jechuun dogoggorriwwan teeknikaa taphattoonni Arsenaal uuman Biraayitaniif carraa guddaa akka kenneef amane.
Arsenaal boqonnaa intarnaashinaalaa dura qabxii gatus, Arteettaan garuu Biraayitan irratti gahuumsa gadaanan mo'amuun waan kaleessa milkeessine nu jalaa busheessuu hin qabu jechuun miidiyaatti dubbate.
Piriimeerliigiin osoo hin eegalin dura taphattoonni taphattoonni Arsenaal 15 Waancaa Addunyaarratti hirmaatanii deebi'an. Kana jechuun taphattoonni kilabichaa hedduunsaanii barfatanii dorgommiiwwan michummaatti makamanii turan.
Ammaas taphattoonni garichaa heddu garee biyyaalessaa isaaniif taphachuuf gara biyyasaanii imalu.
Arteettaan, taphattoonni isaa erga Waancaa Addunyaarraa deebi'aanii tornanoota jaha ykn torba darbaniif waanti isaan milkeessan tapha tokkicharratti mo'amuudhaan jalaa busheeffamuu hin qabu jedhee falmeef.
"Waanti hojjanneefi taphoota darban mo'anne gaafa ilaalamu milkaa'ina ajaa'ibsiisaa argamsiifne," jedhe.
'Biraayitan galchii jaha ykn torba galchuu qabu turan'
Biraayitan amma galchii heddu lakkoofsisuun kan isaan dursu hin jiru. Taphoota shanan darban irratti galchii 16 lakkoofsisaniiru.
Arsenaal kilaba galchiin heddi itti hin galle jedhamee osoo jajamuu 3-0dhaan gaggeessan. Inumaayyuu carraan galchii sadii ol itti galuu heddu uumamee ture.
Arsenaal bara darbe kilaboota hunda caalaa galchiin heddu kan itti hin galle ta'ee ture. Baranas taphoota jalqabaa afur irratti Deeviid Raayatti kan gale galchii tokko qofa ture.
"Biraayitan akka carraa galchii uumanii turanitti, silaa [sadii] oltu Arsenaalitti galuu qaba ture," jedhe jifataan duraanii Niwu Kaasiil Alan Shiirar turtii BBC waliin taasiseen.
"Arsenaal akka hin taane godhan. Ciibsanii irra deeman jechuu dandeenya. Jalqabaa hanga dhumaatti taphattoonni Biraayitan ajaa'iba turan. Hundisaanii waan irraa eegamu bahataa turan.
"Baay'ee cimoo turan, taphattoonni Arsenaal akka hin sochoone duuka bu'anii mogolee qaban. Sodaa tokkollee hin qaban turan. Silaa galchii jaha ykn torba galchuu qabu turan," jedhe Alan Shiirar.
















